Koronaavaayirasii: Hindiin lammiileeshee biliyoona 1.3 akka manaa hin baane dhorkite

Kaleessa Bit. 24, 2020'tti Magaalaa Mombaayiitti akkuma MM haasaa taasisaniin namoonni waa bitachuuf hiriiranii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Mombaayiitti akkuma MM biyyattii haasaa taasisaniin namoonni waa bitachuuf hiriiranii

Ministirri Mummee Hindii Naarendiraa Moodii tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf biyyattii guutuutti sochii kamuu dhorkuun namoonni mana akka turaniif ajajan.

Ajaji kunis hojiirra olfamuu kan eegale yoo ta'u, guyyoota itti aanan 21'f hojiirra oolfama jedhame.

Ministirri Muummee biyyattii dhorkaa kanaan lammiileen akka hin sodaaneef ergaa karaa TV dabarsaniin gaafatanilleen, namoonni hedduun waan isaan barbaachisu bitachuuf suuqiiwwan magaalaa guddittiifi bakkeewwan birootti argaman dhiphisaa jiru.

Dhorkaa dabarfameenis waan akka nyaataa bitachuuf bahuun kan danda'amu ta'uufi dhiisuun ifatti waan hin eeramneef namootatti bitaa itti galeera.

Mootummaan Hindii tarkaanfii kana fudhachuun kan dirqamees erga lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii garmalee dabalee asii jedhameera.

Hindiitti hanga ammaatti namoonni 519 vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, 10 du'unis himameera.

Hindiin biyyi baay'ina ummata biiliyoona 1.3 ta'u kan qabdu yoo taatu, murtee tibbanaan tarree biyyoota lammiilee manaa akka hin baafneef dhorkanii keessa galte jirti.

Addunyaa gutuuttis namoonni 400,000 ol ta'an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, kanneen kuma 17 ta'an du'aniiru.

Ministirri Muummee biyyatti akka jedhaniittis "biyyattii guutuun gutummaatti karra cufata.''

Itti dabaluunis, ''Hindii baraaruuf, maatii keessan, mataa keessan fi lammiilee hunda baraaruuf... daandii hundi fi naannoo hundi cufamee tura,'' jechuun himan.

Indians jostling to buy groceries ahead of lockdown

Madda suuraa, Various

Akkasumas, ''Hindiin guyyoota 21 dhufan haalaa kana kan hinto'annee yoo ta'e, isaan booda biyyi teenya waggoota 21 booddeetti deebiti,'' jechuun akeekkachiisaniiru.

''Kunis dhorkaa sa'aatiiti. Kanaaf aarsaa diinagdee kanfalu qabna. Innis itti gaafatamummaa hundaati,'' jedhaniiru.

Boodas ariitiifi naasuudhaan shaqaxa bitachuuf wal dhiibuun mataansaa tatamsa'ina dhukkubichaaf karaa bana jechuun ummata yaadachisan. Mootummaan dhiheessitii kan mirkanneessu jedheera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa