Ya obbaasne!
Gabaasa kallattii ka har'aa ya obbaasne. Gadi dabarsaa odeessa har'aa dubbisaa.
Nagaa Waaqaa keessa bulaa!
Haati Alangee Federaalaa Aadde Adaanech Abeebee tatamsa'ina koronaavaayirasii manneen hidhaa keessa to'achuf hidhamtoonni 4, 011 dhiifamaan akka gadi dhiifaman ibsan.
Gabaasa kallattii ka har'aa ya obbaasne. Gadi dabarsaa odeessa har'aa dubbisaa.
Nagaa Waaqaa keessa bulaa!
Eertiraatti amma dura namni tokko koronaavaayirasiin qabamuun isaa mirkanaa'ee kan ture yoo ta'u dabalataan namoonni sadi qabamuu isaanii mootummaan biyyattii beeksise.
Namoonni sadanuu Sambata darbe Dubaay irraa kan Eertiraa galanidha.
Kana hordofuunis biyyattiin balaliisa Eertiraa ka'us ta'e gara eertiraa taasifamu kamuu dhorkiteetti.
Ispeen Itaaliitti aanuun biyya namooti hedduun sababa koronaavaayirasiin keessatti du'an taate.
Guyyaa har'aa qofa namootni 738 kan du'an yoo ta'u, biyyattii keessatti lakkoofsa namoota guyyaa tokkotti du'anii isa olaanaa ta'ee galmaa'eera.
Walumaagalatti namoonni 47,610 vaayirasichaan qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, isaan keessaa 3,434 lubbuu dhabaniiru.
Italii keessatti namoonni 6,280 kan du'an yoo ta'u Chaayinaa keessatti namoota 3,285 kan du'e.
Mootummaan Ispeen labsii yeroo muddamaa labsee ture torbee lamaaf dheeressee jira.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaataa Roobii waaree booda biyyattiif ergaa dabarsaniin namoonni dabalataa 3 koronaavaayirasiin qabamuu isaanii mirkaneessanii jiru.
Walumaagalatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 28 gaheera.
Kanneen keessaa garuu namni tokko vaayirasicharraa bayyanachuu isaa kan himan pireezidantichi kun COVID19 injifachuu akka dandeenyu nutti mul'iseera jedhan.
Pireezidantichi vaayirasii kana ittisuuf tarkaanfii dabalataa kan labsan yoo ta'u, galgala sa'aatii 1(7pm) hanga obboroo sa'aatii 11(5am) guutuu biyyattiitti socho'uun dhorkamuu himan.
Dhorki kun namoota hojii fayyaa fi hojilee biroo murteessoo ta'an hojjetan hin ilaallatu.
Dhiibbaa weerarri vaayirasichaa daldala irratti fidu hir'isuuf mootummaan sadarkaa adda addaatti gibira hi'isuu isaas beksisanii jiru.

Hogganaan duraanii Waajjira Dhimma Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Naqamtee ajjeefamuu isaanii maddeen BBC'f mirkaneessan.
Obbo Tashooma Gannatii guyyaa har'aa waaree booda naannoo mana jireenyaa isaanii fuuldura karaa irratti rasaasaan dhahamanii akka ajjeefaman BBC'n hubateera.
Namni ji'a tokko dura hoggansa irraa kaafamee ramaddii biraa eeggataa turan kun, eenyuun akka ajjeefaman wanti beekame hin jiru.
BBC'n dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuuf aanga'oota mootummaa sadarkaa magaalaa hanga Naannoo jiran qunnamuuf yaallus odeeffannoo wayyaba argachuu hin dandeenye.
Hogganaa itti aanaan Biiroo Dhimma Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Garasuu rukutamuu isaa akka dhagahan garuu odeeffannoo dabalataa biraa akka hin qabne BBC'tti himan.
Odeeffannii dabalataa akkuma arganneen kan isin biraangeenyu ta'a.

Madda suuraa, AFP
Weerara koronaavaayirasii addunyaa guutuu mudate ittisuuf tumsii fi tarkaanfiin addunyaalessaa barbaachisaadha jedhan MM Itoophiyaa barreeffama barruu beekamaa 'Financial Times' irratti barreessaniin.
Wayita ammaa akki biyyoonni addunyaa kopha kophaa itti weerara koronaavaayirasii to'achuuf yaalaa jirtu dogoggora guddaa qaba jedhan.
Keessaahuu biyyoota Afrikaaf deeggarsi maallaqaafi ba'aa liqaa irra jiru salphisuufin barbaachisaa akka ta'e barreeffama isaanii kanaan akeekanii jiru.
MM Abiy Kibxata kaleessaa biyyootni Garee 20 Afrikaaf deeggarsa maallaqaa doolaara biliyoona 150 akka taasisan gaafatanii turan.
Haa ta'u malee wayita biyyootni diinagdeen badhaadhan ofii isaaniif weerara vaayirasichaa to'achuuf rakkachaa jiranitti Afrikaaf deeggarsa akka taasisan gaafachuun isaanii qeeqa irratti kaaseera.
Gabaasa guutuu asii dubbisaa: MM Abiy barruu 'Financial Times' irratti barreessaniin 'Afrikaan birmannaa feeti' jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Ruwaandaa tatamsa'ina koronaavaayirasiin ittisuuf ajaja manaa hin bahinaa cabsuun qurxummii qabuu deeme naachaan akka nyaatame qondaalli BBCtti himan.
Dabalata: Akkamiin nyaatame?

Madda suuraa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daldaltoota shaqatta bu’uuraa ta’an irratti gatii garmalee warra dabalan irratti tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’u beeksise.
Ittaanaan kantiibaa magaalatii Injinar Taakkalaa Uumaa, ergaa karaa fuula tiwitara isaanii dabarasniin, ‘‘daldaltoota mi’oota bu’uuraa akka xaafii, saamunaa, bishaaniifi kkf irratti gatii garmalee dabaltan kan hin fudhatama hin qabne ta'uu qofa osoo hintaane, gocha gara jabinaati,’’ jedhaniiru.
Dhimma kanas qorataa jirra kan jedhan kantibaan kun, ‘’qaamoonni seera cabasan kunneenis yakka cimaan akka himatamaniif ani mataan kiyya qaamaanan hordofa’’ jedhaniiru.
Namni siyaasaafi muuziqaan beekamaa ta’e Boobii Waayin muuziqaa waa’ee koronaavaayirasiirratti hubannoo cimsu baasuun Afirkaanotaaf gadhiiseera.
“Wanti hamaan hunduu saaxilamaadha, wanti gaariin ammoo hunduu furmaata,” jedha muuziqaa isaa kana keessatti Boobii Waayin.
Muuziqaa isaa kana keessatti wanta Xaaliyaanitti mudate ilaalaa jechuun akeekkachiisa.
Kanaaf, harka irra deddeebiin saamunaadhaan dhiqachuudhaan, akkasumas mallattoowwan koronaavaayirasii hubachuun barbaachisaadha jedha.
Muuziqaan isaa kunooti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Abbaan Alangee Federaalaa Aadde Adaanaacha Abeebee tatamsa'ina koronaavaayirasii manneen hidhaa keessa to'achuf hidhamtoonni 4, 011 dhiifamaan akka gadi - dhiifaman ibsan.
Hidhamtoonni kunneen mannen hidhaa federaalaa keessaa kan jiranidha.
Kunneenis manneen hidhaa Qaallittii, Qilinxoo, Shawaa Roobiit, Zuwaayiifi Dirree Dhawaa keessa kan argamanidha.
Dabalataan: Kanneen hiikaman eenyu?

Madda suuraa, Attorney General
Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota Covid-19'n qabamanii 709 qaqqabuu Rooyitarsitu gabaase.
Ministirri fayyaa biyyattii akka miidiyaalee biyya keessatti himanitti namoonni Covid-19'n qabaman Kibxata 554 ture.
Har'a garuu 155'n dabalee 709 gaheera.
Manni amantaa Onaa Firiisteet jedhamutti argamu tatamsa’ina vaayirasii kanaaf giddu-gala ta’uu isaa Ministirri Fayyaa biyyattii Ziiwaalii Mahiizeen dubbachuu gabaafameera.
Afrikaan Kibbaa tatamsa’ina weerara Covid-19'n ittisuudhaaf Kamisa irraa eegalee guyyoota 21'f guutummaan guutuutti sochii kamiyyuu dhorkiteetti.
Afrikaan Kibbaa akka Afrikaatti biyya namoonni Covid-19'n qabaman baay'inaan keessatti argamudha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Qondaaltonni Jarman haguugduu afaanii yookiin maaskii miiliyoona jaha buufata xiyyaaraa Keeniyaatti bade barbaachatti ka'an.
Haaguugduuwwan kunneen ogeessota fayyaaf akka ooluuf kan ajajamani turani.
Haa ta'u malee, xumura torban darbe buufata xiyyaaraa keeniyaatti baduutu himame.
Dabalata: Asii dubbisaa

Madda suuraa, Getty Images
Rippabliki Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf balbala magaalaa guddoo biyyattii, Kinshaasaa, cufatte.
Pirezidantin biyyattii Fiiliks Shisedekii ergaa kaleessa galgala dabarsaniin ajajni kuni ammuma aqabe raawwata jedhaniiru.
Dabalataaf: Balbala cufachuun kan akkamiiti?

Madda suuraa, get

Ministirri Mummee Hindii Naarendiraa Modii tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf biyyattii guutuutti sochii kamuu dhorkuun namoonni mana akka turaniif ajajan.
Ajaji kunis hojiirra olfamuu kan eegale yoo ta'u guyyoota itti aanan 21'f hojiirra olfama jedhame.
Murtee kanaan lammiileen akka hin sodaaneef ergaa karaa TV dabarsaniin gaafatan illeen, namoonni hedduun waan isaan barbaachisu bitachuuf suuqiiwwan magaalaa guddittiifi bakkeewwan biraatti argaman dhiphisaa jiru.
Ajaja kanaan waan akka nyaataa bitachuuf bahuun kan danda'amu ta'uufi dhiisuun ifatti waan hineeramneef namoota bitaa itti galeera.
Motummaan Hindii tarkaanfii kan fudhachuun kan dirqamees erga lakkoofsi namoota dhukkubichaan qabamanii garmalee dabalee asii jedhame.
Dabalataan asii dubbisaa: Murtee ijoo Hindiin dabarsite

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ayyaana Faasikaa dhufutti biyyisaa rakkina koronaavaayirasii keessaa akka baatu adbatanilleen, bulchaan Niiw Yoorki garuu dhibeen kun 'akka rasaasaa'' saffiisaan babalataa jiraachuu akeekachiisan.
Pirezidaantichi biyyattii jalqaba baatii dhufu keessa deebiisanii banuun bareedaadha jedhaniiru.
Jechi abdii Tiraamp kunis kan dhufe erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Ameerikaan dirree balaa dhukkichaa akka hin taaneef akeekachiseen booda ture.
Ameerikaanis namoonni gara kuma 55 ta'an qabamuu kan galmeessite yoo ta'u, namoonni 800 ta'an ammoo du'aniiru.
Walumaagalatti, addunyaarratti namoonni 400,000 ol ta'an qabamuun kan himamee yoo ta'u, kan kuma 19,000 ta'an ammoo Covid-19n du'aniiru.
Dabalata: Abdii Obbo Tiraamp
Tibba koronaavaayirasiin addunyaa raasaa jiru kanatti hanga danda'ameen ofiii maatii dhukkuba kanarraa eeguun itti gaafatamummaa hundaati.
Maloota tatamsa'ina koronaavaayirasiin kana hir'isan keessaa gorsoon asiin gadii muraasa ilaaluun ni fayyada.


Madda suuraa, EPA
Yeroo dhibeen koronaavaayirasii addunyaa muddama keessa galche babal'atetti walgahiiwwan taa'amaniin 'sodaafi shakkii' hawaasa keessa uumameen Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate.
Yeroo dhibeen koronaavaayirasii addunyaa muddama keessa galche babal'atetti walgahiiwwan taa'amaniin 'sodaafi shakkii' hawaasa keessa uumameen Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate.
Tibbana tatamsa'ina dhukkuba kanaa bu'uura godhachuun baay'atanii walitti qabamuun dhorkamus miseensonni Paartii Badhaadhinaa garuu bakkeewwan gara garaatti walgahii taa'a akka jiran gabaasaaleen ni mul'isu.
Leenjin hooggansa sadarkaa gadi aanaa Paartii Badhaadhinaa tibba kana kutaalee biyyattii garaagaraatti adeemsifamaa jiru dhibee Koronaavaayirasiin walqabatee kutaalee hawaasafi ogeeyyii fayyaa biratti sodaafi yaaddoo uumera.
Maddi sodaafi yaaddoo kanaa immoo 'namootni lakkoofsaan hedduu ta'an iddoo tokkotti walitti qabamuun leenji'aa jiru.
Kun immoo tattamsa'ina dhibee Koronaavaayirasiif haala mijataa uuma' kan jedhudha.
Gabaasaa guutuuf: Obbo Awwaluu Abdii maal jedhan?