Itoophiyaa: 'Nafxanyaa' fi MM Abiy wanti walitti fidu hin jiru - Waajjira MM

Abiy Ahimad

Madda suuraa, Reuters

Ajjeechaa Artiist Haacaalu Hundeessaa Waxabajjii 30 magaalaa Finfinneetti raawwate hordofuun hokkora Itoophiyaa keessatti uumameen wal qabatee namoonni seeraan ala hidhaman hin jirani jedhe Mootummaan Itoophiyaa.

Sirni biyyattii diimokiraatessuu MM Abiy Ahimad ganna lamaan darbaniif itti jiran duubatti deebi'eera jedhamuunis dogoggora ta'uu ibsi Waajjirri MM barreeffamaan BBCf erge himeera.

Ajjeechaa Haacaaluutti kan ori'an deeggartoonni isaa kumaatamaan lakkaa'aman hiriira bahan gadda ibsachaa turuu eeruun, hiriirri hundi garuu naga qabeessa hin turre jedha ibsichi.

Qaamolee nageenyaa dabalatee namoonni lubbuu dhabuufi qabeenyi miliyoona hedduu baasu manca'uus himeera.

Mootummaan kanneen yakka kana keessaa qooda qaban hordofee to'annoo jala oolchaa jiraachuus hima.

Haata'u malee, haalli siyaasaa amma jiru marsaalee hawaasaa dabalatee miidiyaalee idilee irratti qixa sirrii hin taaneen hubatamaa jiras jedheera.

Haala amma biyya keessa deema jiru hubachuuf qabxilee barbaachisoodha jedhe lama irratti ibsichi xiinxala kenna.

'Humnoota dheekkaman'

MM Abiy Ahimad erga Eebla bara 2018 gara aangootti dhufanii hojiilee riifoormii lammilee Itoophiyaa hedduutti abdii horan hojjechaa turan kan jedhu ibsi kun, hojiilee kanaan 'humnooti dheekkaman' faayidaan isaanii jalaa tuqame jira jedha.

Humnoonni kunneen irree siyaasaa fi diinagdee waggoota 30 darban keessa gabbifatanitti dhimma bahuun riifoormii kana gufachiisuuf carraaqaa jiru jedhe.

Gama kaaniin mootummaan dirree siyaasaa bal'isuun wal qabatee dhimmootni duraan hiriyoota lama qofa jidduutti haasa'amaa turan amma ifatti miidiyaa irratti haasa'uun eegalamu hima ibsichi.

Kuni ammoo wanta hin barbaadamne hedduu fidee dhufe jedha.

MM Abiy haala kana yoo ibsan, 'foolii badaa wayita foddaan mana ganna 20f cufame ture banamu mul'atutti fakkeessu' jedha ibsi barreeffaman waajjirri MM baase kun.

Hiree yaada ofii bilisaan ibsachuu kanatti fayyadamuun namooti siyaasaa tokko tokko arrabsoo fi maqaa wal xureessuutti seenani jedha.

Miidiyaaleeniis gabaasa saba tokko ykn amantaa tokko addatti balaaleffatu ykn gaaffiin akka irratti ka'u taasisu hojjechuu eegalan jedhe.

'Nafxanyaa'

Kaan ammoo akka waan mootummaan sirna federaalizimii diigee sirna durii deebisuun, injifannoowwan armaan dura argaman duubatti deebisuuf hojjechaa jiruutti mootummaarratti qeeqa ragaa hin qabne dhiyeessuu eegaluu hima.

Mootummaan kun adeemsa keessa ni sirrata jedhee obsaan eegaa turus, sirreeffamuu hin dandeenye jedheera.

Kaan ammoo marsaalee hawaasaa fi miidiyaaleetti fayyadamuun akka MM Abiy 'Nafxanyaa' ta'eetti duula irratti bananis jedha.

'Nafxanyaa' jechuun hiikaan isaa kallattii 'qawwee baattuu' jechuudha kan jedhe ibsi kun, kanneen jaarraa 19ffaa keessa qawween Kibba Itoophiyaa qubatan ibsa jedheera.

Sirni akkasii bara 1974 wayita sirni mootii Hayilasillaasee kufee dargiin aangoo qabate dhumate, mootummaa amma jiruunis ta'e MM Abiy Ahimad waliin wanti walitti fidu hin jiru jedheera.

Humnoonni dheekkamani fi kanneen miidiyaa keessa hojjetan bulchiinsa MM Abiy 'Nafxanyaa' jechuun maqaa balleessuuf yaalaa turani jedhe.

Kuni kan godhamuuf galmi isaa sabaa fi saba jidduutti keessumaa ammoo Amaaraa fi Oromoo jidduutti walitti bu'iinsa uumuufi jedha ibsi kun.

Duulli miidiyaa hawaasaa irratti adeemsifamu 'Nafxanyaa' saba Amaaraa waliin walitti hidhee kan gaggeeffamaa ture ta'uun ammoo dhimmicha hammeessee jira jedhe.

Haa ta'u malee seenaa keessatti giti bittaa 'Nafaxanyaan' Amaara qofa osoo hin taane Tigree, Guraagee, Oromoo fi saboota kaanillee of keessaa qaba ture jedha.

Dargaggoonni hedduun sirni 'Nafxanyaa' MM Abiy Ahimad golgachuun aangootti deebi'uuf carraaqaa akka jiru akka amanan waan taasifameef du'a Haacaaluu Hundeessaa hordofuun dhalattoota Amaaraa fi qabeenya isaaniirratti miidhaan gahuu hima.

Kuni guutummaatti dogoggora ta'u hima ibsi kun.

'Hidhaa hogganootaa'

Hokkora ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee uumameen wal qabatee hogganoonni siyaasaa olaantumaa heeraa biyyattii diiguuf yaalan akkasumas namoonni ajjechaa Haacaaluun shakkaman to'annoo jala oolfamuu ibsichi himeera.

Mootummaan dursee maatii Haacaaluu waliin erga mari'atee booda fedhii isaanitiin reeffi isaa gara Amboo geeffamaa osoo jiruu, gareen Jawaar Mohaammad akkasumas Baqqalaa Garbaa keessa jiran humnaan reeffa Finfinneetti deebise jedhan.

Reeffa gara waajjira Paartii Badhaadhinaa seensisuuf wayita jedhanis walitti bu'iinsa uumameen miseensi poolisii tokko ajjeefameera jedhan.

Jawari fi Obbo Baqqalaa dabalatee namoonni 35 qabaman meeshaa waraanaa waliin qabamuus hima ibsichi.

Namoonni kunneen sababa ilaalcha siyaasaa isaaniitiin qabaman jedhamee duulli miidiyaa hawaasaa irratti taasifamu dogoggora jedha ibsi kun.

Namoonni kunneen yakka raawwachuufi heera mootummaa waan faallessu dalaguun shakkamanii hidhaman jedheera.

Namoota siyaasaa fi rogeeyyiin bebbeekamoos seeraan ol miti jedha ibsi kun.

Ammatti rakkoon nageenyaa Finfinnee fi Oromiyaa keessatti uumamee ture guutummaatti to'atamuufi mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf kutannoo jabaa akka qabu akeekee jira.