Ajjeechaa Haacaaluu H.: ''Mootummaan na teessisee yakka narratti barbaadaa jira" - Obbo Baqqalaa Garbaa

Madda suuraa, Bekele Gerba/Facebook
Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa Ramaddii Lidataa Dura Taa'aa I/Aanaa Kongirasii Federaalistii Oromoo Obbo Baqqala Garbaa guyyaa kaleessaa [Wiixata] mana murtiitti dhihaatanirratti guyyoota dabalataa saddeet qorannoo poolisiif eeyyame.
Ajjeechaa Hacaaluu booda qondaaltota paartii mormituu to'ataman keessaa tokko kan ta'an Obbo Baqqalaan dhaddacharratti wanti ta'a jiru 'tooftaa filannoo na jala dabarsuuf taasifamaa jirudha' jechuun dubbachuu isaanii abukaatoon isaanii himu.
Abukaatoon isaanii Obbo Misgaanuu Mul'ataa gareen qorattootaa meeshaale elektrooniksii (bilbila fi kompiitara) mana Obbo Baqqalaatii argaman qorannoof erganii bu'aa qorannoo eegaa akka jiran dhaddacha irratti dubbachuu isaanii himan.
Kana malees gareen qorannoo shugguxiiwwan lama mana Obbo Baqqalaatii argaman qorachiisaa akka jiru fi bu'aa qorannoo eegaa akka jiru dubbatan.
Ragaa namootaa dhaggeeffachuu akka isa barbaachisu fi miidhaan dhaqqabe hagam akka ta'e qorachuuf gara kutaalee Oromiyaa garaagaraatti qorattoota bobbaasuu isaa himuun guyyootni qorannaa dabalataa akka kennamuf gaafatuu himan.
Gama biraatin, qorattootni hirmaannaan Obbo Baqqalaa maal akka ta'e adda baasanii kan hin dhiyeessine ta'uu kan himan abukaatoon isaanii ," gochaalee isaan raawwatan galmeen qorannaa poolisii adda baasee hin agarsiisu" jechuun himu.
"Yaada waliigalaati malee addatti Obbo Baqqalaan kana godhan, kanatu hafe kan jedhu hin jiru" jechuunis himan.
Kana malees, qorannoon quunnamtii bilbilaa dhimma guyyoota fudhatu osoo hin taane gama 'Ethiotelecom' sa'aatiwwan muraasa keessatti qulqullaa'uu kan danda'u akka ta'e dhaddachatti himuu isaanii dubbatan.
Obbo Baqqalaan maal jedhan?
Oolmaa dhaddachaa guyyaa kaleessaa irratti Obbo Baqqalaa Garbaan yaada isaanii akka dhiyeessan kan taasifame yemmuu ta'u "ofumaaf yakka narratti barbaaduuf yoo ta'e malee ani gaggeessaa siyaasaati.
Mana hidhaa na tursiisanii filannoof akkan hin dhiyaanne, namni akka nan filanne fi biyya akkan hin gaggeesine na gochuuf yoo ta'e malee yakka tokkollee hin raawwanne" jechuun dubbachuu isaanii Obbo Misgaanun himu.
'Mootummaan as na teesisee yakka narratti barbaada. Tooftaa filannoo na jalaa dabarsuuf taasifamaa jirudha' jechuunis dubbataniiru" jedhan.
Kana malees, Obbo Baqqalaa Garbaan konkolaataan isaan waliin qabame maatiinsaanii akka itti fayyadamaniif akka deebi'uf gaafachuun isaanii himameera.
Manni Murtichaa yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda guyyoota qorannoo saddeet kennuun A.L.I Adoolessa 28 bara 2012'tti beellama qabateera.
Gama biraatin Obbo Baqqalaa Garbaa lagannaa nyaataa irra akka jiran itti himuu isaanii fi qaamni isaanii haala gaarii irratti akka hin argamne abukaaton isaanii Obbo Misgaanuu Mul'ataa dubbatu..
Kana malees, iddoo itti hidhamanitti torbeetti guyyoota sadii deemun haasofsiisuu akka danda'anif sagantaan baheefii turus Jimaata darbe fi kaleessa ganama iddoo Obbo Baqqalaan argaman deemanis seenuu dhorkamuu isaanii Obbo Misgaanun dubbatu.
Obbo Baqqalaan akkuma Jawaar Mohaammad ajjeechaa poolisii, sabaa fi sab-lammii walitti buusuuf yaaluu, aanga'oota mootummaa ajjeesuuf yaaluu fi reeffa artiist Haacaaluu Hundeessaa ugguruun akka shakke qorataa jiru kana dura poolisiin ibseera.
Dhimma Miidiyaalee …
Dhaddachoota dhimmi Obbo Baqalaa Garbaa, Obbo Jawaar Mahaammad fi shakkamtoota biroo itti ilaallaman miidiyaalee mootummaatti dhiyeenya qaban qofaaf eeyyamame.
Rippoortarri keenya oolmaa dhaddachaa Obbo Baqqalaa Garbaa gabaasuf mana murtichaatti argame Poolisoota Federaalaa bakkichatti argamaniin akka hin seenne dhorkameera.
Dhimmi miidiyaalee kun beellama Obbo Jawaar Mahaammad darbe irratti abukaatotaan ka'ee ture.
Kaleessas Obbo Baqqalaa Garbaan miidiyaaleen walabaa jedhan dhaddacha akka hordofan akka heeyyamamuuf gaafachuu isaanii abukaatoon isaanii Obbo Misgaanun dubbatu.
"Miidiyaan walaba ta'e mul'achaa hin jiru. Kanaan duras, miidiyaalen tokko tokko wanta nu hammeessu dhiyeessaa waan turanif isaan kun akka qoqqobaman, gara fulduraattis miidiyaalen bilisaa asitti argamuun gabaasuu akka danda'an naaf yaa heeyyamamu" jechuun gaafachuu isaanii himu.
Dhimma miidiyaalee kana irratti manni murtii kana dura ajaja dabarsuus akka hin raawwatin himu abukaatoon isaanii.
















