Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Jawaar Mohaammad fi kaan wanni ittiin shakkaman 'ta'e jedhamee raawwatame' jedhan

Rogeessaa fi xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad

Madda suuraa, MAHEDER HAILESELASSIE TADESE

Jawar Mohaammad dabalatee namoota ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa hordofuun hidhamaniif gareen abukaatoo ogeeyyii seeraa 10 ta'an of keessaa qaba jedhame Jimaata Waxabajjii 10, 2020 maamiloota isaan wal arguu himeera.

Abukaatoowwan kanneen keessaa tokko kan ta'n Obbo Tuulii Baay'isaa lama ta'anii Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa bakka tokkotti arganii dubbisuu, akkasumas intala Obbo Baqqalaa Garbaa, Boontuus, arganii dubbisuu BBC'tti himaniiru.

Obbo Tuuliin Komishinii Poolisii Finfinnee iddoo buufata poolisii sadaffaa (soostanyaa) jedhamutti arganii akka dubbisan dubbatu. Kunis gamoo haaraa mana hidhaa maa'ikalaawii durii cinaatti argamudha jechuun ibsu.

Qabiinsa isaanii ilaalchisee warri dhiiraa rakkoon hin jiru haaluma gaarii keessa jirra jedhanillee, kanneen hidhaman keessa namni SHamsaddiin Xahaa jedhamu poolisiin akka malee reebamuu nutti himaniiru jedhu Obbo Tuuliin.

Haa ta'u malee, warri shamarranii gaafa dura qabaman nama 26 ta'anii kooridarii irra qorra keessa akka bulfaman, ergasii ishee dabalatee hidhamtoonni shamarranii kaan bakka akka malee qorru, haala rakkisaa keessa jiraachuu Boontuun nutti himteetti jedhan.

Dabalataan, daa'ima waliin hidhamtee kan jirtu Caaltuu Taakkalaa kophaatti adda baafamtee hidhamtee akka jirtuufi iddoo garmalee qorruu fi haalli isheen keessa jirtus rakkisaa ta'uu Boontuu irraa dhagahuu himu.

Oolmaa mana murtii torban darbee

Jawaar dabalatee namoonni kunneen torbee darbe mana murtiitti kan dhiyaatan yoo ta'u, poolisiin wantoota afuriin shakkee isaan hidhuu mana murtiitti akka hime nutti himaniiru jedhu Obbo Tuuliin.

Isaanis, ajjeechaa poolisii tokkoo, sabaa fi sab-lammii walitti buusuuf yaaluu, aanga'oota mootummaa ajjeesuuf yaaluu fi reeffi Haacaaluu Hundeessaa gara Amboo akka hin deemne uggurani kan jedhu akka ta'e himu.

Kuni mana murtiitti kan jedhame ta'ulleen hanga ammaa qorannoof jecha nurraa hin fuune akkasumaan taa'uutti jirra jedhaniiru jedhu Obbo Tuuliin.

'Nuti akkuma nama kaanii reeffa Haacaaluu Hundeessaa gara Ambootti gaggeessuuf qajeellee, magaalaa Buraayyuu iddoo Gujee ykn Keellaa jedhamu yoo geenyu, namoota Finfinneetti awwaalamuu qaba jedhaniin karaa cufamee ture' jedhani jedhu.

Namoonni gariin Ambotti awwaalamuu qaba gariin ammoo Finfinneetti awwaalamuu qaba jedhanii wal-dura dhaabbannaan jabaan akka ture nutti himaniiru jedhu Obbo Tuuliin.

Dabalataan, ammoo konkolaataan reeffa baattus kan reeffaa waan hin turreef ho'itee jennaan achi gahuu hin dandeenyu yaada jedhuun poolisoota waliin dubbannee uummata tasgabbeessinee gara Finfinneetti akka deebi'u goone jechuu isaanii dubbatu.

Namoota reeffa Haacaaluu gara Amboo gaggeessaa turan

Madda suuraa, Yoomis Gonfaa

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman reeffa Haacaaluu marsuun gara Ambootti gaggeessaa wayita turan

Osoo gara Finfinneetti ol deebisaa jirru uummanni hedduu waan tureef magaalaa Burraayyuu ganda Gafarsa Noonnootti buufata poolisiitti gorree nu gargaaraa jennuunillee nu gargaaruu akka hin dandeenye nutti himan jechuus dubbatu.

Sana booda aanga'oota magaalaa Finfinnee fi kan Naannoo Oromiyaa wajjin dubbannee reeffa gara Jiddugala Aadaa Oromoo geessine jedhani jedhu.

Wayita jiddugala Aadaa gahanitti warri eegan rifatanii seensisuu akka didan, haa ta'u malee aanga'oota magaalaa Finfinneetti bilbilanii akka seensisan erga itti himameen booda konkolaataa gara jahaa ta'uun seenu dubbatu jedhu Obbo Tuuliin.

'Nagaadhuman miira obbolummaatiin, wal hubannaan gara mooraa seenne' jechuu isaaniis dabalanii himu.

San booda iddoo kantiibaan magaalaa Finfinnee fi aanga'ootni gurguddoo Oromiyaa jiranitti haala awwaalchaa, iddoo isaafi guyyaa isaa mari'annee waliigalle jechuus himu.

Itti aansuun 'akkaatuma waliigaltee isaanitiin' aanga'oonni magaalaa Finfinnee deemanii firiijii reeffi keessa taa'u, konkolaataa ykn ambulaansii reeffaa akkasumas ogeeyyii fayyaa waan kana mijeessan akka fidan waliigallee deemuu isaaniis himuu dubbatan.

Kanumaan osoo isaan eegaa jirru Raayyaan Ittisa Biyyaa 'miira hamaatiin guutame' konkolaataa sadiin fe'amee dhufee naannoo san to'achuu nutti himan jedhu Obbo Tuuliin.

San booda poolisii humna addaa Oromiyaa fi Raayyaa Ittisaa jidduu wal gaarreffannaa fi wal hubannaa dhabuun uumamuu nutti himan jedhan.

'Hidhamuun keenya garmaleedha'

Haala tasgabbeessuuf wayitaa yaalaa jiranitti aanga'aan poolisii Oromiyaa tokko reeffa fuudhuu ajajamnee dhufne jennaan, fuudhaa nutis poolisiin haa gaggeessudha kan jenne jechuun reeffa akka fuudhan gochuu himuu dubbatu.

Itti aansuun aanga'aan poolisii Oromiyaa biroo dhufanii Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaa fi Hamzaa Booranaa to'annoo jala akka oolfaman ajajni itti kennamu isaanitti himuu dubbatu jedhan.

Isaanis tole jedhanii eegdonni isaaniis akka meeshaa hiikkatanii waan poolisiin jedhuun akka raawwatan itti himuu nutti himan jedhu.

Haala kanaan qabamanii gara buufata poolisii magaalaa Finfinnee geeffamuu himaniiru jedhu Obbo Tuuliin.

Poolisiin tokko ajjeefamuu kan dhagaahan 'erga to'annoo jala oolanii gara buufata poolisii geeffamaniin' booda akka ta'eefi hanga isaan achi turanitti dhukaasnillee akka hin turre, namni waan hamaa dubbatellee akka hin turre himuu isaanii dubbatu.

'Nuti rakkoon guddaan akka hin uumamnellee gumaacha guddaa baane, galateeffamuu osoo qabnuu hidhamuun keenya garmaleedha' jechuu isaaniis dabalanii himu.

'Kuni ta'e jedhamee waan nurratti raawwatame malee, yakka ittiin shakkamne tokkoo isaallee raawwannee hin jirru' jechuu isaanii dubbatu.

Ajjeechaa kan jedhame ta'e jedhamee mirga wabii akka hin arganne nu dhorkuudhaaf, kan wixineeffame malee balleessaa kana keessa hin jirru jechuu isaanii himu.

Ammoo wanni hundi waraabamaa ture waan ta'eef waan kana waliin dhahuunillee akka hin danda'mne dubbachuu isaanii himu.

Poolisiin Federaalaa ibsa torban darbe kennee tureen Obbo Jawaar Mohaammad hokkora Onkoloolessa bara 2019 lubbuu nama 97 galaafatee tureenillee akka himatamu ibsuus mana murtiitti kun akka irratti hin dhiyaanne Obboo Tuuliin dabalanii himaniiru.

Obbo Baqqalaa Garbaa Wiixata Adoolessa 13, Jawaar Mohaammad ammoo Kamisa Adoolessa 16 mana murtiitti akka dhiyaatan Obbo Tuulii Baay'isaa himaniiru.