Haacaaluu Hundeessaa: 'Walaloo artistootaaf wayita barreessullee maqaakoo hin fayyadaminaa jedha'

Eebbisaa fi Haacaaluu Hundeessaa

Madda suuraa, Eebbisaa Naggasaa

Artist Hacaaluu Hundeessaa Waxabajji 29, 2020 Wixata galgala Finfinneetti ajjeefamuun guyyaa Kamisaa bakka dhalootasaa Magaalaa Ambootti awwaalameera.

Weelluu isaatiin alatti Haacaaluun nama akkamii ture ka jedhu baruuf artistoota, hiriyootaafi maatii keessaa namoota itti dhiyeenyaan beekan BBCn dubbiseera.

Gaazexeessaan wayita ammaa biyya Siwiidin magaalaa Gotanbarg jiraatu Eebbisaa Naggasaa, Haacaaluu waliin walitti dhufeenya gaarii akka qaban himuun, ''ajjeechaa Haacaaluun booda miira hamaa keessan jira,'' jechuun nutti hime.

Eebbisaan magaalaaa Gudaritti dhalatee guddatus, barnootasaa sadarkaa lammaffaaf gara magaalaa Ambootti wayita dhufu Haacaaluu waliin walbaruu dubbata.

Kutaa 11ffaa waliin barachuus kan dubbatu Eebbisaan, ''Mana barnootaatti kiiyboordii fidee, yeroo boqonnaatti nu bashannansiisa ture,'' jedha.

Ambootti fincilli kahee Hacaaluun mana hidhaa yoo seenu, Eebbisaafi waahillan waliin barachaa turan barnootasaanii xumuruun yunivarsiitiirraa eebbifaman.

''Ennaa nuti yunivarsiitiidhaa baanu, inni ammoo mana hidhaatii bahe,'' kan jedhu Eebbisaan, erga hojii gaazexeessummaa eegalees irra deebiin walitti siquu eegaluusaanii dubbata.

Ergasiis gaafa Eebbisaan fuudhu Hacaaluun waa'ela yookaan miinjeesaa ture.

Gaafa cidha Eebbisaa Haacaaluun waa'elasaa ture

Madda suuraa, Ebbisaa Naggasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Eebbisaan fuudhu Hacaaluun waa'ela yookaan miinjeesaa ture

'Walaloofi yeedaloo kennuun dargaggoota jajjabeessa ture'

''Haacaaluu wajjin namni daqiiqaa tokkoof taa'e, barnoota gaarii irraa fudhatee deema,'' ka jedhu Eebbisaan Haacaaluun ''nama si kofalchiisuufi gaddakee si cabsudha,'' jedha.

Hiriyootasaa yeroo qabsoo ijoollummaatti waliin dabarse nama hin irraanfannedha jedha.

''Ammuma Oromoo biratti fudhatama qabu, sabaafi sablammoota Itoophiyaa birattis fudhatama guddaa qaba.''

Dargaggoota ol dhufanis ni jajjabeessa kan jedhu hiriyaan isaa kun ''walaloofi yeedaloo kennuun dargaggoota jajjabeessa ture.''

Dargaggoota baayyeefis walaloofi yeedaloo kennuusaa kan dubbatu Eebbisaan ''sinumti guddadhaa malee maqaakoo hin fayyadamiinaa,'' jedha.

''Waahee Haacaaluu kana sana jedhee dubbachuu hin danda'u, miira hamaa keessan jira,'' jechuun miira keessa galee dubbate Eebbisaan.

Sagantaa Yaadannoo Haacaaluu

Erga ajjeechaan Haacaaluu dhagahamee booda biyya keessaa fi alatti sagantaaleen jireenya Haacaaluu yaadachuufi hiriirawwan mormii garagaraa gaggeeffamaniiru, ammallee gaggeeffamaa jiru.

Hawaasni Oromoo Magaalaa Gotanbarg jiran lakkoofsaan xiqqoo tahanis, torban dabre keessa duungoo qabsiisuun Haacaaluu yaadataniiru.

Sirna yaadannoo Gotanbar irraa

Madda suuraa, Eebbisaa Naggasaa

''Haacaaluun waan itti wareegame sana galma gahuu qabna jechuun walitti qabamnee gadda keenya ibsanne.

''Sababuma Haacaaluutiin waliitti dhufeenya keenya cimsachuu qabna, faffaca'uun keenya nuun baasne, hawaasa jabaa tokko ijaaruu akka qabnu irratti waliigalle,'' jedha.

'Bakka Alii Birraa nuuf bu'a jedheen ture'

ALA bara 2010 Haacaaluu Hundeessaa wajjjiin wal baruu kan dubbatu weellisaa Habtaamuu Lamuu gama isaatiin Haacaaluun ''goota, hayyuu fi qaroo Oromootii'' jedha.

Weellisaa Hacaaluu fi Habtaamuu

Madda suuraa, Habtamu Lamu

"Bara jalqaba wal barreerraa eegalee fedha bilisummaadhaaf qaburraa kan ka'e ani akka kanatti hin danda'uu bosonatti galeen WBO'tti makamee waan narraa eegamu godheen wareegama naan jechaa ture" jedha weellisaa Habtaamuun.

''Asuma taa'ii sagaleen loli jedheen gorsaa ture. Sagalee sana torban sadii dura naa ergee, akkan aaruufi arifadhutti silaa yoona hin gahu ture naan jechaa tures'' jechuun yaadata.

Bakka Artiist Alii Birraa bu'ee waggoota 50 fi 60'f hojii aartii hojjeta jedheen yaada malee akkanatti yeroo gabaabatti lubbuun isaa dabarti jedhee hin yaadne" jedhe.

Haacaaluun Finfinneef hedduu qabsaa'aa ture dhalootni kuniis kaayyoo isaa kana galmaan gahuu qabaa jedheera weellisaa Habtaamuun.