Paasteriin akka maatiin ijoollee beelaan ajjeesan ajaje ajjeechaa daa'imman 191'n yakkamaa ta'e

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Keeniyaatti paastariin barsiisa bara-dhumaa bifa waaqeffannaan kennuun ijoo dubbii ta'aa ture Paawol Makeenzii, ajjeechaa lubbuu namoota 191 ta'aniin yakkamaa ta'e.
Namoonni ajjeefaman tokkorraa kan hafe hundi isaanii daa'imman jedhameera.
Paawol Makeenzii miseensota maatii barsiisa isaa (Cult) isaa hordofaniin akka "Yesuus waliin wal arganiif" ijoollee keessan akka du'anitti beelessaa jechuun ajajeera.
Akka barsiisa amantii isaatti barnoonni dhorkaa yoo ta'u, qorichi ammayaa ammoo "xuraa'aadha".
Hoggantoonni barsiisa amantii isaa 29 biroos ajjeechaatiin yakkamoo ta'aniiru.
Hundi isaanii namni akka du'uuf dirqame tokkollee akka akka hin jirre irra deddeebi'anii falmachuun yakka akka hin qabne himataniiru.
Akeekkachiisa: Qabiyeen barreeffama kanaa namoota tokko tokkoof kan rifachiisu ta'uu mala.
Murtii ishee sa'aatii saddeet magaalaa buufata doonii Mombaasaa keessatti kan kennite haati murtii Diyaanaa Mochaachee duuka-buutonni Makeenzii ''afaan Yesuus'' akka ta'etti amanan jechuun ibsite.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Himatamtoota isaa waliin himataman keessaa tokko akka jedhetti, Makeenziin hordoftoota isaatti namni ''qajeelfama soomaa jedhu kenname morme dhiitichaa fi rukuttaadhaan gara jannataa akka deemu dirqisiifamuu qaba'' jedheera.
Awwaalli bosona bakka waaqeffannaan kun itti hundaa'e "cidha" jedhama ture. Warri du'an "Yesuus waliin akka cidha godhatanitti ayyaaneffatama" jetti haati murtii kun.
Namni ijaan argae tokko, dubartiin ulfaa tokko daa'ima ishee reefuu dhalate akka hin hoosisne dhorkamtee turte, guyyoota 12 booda du'e. "Hanga du'aatti akka soomtuu fi ijoollee ishee duukaa akka deemtu qajeelfamni kennameef" jedha ragaan kun.
Hogganaan nageenyaa duraanii Makenzii Enoos Amaanyaa Nigaalaa jalqaba irratti himatamee booda waliigaltee himannaa fudhachuun abbaa alangaaf ragaa ta'ee dhiyaate.
Makenzii fi hoggantoonni amantii kanaa biroos shororkeessummaa, finxaalessummaa fi ijoollee barnoota dhorkuu dabalatee himannaa seeraa biroo hedduu cabsuuti isaan irrattio dhiyaate.
Paasterichi yeroo jalqabaatiif himannaa ajjeechaa cimaa irratti dhiyaateef mana-murtiitti kan dhiyaate yoo ta'u, yakka raawwate kanaaf murtiin gaafa Sadaasa 6 irratti kennama.
Paasteriin kun bara 2023, bosona Shakaholaa naannoo qarqara galaanaa Keeniyaa bakka hordoftoota isaa guutuu biyyattiirraa walitti qabatee jiruuf reeffi namoota namoota 400 ol awwaala gadi fagoo keessaa erga argamee booda to'annoo jala oole.
Awwaala kana akka qotanii baasanii magaalaa naannawaa sanaa namoonni 17 qacaramaniiru.
"Tokkoo tokkoo awwaalchi nuti arginee yoo xiqqaate reeffa sadii qaba ture," jechuun BBCtti dubbate warra awwaala qotan keessaa tokko kan ta'e Jaames.
"Reeffa kanneen keessaa gariin kan daa'immanii umuriin isaa torban tokkofaa ta'anidha."
"Bakka tokkotti reeffa daa'immanii 12 awwaala keessa toora galanii argine. Baayyee ture, reeffi kunneen akka wayyaatti tuura galaniiru. Tokko isa kaan irra kaa'ameera."
Reeffi daa'imman kanneenii gariin isaanii "harkii fi miili isaanii hidhamee reeffi ansoolaa(uffata sireen) maramee" akka ture warri awwaala qotan kun ibsaniiru.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Hordoftoonni Paaster Makenziin baayyeen isaanii Keeniyaa bakka gara agaraa irraa ta'anillee, fuulli reeffa namoota garii kanneen hawaasni naannichaa beekudha. Sababiin isaa ammoo hordoftoonni barsiisa amantaa kanaa boisona Shakahoolaa keessa jiraatan kunneen yeroo Laga Galaanaa bosonichatti dhiyoo jiruu wayita bishaan waraabuuf deemanii fi gara magaalaa deemanii waan barbaachisu fudhatan waan argaa turaniifidha.
"Yeroo tokko tokko doqdoqii keenyaan bosona kana keessa isaan geessina," jedhe namni awwaala qotu biroo Saaliim Kariisaa. "Haata'u malee, itti yaadamee karooraafi icciitinn waan hojjetamuuf achi keessatti maaltu akka ta'u namni beekuu danda'u hin jiru."
Namni umuriin isaa waggaa 48 kan ta'e Isteefen Miwiitii ijoollee isaa ja'an hunda sababa barsiisa amantaa kanaan dhabuu dubbata. Haati warraa isaa duraanii ammoo namoota Paaster Makeenzii waliin yakkamtoota ta'an keessaa tokkodha.
"Osoon har'a Paaster Makenzii waliin wal argee, tokkoo keenyati du'a," jechuun BBCrtti dubbate.
"Ijoolleen kiyya ja'an hunduu bosona Shakahoolaa keessatti dua'an jedha Isteefen Miwiitii miira gaddaan suura maatii isaa akkuma qabatee jiruun. "Reeffa ijoollee koo keessaa ilma koo keessaa kan Saa'ulee qofan argadhe."

Madda suuraa, Mohamed Madi / BBC
"Waan xiqqoon asitti argitu kun jalqabbii hibboo jireenyaa koo hundati," Isteefen Miwiitii TV awwaara uuffatee fi saanduuqa keebilii mana isaa magaalaa qarqara galaanaatti bosona Shakahoolaa irraa km70 faggaattee jirtu Maliindiitti argamtu keessaa quba itti qabaa. TV sanarraa ture barsiisni paaster Makenzii kan mana isaa seenuu jalqabe.
Paasterii kun bara 2003 'Good News International Ministries' kan jedhu hundeesse. Waggoota 16 itti aanan keessa, waldaan Kiristaanaa kun guddachaa fi beekamtii argataa dhufee dameewwan Keeniyaa keessatti qabuun hordoftoota kumaan lakkaa'aman horachuu danda'eera.
Waldaan Kiristaanaa paasterii kanaa sagataa TV 'Times TV' jedhamu waldaa isaa Maliindii jirurraa tamsaasa ture.
Lallabni isaa Bara Dhumaa tiyoorii konispaayiresii barnoota akka "xuraa'aa" ta'etti, kunuunsa fayyaa ammoo akka "faallaa barsiisa isaa ta'etti", akkasumas kaardii waraqaa eenyummaa dijitaalaa akka "mallattoo seexanichaatti" lakkaa'a.

Ilmi Makeenzii, Daan Paawol Makenzii, waldaa kana keessatti ogeessa kaameeraa ta'ee akka hojjetu dubbateera.
"Ijoolleen duuba taa'anii, ga'eessonni gidduu taa'u, namni hundi ganama yeroo hunda faarfannaa waaqeffannaa shubbisa ture."
Paastarichi lallaba isaa isa cimaa walakkaa guyyaarra kan jalqabu yoo ta'u, isaan keessaa tokko tokko "seexana baasuu" kan dabalatu ture.
Waldaan guddichi bara 2019 cufamee booda Paawol Makenzii gara bosona Shakaholaatti kan fodaane yoo ta'u, duka buutonni isaa akka isa hordofan jajjabeesse.
Umuriin isaa waggaa 23 kan ta'e Piitar Shukraanii, yeroo sanatti haati isaa isa waliin gara Shakaholaatti akka jijjiiramte dubbata.
Waldaa Makenzii dhaquu kan jalqabe yeroo umuriin isaa waggaa saddeet ture yoo ta'u, ''abbaa hafuuraa'' jedhee kan isa ibse yoo ta'u, ''waa'ee isaa jecha hamaa tokkollee akka hin dubbanne'' ibseera.
Shukraniin, yeroo bosona sana keessa ture qorichi waan dhorkameef dhukkubsatee haalli isaas sadarkaa hamaarra gahee akka ture yaadata.
"Haati koo qoricha ani fudhachuu qabu hunda gata turte, sababiin isaas Waaqayyo qofatu na fayyisuu danda'a jettee waan amantuuf," jedha Shukraaniin.
Hawaasni kun manneen dhoqqeerraa ijaaraman bosona bal'aa keessa faca'anii jiran keessa ture.
"Jireenya idilee tasgabbaa'aa jiraachaa turre, guyyoota muraasaaf soomnee booda nyaata xiqqoo nyaanna ture," jedha Shukraniin.
Bitootessa bara 2023 yeroo reeffi jalqabaa tiksitoota naannootiin argamutti namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru. "Nama bosona keessaa baannee baafna turre garuu baayyee dadhaboo waan turaniif harka keenyatti du'u," jechuun namoota awwaala qotan keessaa tokko kan ta'e Saalim Kaariisaan ibseera.
Shukraniin namoota bosona keessaa baraaraman keessaa tokko ture.
Hanga yeroo sanaatti torban hedduudhaaf dhukkubsatee sireerra kan ture taʼus, haati isaa qoricha fayyuuf isa barbaachisu hunda waan gattuuf haalli isaa hammaate.
"Haati koo barumsa Paastar Makenzii waan amantuuf qorichi xuraa'aadha" jettee amanti.
"Osoo bosona Shakahoolaa keessaa hin baraaramne ta'ee silaa yoona nan du'an ture."

Sababa baayyisuu tortoruu isaarraa kan ka'een reeffi baayyeen ammallee adda hin baafamiin jiru.
Sanada mana murtii keessatti, baayyeen isaanii akka "ijoollee dhiiraa hin baramiin" jechuun kan eerman yoo ta'u, bakka awwaala isaanii fi guyyaa itti argameen adda akka baafaman ta'e.
Gidiraa hordoftoonni Makenzii, dhiirota, dubartootaa fi daa'imman sababa beela, ukkaamfamuu fi rukutamuun du'an, akkasumas gidiraa ofiirraan ga'uun jiratullee, Shukraniin Makenziin "nama gaarii naaf yaadu" ture jedhee amana.
"Makenziin nama tokkollee akka soomaniif hin dirqisiisne. Namoonni filannoowwan sana ofuma isaaniitiin kan taasisan sababa amantaa isaaniitiin," jechuun Shukranii murtiin osoo hin ibsamin dura dubbateera..
"Hanga ammaatti isa nan jaalladha ammas paastarii kooti."
Faallaa kanaatiin Daan Makenziin abbaan isaa ajjeechaa raawwachuun yakkamaa ta'uu qaba jedhee amana ture.
"Inni hogganaa ture, nama isaan ammoo namoota isa jala yaa'an turan. Kanaaf, nama ajjeechaa jumlaa raawwatedha," jechuun murtii duras dubbate.

























