Iskindir Naggaa labsii farra shororkeessummaa cabsuun himatame

Iskidir Naggaa

Madda suuraa, YONAS TADESSE

Abbaan alangaa Hogganaa Baaldaraas La Hunatanyaa Dimokiraasii Iskindir Naggaa irratti labsii farra shorokeessummaa cabseera jechuun himannaa lama irratti banamuu abokaatoon isaa Henook Akliiluu BBCtti hime.

Obbo Iskindir har’a ganama akka mana murtiitti dhiyaatu quba hin qabu ture kan jedhu abokaatoon isaa kun, maamilli isaa kun bakka abokaatoon hin jirretti mana murtiitti dhiyaateera jedhe.

Akka Henook jedhutti Obbo Iskindiir Naggaa yakka lamaan himataman; tokkoffaa seera yakkaa bu’uura godhachuun yoo ta’u kunis, meeshaa waraanaa fayyadamuun aangoo mootummaa to’achuuf finciluuf kan jedhudha.

Kana keessatti ammo dura aantummaan gaggeessuu jedhuun seera yakkaa 240 eeruun himatan jedha abokaatiin Obbo Iskindir.

Inni lammataa Obbo Iskindiriifi namoonni lama biroo itti himataman seera farra- shororkessummaanti akka ibsa Henookitti.

“Kaayyoo siyaasaa tarkaanfachiisuuf gocha shororkeessummaa raawwachuun aangoo mootummaa to’achuuf jedhuun himataman,” jedhe.

Walumaagalatti yakkaa namoota torbatu himatame kan jedhu abokaatoon kun, Paartii Baaldaraas irraa namoota beekaman afur, akkasumas isaan ala namoonni sadii himataman jiru jedheera.

Kanneen keessaa garuu namoonni lama bakka hin jirretti kan himataman yoo ta’u, Obbo Iskindiir yakka lamaan himatamanis, miseensonni paartichaa biroo garuu yakka tokko qofaan himataman.

Artis Hachaaluu Hundeessa ajjeefamuu hordofee magaalaa Finfinneetti lubbuu namootaa darbeefi qabeenyarra balaa qaqqabeef nama gurmeessuufi qindeessuun shakkamee himanni irratti baname jechuun FBCnis gabaaseera.

Obbo Iskindir Naggaa kanaan duras waggoota torbaaf hidhamee jijjirama siyaasaa Itoophiyaatti bara 2018 dhufeen hidhaarraa gadhiifame.