Obbo Geetachew Raddaa: TPLF ajjeechaa Hacaaluu keessaa qooda hin qabu

Getachoo Raddaa

Madda suuraa, Anadolu Agency

Dhaabni Naannoo Tigraay bulchu ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa keessaa qooda hin qabu jedhe.

Mootummaa Itoophiyaa ajjeechaa Hachaaluu raawwachutti TPLF akka shakkuu kana dura ibsee ture. .

Dubbi-himaan Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) Obbo Geetachaw Raddaa turtii BBC waliin taasisaniin, himannaa mootummaa Itoophiyaa akka hin fudhanne himaniiru.

''Tasumaa qooda keessaa hin qabnu'' jechuun himannaan ajjeechaa waliin walqabatee irratti ka'e ''dhara'' jechuun ibsan.

Obbo Geetachuun bu'aa siyaasaa argachuuf Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay ''lubbu namaa hin baasu'' jechuun ibsan. Dhimma kana keessatti sababni nu hirmaachisuus hin jiru jedhan.

Sirumayyuu ''TPLF Hachaaluun ajjeefamuu/ dhabamsiifamutti hin gammmadu'' jechuun ajjeechaa kana raawwachuutti bulchiinsa Abiyyiitu shakkama jedhanii deebisani himatan.

Mormiin Hacaaluu bulchiinsa Abiy irratti fuulleeffata jechuun akka ragaatti dhiyeessan.

Haa ta'u malee, weellisaa Hacaaluu Hundeessaa du'u isaa torban dura gaaffiifi deebii taasiseen ''TPLF ammallee Oromoof warra gumaati'' jedhee ibsee ture.

Obbo Getaachoon akka ragaatti wanti kaasan Hacaaluun ajjeefamee poolisiin Federaalaa otoo hin turiin TPLF fi OLF tu ajjeeese jechuun eegalame jechuun ibsan.

Dabaluunis, yeroo si'anaa badii raawwatu maraaf TPL himachuun baramaa ta'eera jechuun ibsu.

Obbo Getaachoon jeequmsa biyyatti keessatti mudate bulchiinsa mootummaa Abiyyii fi Ministira Muummee Abiy himataniiru.

Jeequmsi biyyatti keessatti mudate jala gugachuun aangoo seeraan ala qabatan dheeraffachuu barbaaduu jechuun dubbi himaan TPLF dubbataniiru.

Erga MM Abiy aangootti dhufani as kana dura olaantummaa siyaasaa kan qaban hoggantoonni TPLF dhimmoota hedduu irratti bulchiinsa mootummaa federaalaa to'ate waliin waliigalaa hin jiran.

Nagaan biyyatti keessatti bu'aa?

Biyyatti keessatti karaan nagaan bu'uu danda'u jiraachuu fi gara waltajjii mariitti deebi'uu fedha qabachuuf dhiisuun isaanis gaafamaniiru.

Obbo Geetachoon rakkoon biyyatti mudate ammatti humna paartiin biyya bulchuu ol ta'eera jechuun, paartiilee qooda fudhatan biroo wajjiin TPLF dabalatee mariin furuu ni barbaadna jedhan.

Mootummaan biyya bulchu qooda fudhattoota siyaasaa biroon walitti dhufanii mariyachuun muuddamni siyaasa biyyattin keessa jiru ni furama jedhan obbo Geetaachoon.

Ajjeechaan welliisaa beekamaa Hacaaluu irratti raawwate biyya keessaaf alatti otoo hin hafiin dheekkamsa guddaa hordofsiseera.

Namootni 200 ol ajjeefamaniiru. Isa booda hoggantoota siyaasaa paartilee garaa garaa dabalatee to'annoo seeraa jala oolaniiru.

Biyyatti keessa tajaajilli intarneetii torban tokkoo olii ugguramee ammas hin banamiin jira.