Yugaandaatti talaallii koronaavaayirasii sobaa namoonni kennan to'ataman

Madda suuraa, Getty Images
Yugaandaatti abbaafi intalli talaallii koronaavaayirasii sobaa osoo kennaa jiranii argaman to'anaa jala oolfamuu poolisiin beeksiseera.
Yugaandaatti hanga ammaa namni koronaavaayirasiin qabame yoo hin jiraannellee, abbaafi intalli kun talaallii dhibee kana ni ittisa jedhan kennaa akka jiran bira ga'ameera.
Chaayinaa irraa ka'ee addunyaa irratti koronaavaayirasiin hanga ammaatti namoota 4000 ol kan ajjeese yoo ta'u talaallii ittisuu danda'u hanga yoonaatti hin argamneef.
Abbaafi intalli talaallii koronaavayirasii sobaa kun magaalaa guddoo Yugaandaa irraa kiiloomeetira 120 faggaattee kan argamtu qe'ee Maayuugee jedhamtu keessa akka ta'e poolisiin adda baafachuu danda'eera.
Abbaafi inatalli kun erga to'annoo jala oolfamanii booda wabiidhaan kan gadi dhiifaman yoo ta'u qorannoon dabalataa akka irratti gaggeeffamu ibsameera.
Shakkamtoonni kunneen talaalliidha kan jedhan waan akka dhangala'aa karaa afaaniitiin namootaaf kennaa kan turan yoo ta'u poolisiinis saamuda dhangala'aa sanaa fudhachuun qorannoo irratti gaggeessaa jira.
Hanga ammaatti garuu talaallii sobaa koronaavaayirasii ittisa waan jedhame kana namoota meeqa akka fudhatan hin baramne.
Dubbi himaan poolisii BBC'tti akka himanitti shakkamtoonni kunneen qoricha talaallii koronaavaayirasii kana namootaaf kennaa kan turan bilisaan yoo ta'u boodarra yeroo fedhiin dabalaa dhufee namoonni baayyachaa dhufan akka kaffalchiisan karoorfataniiru jedhameera.
Koronaavaayirasiin kun guutummaa biyyoota addunyaa irratti biyyoota 80 keessatti tatamsa'uudhaan namoota 111,000 ol qabatee 4,000 ol kan ta'an ammoo galaafateera.
Sababii kanaanis weerarri yaaddoo dhibee addunyaa ta'ee jira.

















