Koronaavaayirasii: Ani qophaatti adda of baasuu hin barbaadu, jedhan Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yoo xiqqaate nama Koronaavaayirasiin qabate tokko waliin walarganillee 'ani qophaatti adda of hin baasu,' jedhan.
Gargaaraa pirezidaantii Biraazil kan ta'e Faabiyoo Waajingaarten, daawwannaa Mar-a-Lagoo bakka pirezedaanti Tiraamp waliin itti walargan daawwatanii booda Koronaavaayirasiin akka qabame mirkanaa'eera.
Kana waliin walqabsiisee pirezidaant Tiraamp tarii Koronaavaayirasiitiin qabameeraa laata kan jedhu namoonni shakkaa jiru.
Jimaata darbe maaliif akka qorannoo hin taasifanneefi qophaatti adda of hin baafneef gaafatamanii pirezedaanti Traamp, "Lakki, waan barbaade ta'us nuti mallattoon nurratti hin mul'anne," jechuun rippoortarootaaf deebisan.
Ibsa miidiyaaleef Waayit Hawus keessatti isaan sardeen booda garuu, pirezidantichi qoratamuuf akka jiru dubbateera.
Ibsa gaafa Sambataa kennanis Pirezidant Tiraamp gaafa Jimaataa galgala qorannoo akka taasisan ibsan.
Bu'aa isaas guyyoota itti aananitti akka baran himan.
Gorsi Ameerikaa keessa jiru, namoonni kamiyyuu nama Koronaavaayirasiin qabamuun mirkanaa'e waliin walarge guyyoota 14f mana keessa turuu qaba jedha.
Aanga'aan Biraazil Obbo Waajangaarten koronaavaayirasiin akka qabame mirkanaa'e kun suura pirezidant Tiraamp waliin wal cinaa dhaabbatanii ka'uun maxxanseera.
Gaggeessaan ittisa dhibee koronaavaayirasii Ameerikaa Dr Antoonii Faahuchii namoonni nama koronaavaayirasiin qabame cinaa dhaabbatan qoratamuu hin qaban kan jedhu gaafatamanii, 'eyyeen qoratamuu qabu' jedhan.

Madda suuraa, Instagram
Ameerikaa keessaatti hanga ammaatti namoonni 2,000 ta'an Covid-19 qabamuun isaanii mirkanaa'eera.
Kutaaleen bulchiinsa Ameerikaa tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa jiru.
Tarkaanfiiwwan kunneen keessaa walga'iiwwan gurguddaa, qophiiwwan ispoortii ittisuufi manneen barnootaa cufuudha.
Jimaata darbe, Obbo Tiraamp labsii yeroo muddamaa dabarsanii tatamsa'ina dhibee kanaa ittisuudhaaf $40bn ramadaniiru.
Murteen Ameerikaa imala Awurooppaa irraa gara Ameerikaa taasifamu dhorkanis hojiirra ooluu eegaleera.















