Koronaavaayirasii: Qajeelfama hojiirra oolchuu irratti baay'ee nu hafa jedhan Pirezidant Saahilawar Zawudee

Pirezidant Saahilawar Zawudee

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee ummanni dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf qajeelfamoota darban ammallee guuttuutti raawwachaa hin jiru jechuun qeeqan.

Fuula tiwiitaraa isaanii irratti barreessaniin magaalaa Finfinnee keessa naanna'anii akka taajjaban ibsaniiru.

''Har'a Finfinnee keessa naanna'en ture. Qajeelfama hojiirra oolchuurratti baay'e nu hafa.

'' Vaayirasiin nubira hin gahu kanneen jedhan waan amma irra jiran hubachuun of dagachuu hin qabnu,'' jedhaniiru .

Dabalanis, tarii qorannoon bal'aa yeroo taasifame kan kan caalu akka argamu akeekuun himan.

''Qorannoon bal'inaan waan hin taasifamneef haala sirrii jiru waan hin ilaalleef,'' jechuun ummanni sadarkaa biyyaatti qindoomee akka qophaa'u dhaaman.

Itoophiyaati hanga yoonaa namoonni 12 dhukkuba kanana qabamuun isaanii yeroo mirkanaa'u afur bayyanatun isaanii ibsameera.

Hanga yoonaa kan du'e jiraatuu baatus lammiileen Itoophiyaa lama biyya Xaaliyaanitti du'un isaanii himameera.

Gama kaaniin, Ministirri Geejjibaa Itoophiyaa Daagmaawwit Moogas tatamsa'ina koronaavaayirasii karaa to'achuun danda'amu irratti hoggantoota geejjibaa naannolee waliin mari'ataniiru.

FBC'n akka gabaasetti mariin kuni karaa viidiyoo taasifame.

Itoophiyaa keessa maloota akka addunyaatti dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf kaa'aman keessaa Itoophiyaa keessa hojiirra oolchuun kan rakkisu akka jiran MM Abiy AHimad ibsanii turani.

Barreeffama barruu 'Financial Times' irratti barreessaniin namoonni walitti dhihaatanii jiraachuun akkasumas hanqinni bishaan qulqulluu rakkoo akka ta'u danda'u eeran.

Ministir Di'eetaan Ministeera Fayyaa biyyattii Dr Darajjee Dhugumaan gama isaaniin ummanni haala walqixaan dhukkubicha irratti hubannnoo dhabuun isaa rakkoof saaxiluu akka danda'u himanii turan.