Koronaavaayirasii: Xaaliyaaniin guyyaa tokkichatti lammiilee 900 ol dhabde

Ambulaansii Xaaliyaanii keessatti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Lombaardii keessatti duutii garmalee dabale

Xaaliyaaniitti guyyaa kaleessaa qofa namoonni 919 koronaavaayirasiin lubbuusaanii dhabani. Kunis erga dhukkubichi eegalee kaasee baay'ina namoota du'aniin isa olaanaadha jedhameera.

Biyyattii keessatti walumaagalatti namoonni 9,134 dhukkubuma haaraa kanaan lubbuusaanii dhabaniiru.

Jalqabarrattis dureen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom ''hanqinni meeshaalee ittisaa cimaan addunyaa'' rakkoo baay'ee arifachiisaa keessa galcheera jedheera.

Xaaliyaaniin ammoo biyyoota Awurooppaa keessaa garmalee kan miidhamteedha. Wanti hundi cufamuun namoonni mana keessa akka turaniif itti himameera.

Guyyaa Jimaataas tarii dhorkaan mana turaa kun hanga Ebla 3'tti akka dheereffamu malu akeekkachiisaniiru.

Bulchiinsa kaabaa Loombaardiitti taatee cimaa addunyaa kanaatu mudate. Baayyinni namoota vaayirasii Covid-19'n du'an garmalee dabale.

Guyyaa Kamisaa haalichi kan gadi bu'e fakkaatee abdiin mul'atulleen, Jimaata deebisee ka'un namoota hedduu galaafate.

Addunyaa gutuuttis namoota haaraa 5,959'tu vaayirasichaan qabame. Kun mataansaa kan guyyaa Kamisaarraa xiqqoo dabaleera.

Biyyattii keessattis walumaagalatti namoota 85,500 ta'uutu vaayirasichaan qabamuunsaa mirkanaa'e.

Haala kanaan walqabatees tarii dhimmichi naannoo Kibba biyyatti bakka hiyyeeyyiin jiraataniitti caalaa babal'achuu malaa laata sodaan jedhu cimeera.

Guyyaa Kamisaas Pirezidaatiin Naannoo Kaampaaniyaa bakkeewwan 'Neeples, Vincenzo De Luca', mootummaan jiddugalaa afarsituuwwan (ventilators) fi meeshaalee lubbuu barbaaruuf oolan kan biraa waadaa nuuf gale hanga ammaatti hin ergine jedhee ture.

"Ammaan tanatti taatee sukkaneessaan Lombaardii keessatti uumamee Kibbattis ta'uuf jira,'' jedheera.

Guyyaadhuma walfakkaataa ammoo Ministirri Mummee Juseeppee Koonte akka jedhanitti, biyyoonni Awuroppaa hundi haala hamaan rukutamu danda'u. Akkasumas meshaalee doolaara biliyoona 27 ta'u biyyattiif waadaa galaniiru.

Lubni Firaansis Adabaabaayi Qulqulluu Pheexiroos duwwaa keessatti kadhannaa taasisan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Lubni Firaansis Adabaabaayi Qulqulluu Pheexiroos duwwaa keessatti kadhannaa taasisan
Koroonaavaayiras
Sarara diimaa