Lammii Ruwaandaa ajaja manaa hin bahinaa cabse 'naachi nyaate'

Laggeen Ruwaandaa keessa naachi bal'inaan argama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Laggeen Ruwaandaa keessa naachi bal'inaan argama

Lammiin Ruwaandaa tatamsa'ina koronaavaayirasiin ittisuuf ajaja manaa hin bahinaa cabsuun qurxummii qabuu deeme naachaan akka nyaatame kantiibaan bulchiinsa Kaamonyi BBCtti himan.

Akka Aliis Kaayitesi jedhanitti wanti kuni kan mudate Roobii ganama naannoo laga Niyabaarongoodha.

''Inni namoota muraasa tamsa'ina vaayirasichaa ittisuuf ajaja darbe kanneen cabse kessaati,'' jechuun Obbo Kaayitesin himaniiru.

Tatamsa'inni dhukkuba koronaavaayirasii babal'ate jennaan qondaaltonni Ruwaandaa erga gaafa Dilbataa eegalee namuu manaa akka hin baane ajaja jedhu dabarsaniiru.

Ruwaandaatti hanga ammaa namoota 40 irratti dhukkubni kuni argameera.

Byyattiin namoonni akka manaa hin baane murtiin murteessite garuu ummata biyyattii gara caaluufi gadadoo keessa jiraatu miidheera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Mootummaan immoo namoota akkanaa akka gargaaru ibseera.

Gama kaaniin, miidiyaan biyya keessaa Ruwaandaa gaafa Wiixataa akka gabaasetti waldhabdee namni manaa akka hin baanerratti uumameen poolisiin namoota lama ajjeeseera.

Poolisiin garuu kana hin mirkaneessine.

Dhukkubni addunyaa rakkoo keessa galche koronaavaayirasiin namoota 19,000 caalaa galaafateera.