Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Oromiyaatti miidhaan lubbuu namaafi qabeenyaarra gahe maal fakkaata?

Konkolaataa gubate

Madda suuraa, FBC

Ajjeechaa Weellisaa Hacaaluu Hundeessaa booda hookkara Naannoo Oromiyaa keessatti uumameen badiin guddaa kan gahe bakkeewwan sulula qinxamaatti ta'u mootummaan hime.

Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil Mohaammad '' Rakkoon bal'aan kan jiru naannoo Shaashamannee, Arsii Lixaa hanga Baatuu kan jiru kana,'' jechuun BBC'tti himan.

Lakkoofsa hanga ammaa jiruun namoonni nagaafi humnoonni nageenyaa 200 ol ta'an torban tokko keessatti lubbuu dhabaniiru.

Qabeenyi ammaaf hammi isaa ifatti hin beekamneefi kan mootummaa akkasumas kan nama dhuunfaa ta'e barbadaa'eera.

''Rakkoon marsaa kanaa baay'een isaa rakkoo namaafi nama gidduutti uumamedha,'' jechuun kanneen du'an keessaa gara caalu humnoota nagaan kan ajjeefaman miti jedhu Obbo Jibril.

Akkaa qondaala kanaatti, kanneen qabeenya barbadeessuu barbaadaniifi kan qabeenya tikfachuuf yaalan gidduu waldhabdee uumameen lakkoofsi namoota lubbuu dhabani 'ol - ka'e.'

Ajjeechaa raawwate yoo ibsanis, ''gara caalu harkaan, dullaadhaan, billaan waan akkasi akkasiini waldhabuudhaan rakkoon guddaa kan gahe.''

Qaamoleen kanaan shakkaman hedduu to'atamu mootummaan kan ibse yoo ta'u kanneen keessa qondaaltonni mootummaa akka jiranillee ibsameera.

Namoonni hidhaman ajjeechaa, qabeenya barbadeessuun walqabate, qindeessuun akkasumas kan gahee isaanii bahu dadhaban akka ta'an himu qondaalli nageenyaa Oromiyaa himaniiru.

''Warri mootummaa kessaayis namoonni qaqqabaman jiru'' jechuurraa kan hafe eenyu akka ta'e garuu ifatti hin dubbanne.

Hookkarri bifa sabaa qabaa?

Ji'oota muraasa dura yeroo Jawaar Mohaammad eegduun jalaa fuudhamu ibse booda hookkara dhalateen namoota 90 ol lubbuu dhaban keessaa garri caalu kan ummanni tarkaanfii walirratti fudhatedha.

''Ajjeechaa sukaneessaatu yeroos raawwate'' jedhamu kanaan haleellaan bifa sabaa akkasumas amantii akeeku raawwateera.

Isa tibbanaan hawaasa gadda ibsachuu baheefi ergama biraaf bahetu jira kan jedhan Obbo Jibriil, dubbii gara amantiifi sabaa harkisuudhaaf yaaliin taasifame jiraachuu himu.

''Iddoo sabni adda addaa jirutti sabatti bu'ani akka waan Oromoon yookiin Amaarri saba tokkotti bu'etti yaaliin taasifamaa ture, iddoo immoo sabni tokko walumaan jiru amantii giddugaleessa godhatanii ummata walitti buusuudhaaf yaaliin taasifame jira garuu hin milkoofne.

''Bakkee muraasatti wanti ta'e jira. Akka waliigalaatti yoo ilaalle hin milkoofne,'' jechuun wanti raawwates saba osoo hin taane garee waan biraa raawwachuuf bahe bakka bu'a jechuun dubbatan.

Gama kaaniin, jiraatonni magaalaa Finfinnee garee meeshaalee qaraa akkasumas ulee qabachuun kanneen isaan dorsisan akka jiran kanneen kondominiyeemii Oromiyaa jedhamu keessa jiraatan BBC'tti himaniiru.

Dhimma kana irratti kan gaafanne Obbo Jibriil ''Humni ABIN waliin kan wal qabatu mul'achaa ture jira. Garuu, battaluma to'atame,'' jechuun himan.

Nageellee Arsii

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsiitti ajjeechaa weellisaa Hacaaluu hordofee hookkara uumameen namoonni shan lubbuu dhabuu kantiibaan magaalattii Obbo Aliyyii Waataa BBC'tti himaniiru.

Shan biroo immoo madaa'an jedhan. Haala ajjeechaan raawwate yoo ibsan 'namni humna nageenyaan lubbuu dhabe hin jiru,' jedhan.

Bakki ijoo ajjeechaan itti mudate giroosarii tokko magaalicha keessatti argamuttidha.

Jiraattuun magaalichaa dubbisne hookkara gaafa Kibxataa tureen (ajjeechaan Hacaaluu dhagahamee bulee isaa) abbaa warraa ishee fi qabeenya ishee dhabuu BBC'tti himte.

Akka isheen jettutti, mana jireenyaa isaanii giroosarii isaanii duuba jiru keessa osoo jiranii kanneen mormiif bahan balbalaa manaa cabsanii itti seenani.

Haati ijoollee lamaan kuni akka BBC'tti himtetti, gaafa sana nama lama kan girosarii keessa hojjetuufi nama ollaa biraa birmannaaf dhufetu du'e.

Isheetiinis qaamoleen nageenyaa akka ishee baraaran kan himtu dubartiin kuni abbaan warraa ishee haala 'sukaneessaan' ajjeefamu oduudhaan akka dhageesse himtu.

Dhimma kana kan gaafanne kantiibaan magaalitti Obbo Aliyyiin duuni ijoo giroosarii kanatti raawwachuu mirkaneessu.

Ta'us, akka isaan BBC'tti himanitti abbaan warraa dubartii kanaa ''Manichi [girosarii] banaa ture cufii kan jedhu irratti'' kanneen daandii gubbaa bahan waliin walitti bu'un dhukaasani namoota lama rukutu himu.

Akka qondaala kanaatti namoonni rukutaman du'aniiru. Kanneen qabeenya mancaasanii ajjeefaman jedhaman immoo abbaa qabeenyaafi waardiyyaa mana dhugaatichaati.

''Qabeenyi yeroo jalaa tuqamu rukute kan dhahes, kan ajjeeses, kan du'es isaanuma walakkaa gidduutti kan raawwatame,'' jechuun BBC'tti himan.

Magaalicha keessa gamoofi dhaabbileen daldalaa manca'u kan mirkaneessan qondaalli kuni ''gochi gaafas raawwatame amantaadhaan osoo hin taane keessatti saba sanatu ajjeese ilaalcha jedhuun wanti mul'ate jira,'' jedhan.

Ta'us, kanneen du'an saba garaa garaa irraa akka ta'e himuun qaamni raawwates, qaamni miidhames saba tokko irraati jechuun nama dhiba jedhu.

Gama biraan, jiraattuun magaalatti biroo daa'imni ganna 11 ajjeechaa raawwaten jeeqamee of ajjeesu BBC'tti himtee turte.

Obbo Aliyyiin erga magaalaa keessa hookkarri ta'e booda umurii isaa mirkaneessuu baatanis namni of ajjeesu himu. Ta'us, akkaataa duuni raawwate irratti odeeffannoo biraa qabu.

'Shugguxii maatii osoo tuttuqu'' of galaafachuu isaa akka dhagahan BBC'tti himan.

Shaashamannee

Bakkeewwan hookkara tibbanaan lubbuun namaa darbeefi qabeenyi guddaan barbadaa'e jedhame yaadamu keessaa tokko magaalaa guddoo Godina Arsii Lixaa Shaashamanneedha.

Sadarkaa naannootti bakkeewwan 'badiin guddaa' dhaqqabe jedhamu keessaa tokko magaalaa kana yoo taatu, yeroo ammaa nageenyi magaalatti akka fooyya'e jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Jiraataan magaalichaa BBC'n haasofsiise waan magaalitiitti raawwate yoo himu halkanuma Hacaaluun ajjeefame namuu magaalatti yaa'uu dubbata.

Intarviwii miidiyaa gara garaa irratti doorsifamaa akka ture waan weellisichi dubbate akka ka'umsaatti kaasuun namoonni qaamolee ajjeechaa isaaf shakkan irratti haleellaa raawwachuu hima.

''Ganamarratti, yoo gadi bahu magaalli hin mul'atu, hin beeksisuyyu daaraa ta'eera jechuun hin danda'ama,'' jedha jiraataan rakkoon akka irra hin geenyef maqaa isaa dhoksineef kuni.

Namoonni manneen daldalaa, hoteela gurguddaa caccabsuufi gubuu, akkasumas meeshaa daandiitti baasuu kan himu dargaggoon kuni waaree booda qaamni nageenyaa erga seene booda tasgabbaa'u hima.

Dargaggoon kuni namoonni jaha madaa'an ijaan akka arge hima. Jiraattonni magaalattii keessa namoonni jaha ajjeefamu himu. Qondaalli mootummaa kana mirkaneesse garuu hin jiru.

Kanneen qabeenyi isaanii gubatan jedhaman keessaa rizortii atileet Hayilee G/Sillaase, Gamoo Tsaggaaye jedhamuufi kaan hedduu akka ta'an BBC'tti dubbate.

''Dhugaa si himuuf boo'u malee namni of hin beeku'' kan jedhu namni kuni ''Hacaaluu kan ajjeese nafxanyaa malee namni tokko hin jiru jedhuun,'' namni tarkaanfii fudhachuu dubbata.

''Gumaa obboleessa keenya baafanna'' ilaalcha jedhuun dargaggoon ollaa magaalaa Shaashamannee dhufan du'a Hacaaluun waan raawwate miira keessa seenanii raawwachuu hime.

Ta'us, hawaasni keessumaa namni gurguddaa isa dabalatee gidduu seenee irraa dhorkaa turuu yaadata.

''Ijoollee miira keessa seentee dhufte irraa kadhannnee ollaa keenya baraarreerra,'' jechuun BBC'tti hime.

Waajjirri Ministeera Muummee ibsa baaseen miidiyaaleen akkitti gabaasaa turan ajjeechaa Hacaaluu booda kanneen saba Amaaraa ta'an akka irratti xiyyeeffatamu godheera jechuun ibsa.

Kanneen hookkara uumamee booda qondaaltota mootumaa to'annoo jala oolan keessaa tokko kantiibaa magaalaa Shaashamannee ta'u qondaalii Paartii Badhaadhinaa Obbo Taayyee Danda'aa BBC'f mirkaneessaniiru.

Hogganaan nageenya Oromiyaa Obbo Jibriil qondaaltonni mootummaa itti gaafatama isaanii sirriitti hin baane jedhaman akka to'ataman ibsanii turani.

Mootummaan ajjeechaa Hacaaluu booda jeequmsi magaalaa Finfinneefi Oromiyaa keessa erga mudate as tasgabbiin uumamuu ibseera.