Alii Birraa: 'Haacaaluu Hundeessaa waliin 'lubbuun keenya tokko,' duuti isaa hedduu na hubde'

Artiist Alii Birraa

Urjiiwwan bakkalchaa dhaloota garaa garaa lamaati. Angafticha muuziqaa Oromoo Alii Birraa fi dargaggeessa jaalatamaa torbee darbe ajjeefame Haacaaluu Hundeessaa.

Namoonni hedduun wantoota baay'een wal isaan fakkeessu. Darbees Haacaaluun nama Alii Birraa bakka bu'ee muuziqaa Oromoo dhaloota dhufu dhaalchisudha jedhuun.

Artiistonni jajjaboon lamaan kun quba wal qabu turanii? Aliin akkamiin Haacaaluu ibsa?

Wayita bilbilaan dubbisnetti gaaffiin keenya kan duraa Haacaaluu waliin yoom, akkamiin wal barte kan jedhu ture.

"Artiist Haacaaluu Hundeessaa goota gootarra gootaati" jedhee eegale.

"Ittiin boonna, dhaamsi nuuf dhaamaa ture, waan waggaa 150f nu quuqaa ture" erga jedheen booda dursee "Rabbiin haa araaramuuf, jannata keessatti haa qananiisu" jechuun barbaada jedhe.

Gaaffi keenyatti yoo as deebi'u, "duraan dursee kanin arge kiliippii irratti ture, osoon biyya Itoophiyaa hin dhufiin dura" jedha.

Aliin erga gara biyyaa dhufeen booda Oromiyaa keessatti wal arganii akka wal baran dubbata. Kunis waggaa 15 dura ta'uu hima.

"Yeroos nama xinnaadha ture" kan jedhu Aliin, sana dura "muuziqaa babbareeda kan aadaa, waa'ee afaan ofii fi eenyummaa ofii kan ittiin mul'isu kiliippii isaa waanan argeef, baay'een dinqisiifachaa ture" jedha.

"Nama guddatu tahuu isaatis natti mul'ataa ture" jedha. Yogguu san Aliin dhaabbiin gara biyyaa hin galle ture. Deddeebi'aa akka ture hima.

"Osoon deddeebi'aa jiru, maqaan isaa ol ka'e. Nama hedduu hawwachiisee, nama kan Oromoo qofa osoo hin taane kaanillee jallachuutti ture."

"Akkasitti anis caalaa wal baraa dhufne, innis muuziqaan guddate" jechuun wayita gara biyyaa deddeebi'aa turetti wal barachuun isaanii dabaluu hima.

"Lubbuun keenya tokko"

Alii Birraa waa'ee Haacaaluu haalaan ibsuuf jechoonni jalaa badanii wayita, akka itti miira isaa ibsatu rakkata.

"Akka ogeessa muuziqaa tokkootti otoo hin taane kanan ilaalu, kanin isa ibsu, goota gootota Oromoo keessaa tokko jedheetin isa madaalu" jedha.

"Jabinaa fi dhaabbii qabaachuun isaa uummata Oromoo fi Oromiyaaf qofa miti dhaamsi inni dhaamu" jedha Aliin.

"Bikka cunqursi jiru hundaattuu, uummata sana hundaaf nama dhaabbate" jechuunis ibsa. "Afaan ittiin sirbutu Afaan Oromoo tahe malee, qabiyyeen isaa osoo hiikamee rakkataa addunyaa keessa jiru maraafuu kan tahudha" jedha.

Kanaafis Haacaaluun goota keenya qofa osoo hin taane, "goota addunyaati jedheen achittin isa ramada" jechuunis ibsa.

Haacaaluu Hundeessaa kabaja ayyaana Adwaa irratti 2019

Madda suuraa, Dagi Pictures

Ibsa waa'ee suuraa, Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 magaalaa Finfinneetti rasaasaan dhawamee ajjeefame

"Ani dhaabbiin (ejjennoon) kiyya akkuma Haacaaluutti saba kiyyaaf quuqameen tarkaanfachaa ture" kan jedhu Aliin, "karaa sanirratti isaa argeen nama tokko taane, lubbuun keenyas tokko, yaadni keenyas tokko" jechuun ejjennoo wal fakkaataa qabaachuu isaanii hima.

'Harki harka hin nyaatu diina ofii malee' jedhee sirbe Alii Birraan jechuun sirba isaa keessatti maqaa kiyya kaaseera jedha.

"Maqaa kiyya kan kaaseef sarara Alii Birraa irra jirra, waan inni himu san himaa jirra jechuu isaati" jedha. Kanaafis ilaalchi isaanii fi sararri gama qabsoo uummataan irra deemaa turan tokko ta'uu hima.

"Kaanaf jecha duuti isaa hedduu hedduu na hubde, na miidhe" jechuun hima. "Ana qofaa miti, silaa warri Jappaan, warri Ameerikaa, warri Yugaandaa waan inni jedhe hiikameefi dhagahani, baay'ee baay'ee gaddu ture" jedha.

Alii Birraa
Amensisa Ifa
Duuti isaa hedduu hedduu na hubde, na miidhe"
Artiist Alii Birraa

Sababni kana jedhuuf Haacaaluun qabsaawaa idil-addunyaa waan taheefi jedha.

"Nu harkaa fudhatani" kan jedhu Aliin, "qaamuma isaa nu duraa fudhatan malee, lubbuun isaa Rabbi birattis bikka guddaa qabdi, uummata isaa biratti bikka guddaa qabdi, inni nama du'e miti kan bara baraan jiraatudha" jedha.

Ajjeefamuu isaa akkamiin dhagahe?

Ajjeefamuu isaa halkan keessa gaafa itti himamu rifaatuudhaan dubbachuu akka dadhabe hima. "Nan rifadhe, abjuu taha malee kun dhugaa miti jechaan ture" jedha.

Booda garuu dhugaa tahe jedha. Kan akka Haacaaluu miliyoonataan argachuuf tenya kan jedhu Aliin kanaan akka jajjabaatu hima.

"Lubbuun isaa nu waliin ni jiraatti. Fedhiin isaa, dhaabbiin isaa nu bira ni jira. Kanaafuu dhalooti ammaa qofa otoo hin taane kan nu fuuldura dhufu hundaahuu Haacaluudha taha jedheen abdadha."

Alii Birraa haadha warraa isaa waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Alii Birraa haadha warraa isaa Liilii waliin

Hojiilee isaa keessa kam kan ati yoomuu hin daganne jennee gaaffii gaafanne deebisuun Aliif salphaa hin turre.

"Waan inni himaa ture, akka qabsaawaatti, akka jaalalaatti, akka ilma hawaasaatti waan hawaasaa inni himaa ture hundi ana biratti bikka guddaa qaba" jedha.

"Kanaatu kanarra wayya kanin jedhu hin qabu. Sirba kudhan yoo sirbe, kan sadaffaa, kan kurnaffaa wanna jedhuun hin qabu," jechuunis dinqisiifannaa Hacaaluuf qabu dubbata.

Waa'ee dandeetti isaa yoo dubbatu, "wanna uumata isaa cunqursu wanna isa quuqu yoo argu ofii barreessee sirba, kan namni barreesseefis akka miira uummataa ibsutti wallisa" jechuun hima.

"Ergamaa Rabbiiti"

Jechan isa ittiin ibsu hin qabu kan jedhu Aliin, "jireenya kiyya keessatti wannin arge, gurbaan kun ergamaa Rabbiiti" jechuun hima.

"Rabbiin qomoo hundaafuu nama tokko tokko ni kenna. Sadarkaan isaa sadarkaa qabsaawota gurguddaa akka Maartiin Luutar Kiingi, Nelsan Mandeellaa, Maahatama Gaandii, Maalkoom Eeksi sadarkaa sanittin isa kaaha."

Ana biratti inumaatuu isaanii oli jechuu nan danda'a jedha Aliin.

"Miidhaa nama keenyaa hunda sodaa malee qawwee Afaan dura dhaabbatee nama dubbatu" jechuun hima.

Haacaaluun yoggaa hojjetu ani haa yaadatamu jedhee miti kan hojjetaa ture kan jedhu Aliin, ammoo akka itti Haacaaluun dhaloota ammaafi kan dhufuun yaadatamuu qabu ni akeeka.

Siidaa dhaabuu, maqaa isaan karaa fi manneen barnootaa moggaasuu, seenaa isaa akka baratamu gochuun barbaachisaa tahuu hima.

"Kana feen yoo goone maqaa isaa hin gitu" kan jedhu Aliin, kuni hundi godhamuu baatus inni yaadatamuun waan hin oolledha jedha.

"Waan hojjeteefi seenaa galmeesseen hanga jireenyi ilmaan Oromoo, jireenyi cunqurfamtootaa kaaniis jirutti, inni yaadatamaadha" jedha.

Xumura irratti wanni jettu jennee gaaffi gaafanneefis "Rabbiin gama isaatiin goota keenya kana, bikka isaaf malu jannata keessatti nu haa qananiisu" jedhe.

Ergaan isaa garuu kana qofaa hin turre.

"Wanni abdannu fuulduraaf gootni isaa akka nuuf dhalatee, fedhiin keenyas galmi keenyas akka bikka dhaqqabuu danda'uuf, goota biraa akka nuuf kennu Rabbiin kadhanna, kuni bu'uura bilisummaati" jedha.