Jarman maaskii miiliyoona 6 Keeniyaatti bade barbaachatti kaate

Poolisii Jarman maaski godhatu

Madda suuraa, Reuters

Qondaaltonni Jarman haguugduu afaanii yookiin maaskii miiliyoona jaha buufata xiyyaaraa Keeniyaatti bade barbaachatti ka'an.

Haaguugduuwwan kunneen ogeessota fayyaaf akka ooluuf kan ajajamani turani.

Barruun Jaraman 'Der Spiegel' jedhamu akka gabasetti haaguugduuwwan kunneen guyyoota shan dura Bitootessa bultii 20 Jarman qaqqabuu qabu turani.

Akka gabaasa barruu kanaatti dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf Jarman meeshaalee fayyaa gar garaa dolaara miiliyoona 260'n bituus ajajdeetti.

Biyyi Awurooppaa keessati Xaaliyaaniifi Ispeenitti aansuun koornaavaayirasiin hubamte Jarman, namoonni lama wal bira akka hin teenye dhorkiteetti.

Haa ta'u malee, maaskiin ajajame kuni xumura torban darbeetti buufata xiyyaaraa Keeniyaatti bade hanga yoonaa hin argamne jedhameera.

Jalqabumaa maaskiin kaampaanii Jarmaniin oomishame jedhame kuni maaliif Keeniyaatti akka argaman ifa miti.

Qondaaltonni waan dhalate baruuf carraaqaa jiru,'' jechuun Dubbii Himtuun Ministeera Raayyaa Ittisaa Jarman Rooyitarsiif himaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Qondaalli mootummaa Jarman biraa immoo ''Wanti kuni hanna yookiin nama meeshaa ergu of dagateen raawwate ta'u isaa jarri gumurukaa ni qulqulleessu,'' jechuun dubbatan.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, Ministeerri Fayyaa Keeniyaa dhimma kana irratti gaafatamanis yaada kennuu hin feene.

Dubbii Himtuun Abbaa Taayitaa Erpoortii Keeniyaa immoo dhimmichi qoratamaa jira jechuun dubbataniiru.