Siyaasa Itoophiyaa: Wal dura dhaabbannaa Jawaar Mohaammai fi MM Abiy Ahimad eessaa garam?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Baqqalaa Atoomaa
- Gahee, BBC Afaan Oromoo
Fulbaana 30 booda mootummaan MM Abiy 'bu'uura seeraa hin qabaatu' jechuun irra deddeebiin dubbataa kan ture namni siyaasaa maqaa guddaa horate, Jawaar Mohaammad erga MM Abiy Ahimad Ebla 2018 gara aangoo dhufanii as hogganoota siyaasaa maqaa guddaa qaban hidhaa bu'an keessaa tokko.
Nami siyaasaa ganna 34 yaada federalizimii sab-deenussumaa dhaadheessuun beekamu Jawaar, Feesbuukiirratti hordoftoota miiliyoona lamatti siqan qaba.
Jawaar ajjeechaa Haacaaluun booda hokkara dhalateen Magaalaa Finfinneetti ajjeechaa miseensa poolisii tokkoon wal qabatee to'annoo jala oole.
Deeggartoonni isaa Jawaar ajjeechaa kana keessaa harka hin qabu, MM Abiy morkii siyaasaa keessaa isa baasuuf to'annoo jala akka oolu godhe jedhu.
Jawaar fi Abiy lamaanuu saba Itoophiyaatti lakkoofsa uummataa guddaa qabu Oromoo keessaa kan bahan tahus, erga MM Abiy aangoo qabatanii as adeemsa siyaasaa egeree Itoophiyaarratti yaadni jarri kunneen qaban gargari.
MM Abiy erga aangootti dhufanii kaasee, Itoophiyaa diimokiraatessuufi biyya sabaan qoqqoodamte kana tokkoomsuuf waadaa seenanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Deeggartoota mootummaaf hidhamuun Jawaar, sabboonummaa fiinxalaa'e kan biyya balaaf saaxila jedhanii yaadan quucarsuufi hokkara sabummaan wal qabatee biyyattii keessatti ka'u hambisuuf qooda guddaa qaba.
Kana malees, deeggartoonni mootummaa sochii MM Abiy yaada 'Ida'amuu' jalatti sabaa fi sab-lammoota walitti qabuuf taasisan gufachiisuuf yaaluun Jawaar qeequ.
Deeggartoonni Jawaar ammoo, hidhamuunsaa MM Abiy nama yaada 'Ida'amuu' irraa adda ta'e qabuuf obsa akka hin qabne agarsiisa jedhu.
Jawaar sirna fedeeraalaa jalatti Oromoofi saboota kaaniif naannoo lakkoofsaan irra guddinaan keessa jiranitti, mirga ofiin of bulchuu haa argatan ilaalcha jedhu qaba.
'Ani dursa Oromoodha'
Jaawaar Mohaammad kan abbaa Musliimaafi haadha Kiristaana irraa bara 1986tti dhalate, gaaffiifi deebii bara 2013'tti Dhaabbata TV Al-Jaazeeraa waliin taasiseen akka sabboonaa Oromootti gurra horate.
"'I am an Oromo first' yookaan 'Ani dursa Oromoodha' - Itoophiyaan humnaan natti fe'amte" jedhe. Wayita dubbii kana miidiyaa gubbaatti lallabe sana Ameerikaatti jiruu baqaarra ture.
Yaanni isaa kunis namoota isa deeggaraniifi isa qeeqan biratti ijoo dubbii ta'ee ture. Barsiisaa seeraa yuunivarsiitii Kiil kan ta'an Dr Awwol Aloo haala yeroos uumame 'dambalii siyaasaa' jechuun ture kan ibse.
''Qilleensa Oromiyaa bilisa baafneerra. Baroota dhufanitti ammoo lafa Oromoo ni bilisoomsina'

''Ani dursa Oromoodha'' ykn 'I am an Oromo first' kunis booda gara duula siyaasaa sirna yeroo sana aangoorra ture mormutti geeddarame.
Jawaar rogeeyyiin kaan waliin ta'uun kutaalee Ameerikaa gara garaa keessa naanna'uun diyaaspoora dammaqsuufi galii walitti qabuun bara 2013tti Miidiyaan OMN akka hundeeffamu taasise.
''Amma qilleensa Oromiyaa bilisa baafneerra. Baroota dhufan keessatti ammoo dachee Oromiyaa ni bilisoomsina,''jechuunis eebba OMN irratti dubbate.
Yeroo sanatti hoogganaa olaanaa waan tureef OMN gara sagalee cimaa dargaggootaa (Qeerrootti) geeddare.
Jawaar kan magaalaa xiqqoo Dhummuugaa bakka ABO'n bal'inaan keessatti socho'uutti dhalatee guddate, ''Ani qabsoo Oromoo keessattiin dhaladhe'' jechuun irra deddeebiin dubbata.
Waa'e qabsoo Oromoo fi 'dhiibbaa' fi dararamni attamii ummata Oromoorra gahaa akka ture manguddootarraa dhagahaa guddatuus hima.

Uummanni Oromoo baay'ina uummataan Itoophiyaa keessatti isa guddaa ta'ulleen, Abiy Ahimaditu Ministira Muummee Oromoo Itoophiyaa isa jalqabaa ta'e.
Inumaa bara mootii Hayilasillaasee, Afaan Oromoofi amantaan Oromoo hundi dhorkamanii ture.
Barataa cimaa kan ture Jawaar, bara 2003tti carraa barnoota biyya alaa argateen gara Singaapoor kan imale dargaggummaa isaatti ture.
Waggoota lamaan booda ammoo gara UStti darbuun Yunivarsitii Standford irraa saayinsii siyaasaatiin digrii isaa jalqabaa argate. Itti aansee ammoo Yunivarsitii Kolombiyaa irraa bara 2013'tti digrii lammaffaa isaa gosa barnootaa 'Human Rights' ykn mirga namoomaan argate.
'Abiy filachuun dogoggora hamaa'
Jawaar yeroo Ameerikaatti barataa yunivarsiitii turetti ABO ijoollummaa isaarraa kaasee harkattin guddadhe jedhurraa of fageessee ture.
Fuula yaada isaa irratti barreessurratti ABOn sababii waldhabdeefi wal qoqqooduutiin kan ka'e "akka fayyuu hin dandeenyetti caccabeera" jedhee ture.
Haata'u malee, qabsoo biyya keessatti deemaa ture jabeessuudhaaf Oromoota hedduu biyya alaa jiran dadammaqsuu itti fufe.
Kun ammoo mormii uummataa bara 2015 keessa dhohee waggaa sadiif itti fufeen wal dabaalee Ministirri Muummee Hayilamaariyaan Dassaaleny akka aangoo gadi dhiisuuf dirqisiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo Abiy bakka Hayilamaariyaam akka bu'u barametti Jawaar aangoo ministira muummee isaaf kennuun "dogoggora tarsiimoo" balaa jabaa qabu jechuun akeekkachiisee ture.
Yeroo sanatti Jawaar namni bakka sanaaf ni ta'a jedhe mul'ata siyaasaa kan isaatti dhiyaatu akka qabanitti kanilaalu Ministira Raayyaa Ittisaa ammaa Obbo Lammaa Magarsaa ture.
Kunis ta'ee garuu erga Abiy Oromoo jalqaba aangoo ministira muummeetti bahe ta'ee, Jawaar deggaruu eegalee ture.
Keessumaa ammoo tarkaanfiiwwan haaromsaa inni fudhachuu eegale kan akka dhaabbilee siyaasaa dhorkaman alaa galchuu, namoota siyaasaa hidhaman kuma hedduun hiikuu fi himannaawwan shorokkeessummaa warra ala jiran irra ture addaan kutuun Jawaar akka tarkaanfii gaariitti leellisaa ture.
Kana hordofuunis bara 2018 gara biyyaatti deebi'ee waajjira muummee OMN magaalaa Finfinneetti gadi dhaabe.
Deeggarsi Jawaar Abiyiif qabu garuu yeroo dheeraaf hin turre.
Ejjennoon jabaan Jawaar ofiin of bulchuu sabaafi sab-lammootaa irratti qabu hundeeffama Paartii Badhaadhinaa kan dhaabbilee sabummaa bu'uura godhachuun ijaaraman 8 diiguun paartii biyyaalessaa tokko ta'e hordofuun garaagarteen MM Abiy fi Jawar bal'ataa dhufe.

Madda suuraa, Getty Images
Hodoftooti Jawaar, torban darbe hidhamuun isaa akka Abiy abdii isaanii ganetti fudhataniiru.
Keessumaa ammoo hidhamuun isaa yeroo filannoon ji'a dhufu gaggeeffama jedhame akkaan eegamaa ture yeroo hin beekamnetti darbe kanatti ta'uun isaa yaaddoo biraati.
Boordiin filannoo filannichi akka yeroo biraatti darbu kan taasise weerara koronaavaayirasiiti jedhu.
Jawaar OMN gadhiisuu
MM Abiy Ahimad filannoo Itoophiyaa Hagayyaaf qabamee ture kana Paartii Badhaadhinaa reefu hundeessan jalatti dorgomuuf karoorfatanii turan.
Jawaar Mohaammad ammoo daarektara Olaanaa OMN ta'e isa hojjetaa ture gadhiisuun miseensummaan paartii mormituu KFO seene.
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi Paartii Biyyaalessaa Oromoo (PBO) waliin ta'uun gamtaa uumanii filannootti seenuuf socho'aa turan.
Kunis Oromiyaa keessatti paartiin MM Abiy Badhaadhinni morkiin jabaan akka isa eeggatu taasisa jedhamee yaadamaa ture.

Filannoon achi darbun hordofee garuu, A.L.I baatii Fulbaanaa bara 2013 booda mootummaan MM Abiy ''bu'uura seeraa hin qabu'' jechuun himaa ture Jawaar Mohaammad.
Yeroo ammaa Jawaar mana hidhaa jira. Akka paartiin isaa jedhutti maatiifi abukaatoon isaa isa argachuu hin dandeenye. Nyaata lagatee jira jedhaniis turan.
Gubachuu kitaaba MM Abiy
Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun hokkora uumameen wal qabatee ajjeefamuu poolisii akkasumas hokkora Onkoloolessa bara 2019 du'a namoota 97f sababa ta'een Jawaar akka himatu poolisiin beeksiseera.
Yeroos Jawaar mootummaan eegdotasaa kaasuun balaaf isa saaxiluuf akka ta'e ragaa fuula Feesbuukii isaa gubbaatti maxxanseen booda, mormii dhalateen ture lubbuun namootaa kanaa kan dabre.
Mormii san irratti deeggartoonni Jawaar kitaaba ministira muummee 'Ida'amuu' jedhu gubaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Obbo Jawaar hokkara sana keessa akka harka hin qabne dubbatus, qondaalota mootummaa dabalatee namooti tokko tokko injifannoo badhaasa Noobeelii MM Abiy argatan gatii dhabsiisuuf kan inni raawwate akka ta'etti isa qeequ.
Torban dabre erga Jawaar hidhameen duuba poolisiin waajjira OMN kan cufan yogguu tahu, miidiyichi akkuma kanaan duraa, wayita ammaatti Ameerikaarraa tamsaasaa jira.
MM Abiy dhageettii siyaasaa argatanii rifoormii jalqaban itti fufu moo, hidhamuun Jawaar Qeerroo mormii caalutti kakaasee mormiin isaan mudata kan jedhu ji'oota itti aanan kan adda bahu ta'us, lammilee biyyattii hedduu yaaddoo keessa buuseera.















