Koronavaayirasii: Ameerikaatti haati ijoollee ishee sadii waliin Covid - 19'n duute

Girees Fuskoo (kan gidduu jirtuu) fi ijoollee ishee 11

Madda suuraa, Gofundme

Ibsa waa'ee suuraa, Girees Fuskoo (kan gidduu jirtuu) fi ijoollee ishee 11

Ameerikaa kutaa biyyaa Niiw Jeersiitti maatii tokko keessaa haatii fi ijoolleen sadii Covid - 19'n yoo du'an, miseensotni maati kanaa kan biroon sadii ammoo vaayirasichumaan qabamanii hospitaala jiru.

Haatii ganna 73 fi ijoolleen ishee gaheessota ta'an jaha qophii maatii walitti fide tokkorratti erga hirmaatanii booda dhukkubsatan.

Miseensota maatii kanaa du'aniifi kanneen yaalarra jiraniin dabalataan 20 kan ta'an ammoo of qoodanii vaayirasichaan qabamuu isaanii baruuf eegaa jiru.

Namoonni akka walitti hin qabamne ogeessonni fayyaa gorsaa kana jiran ta'us Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota Covid - 19'n du'an dabalaa jira.

Maatii Girees Fuskoo keessaa kan jalqaba lubbuun dabarte mucaa isaanii ganna 55 yoo ta'u rakkoo fayyaa biroo hin qabdu turte jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Barsiistuun mana barnootaa Kaatolikii kun Jimaata duute achiis obboleessi ishee Roobii darbe du'e. Sa'aatiiwwan muraas booda ammoo harmeen isaanii boqotte.

Akka Niw Yoork Taayims gabaasetti Girees Fusko haatii ijoollee kanaa yoo lubbuun dabartu, du'a ijoollee ishee lamaa hin dhageenye.

Guyyaa Kamisaa ammoo ilmi dhiiraa biroon hospitaaluma haati isaa yaalamaa turtetti yaalarra ture lubbuun darbe.

Fira maatii kanaa kan taate namni Paradiso Fodera jedhamtu firri maatii kana waliin qophiii tokkorra ture bu'aa qoranno isaa beekuuf of qoodee jira. Bu'aan qorannoos torbee tokkoo ol tureera jetti.

Atileetotaafi namoota bebbeekamoo mallattoo homaa hin agarsiifneef dursa kennuu caala maatii vaayirasichaan faaalameef maaliif dursi hin kennamu jechuun adeemsa hojii qorannoo kana qeqxeetti.

Duutii miseensota maatii isaanii kanaa gadda baachuu hin dandeenye akka ta'es dubbatti.

Ijoolleen Girees Fuskoo obbolaatti kan oolaaniif Fuskoo Jaaksan gadda ishee Feesbuukii irratti akkanaan ibsite.

''Haatii koo obboloota 11 qabdu keessaati, Kamisa darbe yeroo rafuuf deemu adaadaafi eessumman 10'n qaba ture, Jimaata yoon ka'u sagal qofa akkan qabun bare. Amma daqiiqaa muraasa durammoo sadDettiitti hir'achuu isaaniin bare'' jette.

''Maaloo namoota jaalattan ofitti aansaa yeroo isaan waliin qabdaniis kunuunsaa, daqiiqaawwan waliin qabdaniis'' jechuun barreesite.

Yeroo ammaa namootni 200 ol ta'an Ameerikaa keessatti Covid - 19'n kan du'an yoo ta'u 20,000 kan siiqan vaayirasichaan qabamaniiru.