Koronaavaayirasii: Itoophiyaan sodaa dhibee Covid-19'n manneen sirreessaa federaalaati hidhamtoota 4,000 hiikuufi

Madda suuraa, Attorny Genara FB
Abbaan Alangee Federaalaa Aadde Adaanech Abeebee tatamsa'ina koronaavaayirasii manneen hidhaa keessa to'achuf hidhamtoonni 4, 011 dhiifamaan akka gadi - dhiifaman ibsan.
Ibsa qondaalli kuni har'a kennaniin kunneen akka gadhiifamaniif boordiin dhiifama gaafatu pirezidantii biyyattiif dhiheessee ragga'eera.
Hidhamtoonni kunneen manneen hidhaa federaalaa keessaa akka ta'an ibsameera.
Dhihoo mootummaan tatamsa'ina dhukkuba kanaa ittisuuf tarkaanfii fudhate yeroo ibsame Ministirri Muummee Abiy Ahimad hidhamtoonni akka hiikaman dubbatanii turan.
Kanneen hiikaman eenyu?
Akka Aadde Adaanech jedhanitti kanneen hiikaman hidhamtoota manneen amala sirreessaa federaalaa shan keessa jiranidha.
Yakka salphaan hanga waggaa 3 kan irratti murtaa'eefi manneen hidhaa seenan, akkasumas kanneen gadhiifamuuf hanga waggaan tokko isaan hafes ni gadhiifamu jedhameera.

- Jarman maaskii miiliyoona 6 Keeniyaatti bade barbaachatti kaate
- Tamsaasa kallattii koronaavaayirasii irratti
- Koongoon sodaa koronaavaayirasiif karra magaalaa guddoo ishii cufatte
- Manaa hojjechuun akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?
- Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate
- Hindiin lammiileeshee biliyoona 1.3 akka manaa hin baane dhorkite
- Hojjeettonni mootummaa federaalaa manaa akka hojjetan murtaa'e

Dabalataanis, kanneen ajjeechaan hin himatamne, haadholii hoosisan, kanneen ulfa ta'an akkasumas lammiileen biyya alaa yakka gara garaan shakkaman akka jiran ibsameera.
Kunneen yeroo mana hidhaati bahan qorannoon koronaavaayirasii ni taasifamaaf jedhameera.
Haa ta'u malee, dhiifatamni kuni hanga isaan yakka keessa hin senne qofatti tajaajila.
Kanneen gadhiifaman kuni maqaan isaanii poolisiitti waan kennamef seera yoo cabsan dhiifamni isaanii hafee seeraan akka gaafataman ibsameera.
Manneen hidhaa hidhamtoonni kuni keessa jiran Qaallittii, Qilinxoo, Shawaa Roobiit, Zuwaayiifi Dirree Dhawaadha.














