Koronaavaayiras: Ameerikaatti namichi qoricha koronaavaayirasii ittisa jedhee yaade fudhate du'e

Madda suuraa, AFP via GettyImages
Ameerikaa Arizonaatti namoonni koronaavayiraasii offirra ittisuuf jecha keemikaala Kiloorokiin Fosfetii jedhamu erga fudhatanii booda abbaan warraa lubbuun isaa darbee haatii warraa immoo haala yaadeessa keessa jirti.
Pirezdant Donaaldi Tiraamp qorichi kolorokiniirraa hojjatamu vaayirasicha fayyisuu danda'a jechuun dubbatanii ture.
Keemikaalli summaa'aa namoota magaalaa Fiiiniksi kanaan fudhatame garuu kan fayyadu bishaan kuusaa qurxummii ittin qulqulleesuf.
Erga keemikala kana fudhatanii yeroo gabaaba booda dhukkubsachuu isaanii sirni hospitaalaa Arizoonaatti argamu Banner Health jedhamu ibseera.
Namootni kun lamaan umuriin isaani waggaa 60'n keessadha.
Dubartiin kun akka midiyaa NBC Newstti himteetti Obbo Tiraamp wal'aansa Covid-19'f kolorokiin fayyaaduu danda'a jechuun ibsa isaan TV irratti darbe irratti yeroo dubbatan dhaga'an.
Qorichi kun wal'aansa dhibee busaafi dhibee buusaa qaamaa akka sombaa, sirna argansiifi qaama birii muudhan Lupus and rheumatoid jedhamaniif Bulchiinsa Qorichafi Nyaata US'n kan ragga'e ta'us wal'aansa koronaavaayirasiif garuu wanti mirkanaa'e hin jiru.
"Ibsa inni midiyaaleef kenne agarre. Dhugaa dubbachuuf baayyee ture," jetti. "Tiraamp irra deeddebiin kun qorichaasiiti jedhaa ture."
"Dhukubsaachuu sodaanneeti," jechun NBCtti himteetti.

Madda suuraa, AFP via GettyImages
Ameerikaa keessatti namootni koronaavayirasiin qabaman 46,548 yoo ta'an yoo xiqqaate namootni 592 ammoo du'aniiru.
Abbaa warraafi haati warraa kun keemikaala kilorokuyiin mana keessa qaban kana xiqqeessanii dhugaatiitti makanii dhugani. Daqiqaa 20 keessatti lammanu dhukkubsatani.
"Ani hoqqisuun eegale," jetti. "Abbaan warraakoo ammoo hargansuu isaa irratti rakkoon uumame."
Abbaan warraa ishee yeroo hospitaala ga'utti lubbuun isaa olchamuu hin dandeenye, isheen ammo haala yaaddessa keessa jirti.
"Ogeessoti Banner Health kolorokuyiin, qorichii busaa, Covid 19 offirraa ittisuufis ta'e wal'aanuuf fudhatamu akka hin qabne jabeessani himu," jechun gartuun fayyaa kun ibseera.
Torban darbe Pirezdaant Tiraamp qorichi kun daawwaa ta'uu akka danda'u barreefama Tiwitara gubbati yeroo qoricha Azitomaayicin waliin fudhatamu "seenaa qorichaa keessatti argannoo isa guddaa ta'uu mala" jechuun labsanii turani
Ibsa torban darbe koronaavayirasii irratti kennaniin ammoo "Qoricha kana aritiin gabaaf ni dhiiyessina" jedhaniiru.
"Kanaratti FDAn baayyee gargaareera. Adeemsa raggaasisuun keessa darbun qorichi kun raggaasifameera" jechuun dubbate.
FDA'n garuu hatattamaan qorichi kilorokuyiin akka hin raggaasifamne ibseera. Ammatti qorichii "Covid-19 ittisuufis ta'e fayyisuuf ta'u" hin jirus jedheera.
Torban darbee qondaaltonni fayyaa Naayjeeriyaas hospitaalota Leegoos keessatti yaalamtoonni kilorokuyiniin summa'uu isaani erga gabaafamee booda fayyadamni akka malee qorichaa kanaa irratti akeekkachiisaniiru.

- Tamsaasa kallattii koronaavaayirasii irratti
- Koongoon sodaa koronaavaayirasiif karra magaalaa guddoo ishii cufatte
- Manaa hojjechuun akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?
- Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate
- Hindiin lammiileeshee biliyoona 1.3 akka manaa hin baane dhorkite
- Hojjeettonni mootummaa federaalaa manaa akka hojjetan murtaa'e

Gariin haasaa Tiraampin ka'umsa godhachuun namootni sadii hospitaala kan seenan yoo ta'u gabaan kiloruquyiinis hedduu dabaleera.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa WHO "qoricha kilorokuyiin Covid 19 to'achuuf ni ta'a jedhee hin raggaasifne " jechuun Wiirtuun To''annoo Dhibee Naayjeeriyaa Jimaata ibsa baaseera.
"Adaaraa ofiin qorichaan of wal'aanuu dhiisaa. Kun midhaa geessisuun du'a fiduu danda'a."












