Koronaavaayiras: "Ummata keenya balaa hamaa dhufuu malurraa baraaruuf tattaafachaa jirra" - Abiy Ahimad

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, ETVScreenshot

Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 16 gahuu hordofuun, weerara vaayirasichaa ittisuuf MM Abiy Ahimad tarkaanfiiwwan haaraa fudhatamuu qaban labsanii jiru.

Hanga ammaattii Itoophiyaa keessatti duuti mudate jiraachuu baatus namootni 16 qabamuu isaanii qorannoon mirkanaa'eera kan jedhan MM Abiy, "lakkoofsi kun haalaan dabalee gara du'aatti akka hin ceene of eeggannoo guddaan ni barbaachisa" jedhan.

Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kana dura imala gara buufataalee 30 taasisu dhaabe dabalatee gara buufataalee 72'tti imala taasisu adda kuteera jedhan.

"Torbee dhufu haala isaa ilaallee buufataalee biroottis imala godhamu ni dhaabna" jedhan.

Haala amma jiruun jidduugalaan guyyaatti namni alaa galu 50 hin caalu kan MM Abiy, namootni biyya alaa dhufanii baasii adda of baasanii turuuf barbaachisu hin qabne Jimaata waaree booda irraa eegalee gara Yunivarsiitii Saayiinsii fi Teeknoolojii Finfinneetti geeffamu jedhan.

"Achitti tajaajilli Fayyaa, kan nyaataa, bakka cisaa fi wantoota barbaachisoo biroon hanga humni danda'e akka guutamuuf murtaa'era," jedhan.

Dabalataan torbee lamaan dhufaniif manneen barnootaa cufaa ta'anii akka turan murta'uus himaniiru.

Ogeeyyii fayyaa sooroma bahan ykn leenjiirra jiran, akkuma loltuu qophaa'anii akka taa'an, mootummaan haalli humnaa olii yoo isa mudate waamicha akka godhuuf MM Abiy dhaamaniiru.

Qophiii waliigalaan Finfinnee keessatti siree 44,000 qabachuu kan danda'an Galma Barkumee dabalatee iddoowwan 134 qophaa'ee jira jedhan.

"Uummata keenya balaa hamaa dhufuu malurraa baraaruufi du'a hir'isuu karaa dandeessisuun mootummaan tattaafachaa jira," jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Diinagdee

Dhiibbaa weerarri vaayirasichaa diinagdee biyyattii irraan gahuu malu xiqqeessuuf murteen darbe jiraachuu waajjirri MM beeksiseera.

  • Haaluma kanaan birriin biiliyoona 5 ta'u bittaa meeshaalee ittisaafi yaala dhibee kanaaf akka oolu kan murtaa'e jira.
  • Baankiin Biyyaalessaa birrii biiliyoona 15 baankilee dhuunfaaf akka gadhiisu murtaa'era. Kunis baankileen maamiltoota isaaniif yeroo liqaa itti deebisan akka dheeressaniifi liqaa dabalataa akka kennan gargaara.
  • Meeshaaleen Ittisaa fi yaala koronaaf barbachisan qaraxa malee akka seenan murtaa'eera.
  • Daldaltootni meeshaalee kana alaa galchan sharafa maallaqa alaaf dursa akka argatan.
  • Xuxxuqqaa karaa maallaqaa godhamu xiqqeessuuf baankiin biyyaalessaa Itoophiyaa hanga maallaqaa karaa moobaayilaa daddabarfamu akka ol kaasu murteesseera.
  • Gatii xiqqaan baankiin Biyyaalessaa gurgurtaa abaaboo biyya alaarratti kaahee ture akka ka'u ta'eera.
  • Ministeerri Daldalaa daldaltoota gatii meeshaalee bu'uuraa akka malee ol kaasan irratti hordoffii jabaa akka taasisu murtaa'eera.