Obbo Jawaar Mohaammad, Baqqalaa Garbaafi kaan mana murtiitti dhiyaatanii himatni irratti baname

Jawaar Mohaammad, rogeessa Oromoo, kanneen himannaan irratti baname keessaati

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jawaar Mohaammad, rogeessa Oromoo, kanneen himannaan irratti baname keessaati

Obbo Jawaar Mohaammadiifi himatamtoonni kaan labsii farra shororkeessummaa bahe cabsuun himataman Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha Lidataatti dhihaatanii himatni irratti baname.

Abbaan Alangee Sambata darbe, namoota 24 akkasumas Oromiyaa Miidiyaa Netwoork dabalatee yakka shakkamniin himanni irratti banamu ibsee ture.

Har'a [Wiixata] kanneen to'annoo poolisii jala jiraniifi mana murtii dhihaatanii keessaa Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqala Garbaa akkasumas Hamzaa Adaana (Booranaa) keessatti argamu.

Himatamtootaafis himatni irratti hundaa'ee kennameefii jira. Manni murtichaa himata himatamtoota irratti dhiyaate dubbisuuf Kamisa Fulbaana 14 bara 2013ti beellama qabateera.

Himatamtoonni 24 labsii farra - shororkeessummaa cabsuun, telekomii waliin dhahuun akkasumas to'annoo meeshaa waraanaa cabsuun himachuu isaa Abbaan Alangee ibseera.

Dhaddacha har'aa irratti gaaffii Obbo Baqqala Garbaan Artist Haacaaluu Hundeessaa fi isa hordofee kanneen du'anif himatamtoonni yaadannoo daqiiqaa tokko taasisaniiru.

Jawaar filannoo dura mootummaan qondaaltota paartilee mormitu hidhaa jira jechuun himateera. Dabalataan yeroo lammataaf shororkeessummaan himatamuu kootti nan boona jechuun dhaddacharratti dubbate.

Seerota itti himataman:

• Seera Yakkaa A L I bara 1996 bahe Keewwata 240 cabsuudhaan walitti bu’insi sabaafi amantii bu’uura godhate kakaasuudhaan inni tokko isa kaan irratti akka ka’u gochuudhaan,

• Labsii yakka shororkeessummaa ittisuufi to’achuuf bahe lakkoofsa 1176/2012,

• Yakka telekoomii waliindhahuu lakkoofsa 761/2004 fi

• Labsii bulchiinsa to’annoo meeshaa waraanaa lakkoofsa 1177/2012 cabsuudhaan yakka raawwatan jechuun Abbaan Alangaa ALI Fulbaana 6, 2013 mana murtii Federaalaa Ol-aanaa dhaddacha ramaddii Lidataatti himannaa banuu ibse.

Kanneen himataman eenyu?

Himatamtoota 24 keessaa afur bakka hin jirretti himataman.

Kanneen himataman keessaa kan Jawaar Mahaammad hundeessuu keessatti qooda qabuufi ajjeechaa Hacaaluu booda waldhibdee sabaafi amantii hammeessuun himatamee kan cufame, OMN keessa jira.

Galmeen Abbaa Alangee akka agarsiisutti kanneen himataman 24 dha.

Jawaar Siraaj Mahaammad, Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaana, Guutuu Mul'isaa, Dajanee Xaafa, Mastawaard, Arafaat Abubakar Kadir, Amaan Qaalluu Baatii, Alamaayyoo Galataa, fi miidiyaa OMN.

Akkasumas Dajanee Guutamaa, Mallasa Dirribsaa, Shamsaddin Xahaa, Boonaa Tibilee, Birhaana masqal Abbaba, Tsaggaaye Araarsaa, Ajajaa 50 Yaalamwarq Asaffaa, fi Saajin Olaanaa Geetuu Tarrafa.

Dabalataan, Ajajaa 10 Taamiraat Huseen, Saajin Olaanaa Bashir Huseen, Ajajaa 50 Sabbooqaa Qaaqoo, Ajajaa 50 Kennee Duumechaa, Ajajaa 50 Daawit Abdataa fi Boggaala Dirribsaa dha.

Himatamtootaaf himanni barreeffamaan kan kennameef yoo ta'u manni murtichaa himata himatamtoota irratti dhiyaate dubbisuuf Kamisa Fulbaana 14 bara 2013ti beellama qabateera.

Dhaddacha har'aa irratti Obbo Dajanee Xaafaa, Mastawaard, bakka bu'aan miidiyaa OMN, Obbo Dajanee Guutamaa, Birhaana masqal Abbaba Sanyii fi Tsaggaaye Araarsaa hin argamne.

Ajjeechaa Hacaaluu hordofee hookkara dhalateen 160 yoo ajjeefaman qabeenyi guddaas barbadaa'eera.

Qondaaltonni siyaasaa kunneen hookkara uumuun akkasumas qooda qabaachuun shakkuun to'achuu isaa poolisiin obseera.

Himatamtootni maal jedhan?

Dhaddacha har'aa irratti jalqaba kan dubbatan Obbo Jawaar Mahaammad "qabsoo sirna haqaa fi walqixxummaa sabootaa biyya kanaaf taasiseen yeroo lammaffaaf shororkeessummaan himatamuu koof nan boona,'' jedhan.

"Nuyi kan himatamne yakka hojjennee osoo hin taanee filannoo keessaa nu baasuuf akka ta'e irra deddeebin dubbanneerra.

''Nu qofas osoo hin taanee himata Obbo Iskindiri himatanis ilaalleerra. Isaanis sochii magaala Finfinneetti taasisanin waan sodaatamaniifi malee yakka hojjetanii natti hin fakkaatu" jechuun dubbatan.

Kana malees Obbo Jawaar tibbana hoggansa ABO adda qoodun hojiin dhaabicha diiguf taasifamus filannoo keessaa baasufi jechuun himataniiru.

''...kana booda biyya kana keessatti namni dhuunfaa fi gareen kamiyyuu sirna abbaa irree hundeessee, filannoo burjaajessee, mormitoota hidhee aangoorran tura kan jedhu yoo ta'e abjuu qofa osoo hin taanee biyyattiifis balaa guddaa kan qabu waan ta'ef siyaasa biyya keenyaa marii fi filannoo bilisaa qofaan hiikuu akka qabnu hubachiisuun barbaada" jedhan.

Dura taa'aa Itti - aanaan KFO Obbo Baqqala Garbaa gama isaaniin "tokko olaantummaaf fiiga nuyi garuu wal qixxummaaf ni qabsoofna" jechuun dubbatan.

"Mana murtii 'fakkeessaa' kanaatti yeroon dhaabbadhu kun isa sadaffaati" jechuun haasaa kan eegalan Obbo Baqqala Garbaa "iddoo kanatti ragaan sobaa al lama narratti bahamee yeroo tokko waggaan saddet narratti murtaa'e. Yeroo kaan immoo himatni addaan citeera" jedhan.

Miidiyaalee biyya keessaa fi biyya alaan duulli bal'aan irratti taasifamaa akka ture kan himan Obbo Baqqalaan "himata narratti dhiyaate keessaa tokko iddoo Haagara Maaram jedhamutti 'nafxanyaan' kana booda nun bitu (bulchu) jettee ergaa ergiteera kan jedhudha.

''Dhugaadha kana booda 'nafxanyaan' nun bitu. Kun waan danda'amu miti. Gonkumaa hin ta'u. Dhaloota 'nafxanyaan' bitamuuf qophaa'e miti" jechuun dubbatan.

Kana boodas walqixxummaa sabaaf sablammootaaf qabsaa'uu akka itti fufanis himan.

"Dhiiga keenyarratti Itoophiyaan hunda keenyaaf qixa taate ni ijaarramti" kan jedhan Obbo Baqqalaa Garbaa "galmi kun galma haqaa 'fitih addaaraash' jedhamaa haqarratti garuu ni qoosama" jechuun dubbatan.

Kana malees "manni kun sagalee qabaatee osoo dubbatee ijoollee Oromoo wareegaman ni dubbata ture. Manni murtii kun 'auschwitz' Oromooti. Mana Oromootni itti dhumanidha.

''Har'a dabareen nu qaqqabeera. Dhiiga keenyaan garuu kan biroon bilisa ni bahu" jechuun dubbatan.