'Filanoo kana akka rifereendamiitti ilaalla'-Paartii mormituu naannoo Tigiraay

Filannoon naannoo Tigiraayitti har’a gaggeeffamaa kan oole yoo ta’u, namoonni filatan ganama barii sa’aatii kudhalama irraa kaasanii buufata filannootti argamuun sagalee kennaa oolaniiru.
Filannoon kunis galagala kana ifatti goolabameera.
Filannoo naannichatti gaggeeffamaa oole kanarratti kan naannicha bulchaa jiru TPLF dabalatee paartileen siyaasaa shan irratti hirmaataniiru.
Geggeessitoonni paartilee mormituu kan Salsaay Wayyaanee, Baayitoonaafi Wuddib Natsinnati Tigiraay (WNT) dhaaba isaaniif sagalee isaanii magaalaa Maqaleetti kennaniiru.
Dura Ta’aan Paartii Tigiraay biyya walabaa akka taatuuf qabsaa’aa jiru Wuddib NatsinnatTigiraay, Obbo Mahaarii Yohaannis, filannichi dorgommii paartilee siyaasaatiin ol hiika akka qabu BBCtti himeera.
“Guyyaan kun kan ummanni Tigiraay mirga ofiin of bulchuu isaa qabatamaan itti mirkaneeffate waan taateef addadha,” jedheera.
“Akka Wuddib Natsinnat Tigiraayitti filannoo kana akka rifereendamitti ilaalla. Mirgi akka sabaatti gatii guddaa itti kaffalle balaarratti kufee ture.
Balaa kana keessaa ba’uunis walabummaafi bilisummaan bulchiinsaa haalli itti mirkanaa’u uumamuus qaba. Sodaachisni dhufellee isa dura dhaabbannee as geenyeerra,” jechuun dubbate.
Magaalaa Maqalee keessatti sagalee isaa kan kenne Dura Ta’aan Baayitoonaa Obbo Kidaanee Ammenee adeemsa filannichaa irratti gammachuu akka qabu BBCtti himeera.
Namoonni filachuuf bahan walirraa fageenya isaanii eeggatanii, hedduun isaanii ammoo saanitaayizarii ittiin harka qulqulleeffatan qabatanii fayyadamaa sirnaan sagalee kennaa ooluu isaanii taajjabuu dubbateera.
Dura Ta’aan Saalsaay Wayyaanee Tigraay Obbo Hayiluu Godifaayim gama isaatiin Kibba Tigiraay aanaa Alaajeetti gaggeessitoota paartilee biroo afran waliin ta’uudhaan buufata filannoo Booraa jedhamutti akka sagalee isaa kenne dubbacchuun baayyee gammaduu isaa ibseera.
"Saalsaay Wayyaanee Tigiraay akka filannichi hin gufanneef gahee isarraa eegamu taasiseera. Kana waan ta’eef, guyyattiin har’aa kun nuuf hiika addaa qabdi.
Filannichi haqa-qabeessaafi dimokiraatawaa ta’ee xumuramnaan ammoo caalaa hiika guutuu qabaata,” jedheera.
Irra jireesaan filannicha ilaalchisee gammachuu qabaatanillee komii tokko tokko akka qaban kaasuun, ibsa walii gala akka kennan BBCtti himeera.
Naannichatti buufataaleen filannoo 2, 672 kan qophaa’an yoo ta’u, rippoortarri BBC Maqaleetti argamu namoonni filatan obboraa sa'aatii 10:30 irraa kaasanii buufataaleen filannoo duratti hiriiranii arguu ibseera.
Komishiniin Filannoo Naannoo Tigiraay naannicha keessa zooniiwwan filannoo 38 akka jiran ibsuun isaa ni yaadatama.
Itoophiyaatti filannoon biyyaalessaa dhuma baatii Hagayyaa gaggeeffama jedhamee karoorri qabamee turullee soda weerara koronaavaayirasiitiif yeroo biraatti darbeera.
Naannoon Tigiraay garuu akka naannootti gaggeeffachuuf murteessuu hordofee Manni Federeeshinii filannoon naannoo seeraan alaafi kan fudhatama hin qabnedha jechuun isaa ni yaadatama.















