Ajjeechaan Haacaaluu: 'Eenyutu ajjeese, ajjeesise kan jedhu hidda qaba waan ta'eef yakka cimaadha'-Abbaa Alangaa Federaalaa

Ajjeefamuu Artist Haacaaluu Hundeessaan booda mormii dhalateen wal qabatee Finfinneefi Oromiyaa keessatti taateewwan hedduun mudataniiru.
Hiriira mormii guutummaa Oromiyaatti ajjeechaa artistii jaallataniitiin dheekkamanii bahan qabeenyaan manca'ee, lubbuun baayyeenis darbeera.
Akkasumas namoota siyaasaa gurguddoo fi miseensota paartiilee mormituu dabalatee namoonni 2,700 ol hidhamaniiru.
Dhimmoota kanaaf, haqa Haacaaluu baasuu ilaalchisee Aadde Adaanech Abeebee BBC waliin turtii taasisaniiru.
BBC: Namoonni ajjeechaa Haacaaluutiin shakkamanii hidhaman meeqa ta'u?
Aaddee Adaanech: Du'a artistii jaalatamaafi goota mirga namoomaaf falmuu Haacaaluu Hundeessaatiin wal qabatee, gara namoota 15 to'atamaniiru.
BBC: Ajjeechaa raawwatamee booda Oromiyaa keessatti mormiin taasifameen walqabatee lubbuun namootaa darbusaa dhagahameera. Namoonni hokkoora sanaan walqabatee lubbuunsaanii darbee meeqaa ta'a?
Aaddee Adaanech: Ajjeechaa artisti Haacaaluurratti raawwatameen walqabatee Oromiyaa keessatti namoota mormiif bahaniifi namoota nagaa mana keessa turan irratti gochii sukanneessaafi qaaneessaan raawwatameera. Haaluma kanaanis Oromiyaa keessatti lubbuun namoota 158 galaafatameera.
Akkasumas Finfinnee keessattis erga reeffii artiist Haacaaluu Hundeessaa gaggeeffameen booda lubbuun namoota gara 10 darbeera.
Walumaagalatti lubbuun namoota 168 darbeera. Kana keessaas 13 qaamoolee nageenyaa yoo ta'an, kan hafan 155 miseensoota hawaasaati.
BBC: Namoota du'an kanneen keessaa kan dhukaasa qaamoolee nageenyaatiin ajjeefaman addatti baafamanii beekamuu?
Aaddee Adaanech: Oromiyaa keessatti haala namoota ajjeefamanii ilaalchisee garee qorannaa qaama federaalaafi naannoo irraa ijaarree ergineerra. Kunis sababii yakki gurmaa'uun nageenya biyyattiirratti kan agga'amamee wayita ta'u, akka federaalaattis qoratamuu waan qabuuf kun ta'e.
Haalichi qoratamaa kan jiruu yoo ta'u, ragaa hanga ammaa qabnuun, ajjeechaa harki caalaan namootuma qophaa'anii guyyaa hokkaraa kana eeggataa turaniin kan raawwatameedha.
BBC: Dhaabbilee mirga namoomaaf falman akka jedhaniitti, erga hokkarri ajjeechaa artisti Haacaaluutiin walqabatee ka'een asi qaamoolee nageenyaa mootummaa humna hangaa olii fayyadamaniiru. Miidhaan qaqabees sababiidhuma kanaan kan walqabateedha jedhu. Waa'ee kanaa maal jettu isin?
Aaddee Adaanech: Jalqaba jeequumsi kun maal jechuun yaa ilaalu. Artist Haacaaluun artiistii beekamaafi jaalatamaa biyya kana keessatti ijjoolluummaa isaarraa qabee qabsaa tureedha. Haata'u malee, Haacaaluun gaggeessaa siyaasaa miti. Kanaafuu, dhimmi isarratti akka xiyyeefatamu taasise maaliidha? kan jedhu kaasuu dandeenya.
Isinis akkauma dhagaa turtan, nutis gama qaama nageenyaatiin ragaa nu gahaa tureefi irratti hojjatamaa tureen, baatii Waxabajjii kana keessa hookkara Finfinneerratti eegallee deebiifnee Finfinneetti xumurra. Waa'een mootummaa kanaa Waxabajjiirratti nuu dhumata jedhamee baayyee itti hojjatamaa ture.
Kanarraa ka'uunis Haacaaluun karoora kana jalqabsiisuudhaaf akka xiyyeefannaa keessa galfame kaasuun ni danda'ama.
Tokkooffaa, ajjeefamee akkuma oduun gaddaa dhagahameen bifa addaatiin namni hidhannoofi meeshaalee wal quunnamtii adda addaa qabtee, midiyaa qopheeffatee bahuun dursa qophiin akka ture kan argasiisuudha. Kunis harkaafi harkatti qabamaniiru.
Haacaaluu dhabuun keessa gadda sabaatiifi kan biyyaati. Haata'u malee, awwalchi Haacaaluu bakka gootoonni akka raawwatamuuf qophaa'aa osoo jiru, maatiin lakkii bakki warri bilisummaaf ijoolluumaadhaan biraa kufan itti awwalaman jiru, bakka obbooleessi isaa bara darbee itti awwaalamee jira. Duunee argamna malee Haacaaluun Amboon alatti hin awwalamu jedhanii didan. Sababii kanaatinis reffii Haacaaluu gara Ambootti akka gaggeefamu ta'ee ture.
Haata'u malee, meeshaa waraanaatti fayyadamuun dirqisiisanii Haacaaluun gara Finfinneetti akka deebii'u taasisan. Kana qofaas osoo hin taanee hayyama tokko malee karaarra dhaabaa ija dorgomiitiin wal ilaalanii meeshaan deegaramuun seenuun hookkara kaasisuun alatti hiikkaa biraa itti kennuu hin dandeenye.
Kunis ragaa adda addaatiin nu harka galee jira waan ta'eef isaansi kanarratti waan waakkatan natti hin fakkaatu.
Isattis aansee ammoo Finfinnee keessatti qaamni of ijaaruun namoota gaddaaf dhufe arrabsan 'Oromoon nu hin bulchuu' kan qeerroo arbasan qaamni Baaldiraas ammoo kanuma hordofuun dargaggoota jeeqan bobbaase.
Osoo dursanii hin gurmeesine ta'ee, gochawwan akkasii kunis guyyaa tokko keessatti ta'uu hin danda'u ture. Dursanii taaksiin kaffalamee, motarri ramadamee, dursee maallaqani ramadamee, meeshaan waraanaafi meeshaalee adda addaa akkasumas uleen qabatamee akka bobba'an taasifame.
Kunis akkuma gurmaa'e gurmaa'ina isaanitiin qaamooleen jeequmsi Finfinnee keessatti gaggeessuuf itti qophaa'aa akka turan agarsiisa. Qaamoolee jeequmsi ka'ee addaan akka hin kutamneef sabaan wal nyaachiisuun fedhii siyaasaa isaanii guuttachuu haala danda'aniin qophaa'an kunneenis gochisaanii kun wal dubbisa ture.
Kan biraa ammoo Oromiyaa keessatti haala sukaneessaa ta'een namoota hirmaannaa siyaasa hin qabnee ykn ajjeechaa Haacaaluu waliin hidhata hin qabne irratti miidhaan raawwatameera. Kanaafuu, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya ummataa eegsiisuun dirqama isaati. Namoonni hanga kanaas haala kanaan du'usaanii baayyee nu gaddisiisa.
Osoo qaamooleen nageenyaa haala kana to'achuuf wareegamanii fuldura bahanii hin sochoonnee ta'ee hookkarri kun hin to'atamu ture. Osoo hin to'atamne ta'ee ammoo badii akkamiitu biyya kanarra gaha ture jennee yaaduun baayyee namatti ulfaata.
Kanaafuu, qaamooleen nageenyaa humna hangaa oliitti fayyadamaniiru jechuudhaaf ka'umsa waan qaban natti hin fakkaatu. Sirriiyyu kan jedhamuu qabu kana caalaa harkaa kaffaluun uummata kana baraaruu qabaa ta'uu qaban jedhan akkan ragaa ofi harkaa qabuutti.
BBC: Akkuma jettaniitti gareen Obbo Jawwar waliin turan meeshaa waraanaa harkaa qabu jettan. Obbo Jawwan ammoo eegdoota waan qabuuf qaamooleen sun meeshaa akka of harkaa qaban mootummaan sana hin beekamu ture?
Aaddee Adaanech: Duraan ni beekama. Haata'u malee, eegumsi meshaa waraanaatiin deegaramee isaaf taasifamaa ture erga dhaabbatee olee buleera.
Egdoonni isaa wayita itti fufuuf murteessanitti meeshaa deebiisanii ykn walumaan kan itti fufan ta'uu qulqulleessaa jirra. Egdoonni namootaaf wayita ramadamaniittis hangi meeshaa akka qabataniif waliin ramadanuu murtaa'aadha.
Lammaffaa ooma mootummaan kan ramadeef ta'eeyyu bakka akkasiirratti meeshaa nyaachifatanii dhiibbachuun waajiira qaama biraa seenuun seeraan ala. Nageenya abbichaa ittiin eeguuf malee badii biraa ittiin raawwachuun hin hayyamamu.
BBC: Odeeffannoon arganeen Obbo Jawaariifi Obbo Baqalaan erga reeffi gara galma Aadda Oromootti deebiifameen booda sirni kun attamiin haa raawwatamurratti marii taasiisuuf jecha Waajjira dhaabaa deemanii achitti qabaman waan jedhutu jira. Akkuma isin jettaniittis ammoo aanga'oonni olaanoon dhaaba Badhaadhina Oromoyaa sirni awwaalcha Haacaaluu Finfinneetti haa raawwatu jedhamee ture. Dhugaan bakka kam jira?
Aaddee Adaanech: Jalqaba akkuma fedhii maatii malee Jawaar humnaan reeffa deebisiisaa jiraachuun qulqullaa'een, namoota Jawaariin beekaniifi itti dhiyaataniin jaarsummaan itti ergameera. Bilbilli itti bilbilamaa akka ture ragaan qabameera.
Lakkii dhiisaa gara maatii haa deemu. Maatii bira deemnee kabajaan haa gaggeessinu, kan jedhu dhiyaateef ture.
Kan biraa kan seenuun argamee galma Aadaati yoo jedhame, maaltuu istaadiyoomii naanneessee karaa waajira paatiitiin fide? Kanaaf ammoo ragaa namaa qofa osoo hin taane ragaan kaameeraa jira yeroo isaan dirqamaan dhiibanii seena.
Isaan booda ture gaggeessaa nageenya dallaa sanaa akka waan hamaan hin mudanne yaaduun, qaamaan dhaqanii qawwee isaanii gadi deebiisanii akka gara galma aadaa dhaqaniif kan itti himan. Kanaafis ragaa sasaabbanneerra.
Kanaafuu guyyaa Haacaaluun du'unsaa itti dhagahamee kaasee haala akkasitiin meeshaa waraanaatiin gurmaa'uun socho'uu, booda maatii caalaa nutu beeka jechuu doorsisuun reeffi gara Finfinneetti akka deebii'u taasisuun, akkasumas akkaataa dubbii itti kaasuun qabatanii waajjira ittiin morman bira deemuun, sababii sanaanis miseensi poolisii tokko akka du'u gochuun, humnaan walitti deemuun akka karoorri addaa jiru ni agarsiisa.
Karoorri kun warra kanaan dura jeequmsa Finfinneetti kaasifnee Finfinneetti xumurree aangoo nu harkaa bahee of harkatti deebiifna jedhanii dhaadatan waliin hagam akka walqabatu baruuf qorannoon keenya itti fufeera.
BBC: Ofii ajjeechaa kana duubaafi hokkara isaan booda dhalateen walqabatee namoonni Oromiyaa keessatti to'annoo jala oolfaman hangam ta'u?
Aadde Adaanech: Oromiyaa keessatti namoonni 1,714 to'atamaniiru. Finfinneetti ammoo namoonni gara 1,000 ta'an to'annaa jala oolfamaniiru, kan Haacaaluu dabalatee jechuudha.
BBC: Namoonni siyaasaa dhaaba mormituu ABO fi KFO keessa kanneen sadarkaa hooggansaarra jiran, miseensota dabalatee to'annoo jala oolfamaa jiru. Kun ammoo carraa uumame kanaan filannoo dursee garee mormitootaa jilbeeffachiisuuf yaadameeti qeeqni jedhu jira. Isin maal jettu?
Aadde Adaanech: Dubbiin filannoonis ta'e aangoo siyaasaatti bahuunis, jiraachuun biyya bulchuunis kan yaadamu yoo biyya qabaattee.. Waan hundumaa dura xiyyeeffannaan keenya amma biyya baraaruudha.
,Duuti namaa dhaabbachuu qaba, ummanni kun nagaan wajjin jiraachuu qaba. Yoo nagaadhaan waliin jiraate fuuldura baatee falmitee, qeeqxee gara aangoo siyaasaatti dhufuun ni danda'ama.
Kanaaf, har'a jiraachuutu nurra jiraata. Har'a jiraachuun, bahuufi galuun akka hin danda'amnetti ammas waamichi badii akka ummanni walfixu wanti keessatuu gara amantiifi gara sabaatti dhiibbamaa jiru kun baayyee gadhee waan ta'eef qaama siyaasaa aangoorra jiru mormuurra kan darbedha.
Kanaaf, kana to'annaa jala oolchuudhaaf deemaa kan jirru. Ammas hin dhaabbanne, Roobii namni akka hin bane, karaan akka cufamu, bakka danda'an hundatti tarkaanfii adda addaa akka fudhatan labsiin adda addaa bahee, ergaa gabaabaanis mobaayilaan deddeebiyuunis wanti deemamaa ture jira.
Garuu hojii poolisiin kanarratti hojjetaa tureen to'atamee har'a hojiitti bobba'amuun danda'ame.
Kana eenyutu godha kan jedhu ammo ragaa argannurraa jalqabneetu osoo namni hin du'iin to'attee seera jalatti oolchuun oomaa rakkoo hin qabu. Seeraan deebii'a. Yoo namni qulqulluun to'atameera ta'e, ragaadhaan, adeemsa seeraatiin qulqullinni isaa mirkanaa'ee ni baha.
Yoo namni seera cabsee hokkara akkanaa kaasise ammoo adeemsa seeraatiin adabamuun eessayyu jira. Hunda keenyaafi wabii kan ta'uu danda'u kana.
Wanti irratti xiyyeeffanne ol -aantummaa seeraa eegsiisuudha.
BBC: Wayita rifoormiin kun dhufu Ministirri Muummee Abiy Ahmed wanta dubbatn keessaa tokkoo, akka durii hiinee hin qulqulleessinu, qulqulleessineetu to'annoo jala oolchina wanti jedhu ture. Amma akka jechaa jirtanitti namoota kumootaan hiitanii jirtu. Sun wal hin faallessuu?
Aadde Adaanech: Hin faallessu. Maaliif yoo jedhame, qulqulleessuu jechuun mana murtiitti akka abalu yakkamaadha jette itti murteessuu miti. Yakka keessatti hirmaachuu isaa agarsiistuu/raga qabaachuu keeti. Warra ragaan irratti hin jiraanne ykn namni hokkara keessatti hin hirmaatiin qabamne hin jiru.
Karoora/ ergama duubaan kennuu wajjin raga irratti arganneen ykn fuuldura miiraan ergama kana fudhatanii badii balleessuudhaaf, nama ajjeesuudhaaf, qabeenya barbadeessuu, mana gubuu, mana diiguu keessatti, nama ajjeesuu keessatti warra qabamanidha.
Kana hin to'annu yoo ta'e ammo biyyi hin jiruu jechaa jirra. Biyyi hin jiru taanaan ammoo seerri hin jiru.
Osoo kun akkaataa ammaa kanaan deemamuu baatee wanti biyya kanatti ta'uudhaaf karoorfame tilmaamuudhaaf nama rakkisa. Waaqnis nu gargaaree to'annaa jala oolee jira.
BBC: Waa'ee ibsa mootummaan kennaa jiruufi ibsa isin ammoo guyyoota darban kennaa jirtan wayita ilaallu hedduun isaa ibsa mootummaa waliin walfakkaata. Sababa kanaatiin Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa hirkattummaa dhaaba biyya bulchaa jiruu jala jira. Yookaan ammoo dhaabni biyya bulchaa jiru Abbaa Alangaa Federaalaa Waliigalaa irratti dhiibbaa uumaa jira ykn waluma keessa jiru hubannaa jedhu uumaa jira. Hangam takka dhiibbaa mootummaa jalaa bilisa taatanii hojii isinirraa eegamu bahaa jirtu?
Aadde Adaanech: Dhiibbaa mootummaa jechuun maal inni? Abbaa Alangaa jechuun biyya kamittiyyu qaama raawwachiiftuudha.
Mootummaan qaama sadii qaba: Qaama seera hiiku, qaama seera tumuufi qaama seera bahan raawwachiisu qaba. Abbaan Alangaas isa seeraan kennameefiina ala bahee hojjeteera taanaan qeeqamuudhaafis, sirraa'uudhaafis qophiidha.
BBC: Fakkenyaa namoota siyaasaa to'annoo jala oolan ilaalchiisee ibsi mootummaan kennuufi ibsi yeroo gara garaatti Abbaan Alangaa kennamaa jiru walfakkaata. Kanaafuu eessatti akka adda bahu baruun ni danda'amaa?
Aadde Adaanech: Dubbiin tokkichuma. Wanti raawwatamee jiru dhimmuma amma irratti haasa'aa turre kanadha. Akka Abbaa Alangaatti kan ibsaa turre ragaan sassaabbanne maal akka agarsiisuufi uummanni ragaa argachuu waan qabuufiidha. Qaamni adda addaa ammoo tilmaamaa adda addaafi waan hin taane kennuun waan dogogorsaa jiruuf ragaa sirrii ta'e ibsuudhaaf seeranis dirqama qabna.
Gama biraatiin ammoo waa'ee ol-aantummaa seeraa eegsisuuti. Kana keessatti kan nuti to'annaa jala oolchaa jirru qaama yakkaan shakkineefi hirmaannaa kana keessatti arginedha.
Achi keessatti ammoo qaamni mootummaas jira, bulchitoonni jiru, poolisiin jira. Seera raawwachiisaan jirra. Wanta dhugaa jiru yoo nuti ibsine, pirees sakireetaariinis, ministirri muummees isuma ibsu. BBC nillee kanuma ibsa jedhaan amana ragaarraa kaane waan ta'eef.
Wanta qorannoodhaan irra geenye ummataaf ibsuuf labsiidhaan itti gaafatamaan nutti kennameera. Himata dhiyeessuudhaafis Abbaa Alangaa Waliigalaatiif kenname.
BBC: Erga ministirri muummee gara aangootti dhufanii aanga'oonni gurguddoo kan akka Janaraal Saa'iree Mokonnon dabalatee, kan Injinar Simanyawu irratti ajjeechaan akkasii raawwatamanii turan. Dhimma isaanitiin wal qabatees namoonni adeemsi seeraa haqa kennuu, amansiisaa miti waan jedhu kaasu. Ammas ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatameen walqabatee haqni sirrii ta'e kennamuu dhiisuu danda'a shakkii jedhu sirna haqaa waliigalaarraa shakkii qabaachuu kaasaa jiru. Waa'ee kanaa maal jettu isin?
Aadde Adaanech: Jalqaba akka ragaatti wanta ani siif sirreessuu barbaadu, kan Injinar Simanyawu ragaan qulqullaa'ee, Abbaa Alangaatiin mirkanaa'ee ofiin of ajjeesuu isaati kan agarsiisu.
Sanaa as akka waliigalaatti kan Waxabajjii 16 murtiirra gahee jira. Mana murtiitiin himatamaan tokkoffaa Obbo Getaachoo Asaffaa, hogganaa dhimma biyya keessaa ture. Qabamee akka dhiyaatu ajajamee waan tureef sababii sanaan wanta turedha.
Dhaqee ummata keessa waan dhokateef tokko qabuudhaaf jecha ammoo namoota biroo ajjeesuun sirrii miti gara jedhutti deemuutti deemame.
Kanaaf, murtiin bakka hin jirretti ni kennama itti aanee. Namoota sababii kanaan qabaman shanan qulqullaa'ee ragaan Abbaa Alangaa dhaga'ameera, ragaan ittisa isaaniis dhaga'ameera. Murtii mana murtiitiif kan buledha.
Kan Waxabajjii 15 akkuma kana dura ibsame har'as itti fufeera. Ragaan dhaga'amaa ture sababii koronaavaayirasiitiin ji'a lamaaf addaan kutamee ture. Sanaan dura ammoo himatamaan tokkoffaa ajjeechaan Janaraal Saa'iree Mokonnonirratti hirmaate ji'oota muraasaaf of wallaaleetu hospitaala keessa akka ture addunyaadhaaf gabaafamaa ture.
Wantota lamaan kanaan wal qabatee malee dhimmichi laaffifamee ilaalame miti akka sirna haqaatti.
Dhimmoota turtii waliin walqabatu kana caalaa foyyeessinee ni hojjenna jedheen amanna.
BBC: Ajjeechaa Artist Haacaaluu waliin walqabatee ammatti namoota to'anoo jala oolchitaniifi qorannoo gaggeessitanirraa garee/qaama kanatu raawwate gara jedhutti wanti isin qajeelchu argamee jiraa? Sababiinsaa aanga'oonni gara garaas miidiyaalee mootummaa irratti eenyu akka ta'e ni beekama wanta jedhu dubbatu waan ta'eef.
Aadde Adaanech: Miidiyaadhaaf xiqqoo osoo turree gaariidha. Qorannoon isaa sirriitti cimuu qaba. Wanta fuuldura bahee nama raawwate sanaan ibsamu qofa miti.
Hidda qaba waan ta'eef kan raawwachiises, kan raawwates akkaataa raawwatameen yoo ilaallu yakka cimaa Haacaaluu duwwaarratti akka dhuunfaatti raawwatame osoo hin taane kan biyya irratti raawwatame waan ta'eef yeroo qorannaa keenya xiqqoo bilcheessinu sadarkaa sadarkaa isaaniitiin ni ibnina.
BBC: Yeroo keessan fudhattanii gaaffiiwwan keenya nuuf deebisuu keessaniif galatoomaa. Gaaffii qabu kanuma. Yaada dabalataa dhuma irratti yoo qabaattan.
Aadde Adaanech: Yaandi ani dhuma irratti qabu ammas siyaasni yoomiyyu addunyaarra ni jiraata. Jaarraan 21ffaa keessa jirru ammoo siyaasa karaa nagaatiin waldorgomanii yaadaan walcaalanii ummata amansiisanii gara aangootti ittiin dhufan waan ta'eef ummanni keenya waan kana madaalee, beekee nageenya isaa eegsisuu keessatti hirmaachuun wanta karaa seeraan alaatiin itti deemee badiidhaaf isa saaxilu kana qaamolee nageenyaa waliin ta'ee nagaa isaa yaa eegsifatu.
Tasgabbiifi nageenyi biyyaa waan hunda dursa.














