Filannoo Tigraay: Naannoon Tigraay attamiin addatti filannoo gaggeessuurra gahe?

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa bu'aa filannoo Naannoon Tigraay gaggeessituu fudhatama hin qabuu, akka raawwatameettis hin lakkaa'amu jedhulleen, qondaaltoonni naannichaa garuu itti fufuun filannicha gaggeessuutti jiru.
Naannoon Tigraayi attamiin filannoo gaggeessuurra gahee? Gabaasaan kutaa BBC Tigrinyaa Yamaane Nagish akka itti aanu kanatti qindeesseera.
Naannoon Tigraay 'adeemsa amma itti jiruun mirga ofiin of bulchuu keenyatti fayyadamaa jirra' jechuun mormuun, filannoo sadarkaa naannootti gochuutti ciche.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa amma aangoorra jiruu sababa weerara Covid-19n filannoo dheeresse ammoo Fuulbaanaan booda seera qabeessa miti jedha.
Baatiiwwan darbaniif madda wal dhabdee mootummaa federaaalaa fi nannoo Tigraay kan ta'e filannoon naannichaa har'a Fuulbaana 9, 2020 gaggeefamaa jira.
Kunis naannoolee 10 fi bulchinsoota magaalaa lama biyyattiin qabduun addatti kan ta'edha.
Kun attamiin ta'e?
Diddaa uummataa waggoota sadii oliif tureen jijjirama siyaasa biyyattii keessatti dhufeen olaantummaan TPLF aangoo mootummaa jiddugalaa keessatti qabaachaa ture xumura argate.
Booda MM Abiy gara aangootti dhufuun sababa ta'e.
Dr Abiy gara aangootti akkuma dhufeen sochiin riiformii eegalamanii turan ummattoota biyyattiitti abdii horuu eegalanii ture.
Akkasumas waliigaltee nageenyaa biyya ollaa Eeriraa waliin taasisaniin addunyaa maratti gurra akka horatani ta'e. Kanaanis badhaasa Noobeelii Nagaa badhaafamu qaqqaban.
Haata'u malee beekamtiin idil-addunyaa sun sababiiwwan adda addaatiin biyya keessatti lafa qabachu hin dandeenye.
Wagoottan lamaan darban keessa walitti bu'insa sabummaa bu'ureffatanii fi tasgabbii dhabiinsa bakkeewwan garaa garaatti mudateen lammiileen hedduun lubbusaanii akka dhabanii fi kanneen miliyoonaan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaaniirraa akka buqa'an taasise.
Gama biraatiin ammoo aanga'oonni TPLF aangoo mootummaa jidduugala keessaa hir'ifaman riiformii Abiy balaaleffachuu eegalan. Motummaan federaalaa garuu sochiilee taasifaman hunda olaantummaa seeraa kabachiisuuf jechuun tarkaanficha ittisa.
Kan kanumaan osoo jiruu hundeeffamni paartii haaraa Badhaadhiinaa kan dhaabbata ADWUI bakka bu'ee caalaa madda wal dahbdee TPLF fi Abiy ta'e.
Aangaa'oonni TPLF Badhaadhinni dhaabbata seera qabeessa miti jedhu. Sababii kanaan aanga'oonni TPLF fi MM Abiy gargar fagaachuu eegalan.
Covid-19 fi filannoon dheereeffamu
Heerri Motummaa Itoophiyaa kan bara 1995, filannoon waggaa shaniin akka gaggeefamu kaa'eera. Haaluma kanaanis filannoon biyyaaleessaa marsaan 6ffaa baatii Caamsaa gaggeeffamu qaba ture.
Booda keessa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hojiiwwan qophii filannichaa raawwachuuf jecha filannooHagayyaa 29 akka gaggeessuu ibse.
Yeroo sanaa qabuun ture Naannoo Tigraay motummaan federaalaa filannoo gochuu yoo dhabee filannoo sadarkaa naannootti kan gaaggeeffatu ta'u beeksiisuu kan eegale.
Itti aansees Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa baatii Bitooteessa keessa, sababii Covid-19n filannoo Haggayatti gaggeessuu akka hin dandeenye himuun paarlaamaaf yaada dhiyeesse.
Paarlaamaan dhimmicha mana maree Federeeshiniitti kan dabarse yoo ta'u, manni maree Federeshinii Caamsaa 5, 2020 murtee dabarseen miseensoonni mana maree bakka bu'oota uummataa (paarlaamaa) biyyaaleessaa fi kan naannoolee kan yeroon aangoosaanii Fuulbaana 5, 2020 xumuramu akka itti fufan raggaasise.
Filannoo beekamtii dhorkatame
Filannoon har'a naannoon Tigraay gaggeessaa jiru kana dura Boordiin Filannoo Biyyaalessaa booda ammoo Mani Maree fadereshinii biyyatti fudhatama hin qabu jechuun beekamtii dhowwatan.
Akkasumas Manni Maricha xalayaa kallattiin naannichaaf barreesseen filannichi ''faallaa heera mootummaati'' jedheera.
Haa ta'u malee faallaa ejjannoo motummaa federaalaa, motummaan Naannoo Tigraay qaamni kana gochurraa isa ittisu akka hin jirre ibsuun qophii taasisuu itti fufe.
Kanaanis naannichi kunoo har'a Fuulbaana 9, 2020 filannoo sadarkaa naannootti gaggeessaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
MM Abiy gaaffii fi deebii afaan Tigreetiin TV Fana waliin taasisaniin, ummanni Tigraay hogganaa isaanii deeggaruu akka qaban gaafachuun, garaa garummaan isaani fi TPLF jidduu jiru mariin kan furamu ta'u himanii ture.
Itti dabalunis, paartii TPLFn ala paartiin biraa naannichatti filannicha yoo mo'ate rakkinni kan mudatu ta'u himan.
Paartiilee kam fa'itu dorgomaa jira?
Filannoo Naannoo Tigraayiitti gaggeeffamaa jirurrattis namoota dhuunfaan dorgaman afur dabalatee paartiilee siyaasaa afur; Saalsaayi Wayyaane, Baayitona, Paartii Walbummaa Tigraay fi Paartii Dimokraasii Asimbaa fa'itu TPLF waliin teessuma mana maree naannichaatiif dorgomu.
Paartileen shanan teessoo mana maree naannichaa gara waggoota 30f miseensoota TPLF qofaan qabamee ture qooddachuuf dorgamaa jiru jechuudha.
Waltajjii marii paartileen kunneen sagantaa isaanii irratti beeksiisan irrattis walitti dhufeenyi isaan motummaa federaalaa waliin qabaatan maal akka fakkaatuus kaasuun ibsaniiru.
Kanaanis paartileen sirni konfedareeshinii wayita barbaadameetti walabummaaf ta'u jiraachu qaba jedhanii kaasan jiru.
Kanneen ifatti battalumatti Rippablika Tigraay akka hundeeffamuuf duula taasisanis sagantaa isaanii beeksiifataa turan.
Mata dureen Itoophiyaa keessa turuu fi walabummaa labsachu kunis yeroo jalqabaatiif naannichatti ifatti mariif dhiyaate.
Filannoo kanaanis mana maree naannichaa teessuuma 152 qabuuf kaadhimamtoonni 625 ni dorgomu.
Naannichatti buufataaleen filannoo 2,684 hundeeffamuu kan ibsame yoo ta'u, namoonni miliyoona 2.7 ol ta'an filachuuf galmaa'uun isaanii ibsamee ture.
Boordiin filannoo biyyaaleessa filannoo kana gaggeessuu diduun walqabatee, naannichi bajata isaatiin baasii filannichaa haguuguuf dirqame.
Gaazexessitoonni fi namoonni filannicha taajjabuuf filannicharratti argamuuf gara naannichaa imalaa turan guyyaa Wiixataa dhorkamaa turan.
Kaadhimamtoonni TPLF eessatti dorgomuu?
Miseensoonni TPLF mana maree bakka bu'oota ummataa fi mootummaa federaalaa keessatti gahee olaanaa qabaataa turan filannoo kanaan ni dorgomu.
Pireezidantiin Itti aanaa fi dura taa'aan TPLF Dr Dabratsiyoon Gebramikaa'eel paartii saanii bakka bu'uun magaalaa Adawaatti yoo dorgoman, itti aanaa dura taa'aa dhaabicha afi Ministira Daldalaa kan turte Addee Fatilaworqis G/Igazaabeer fi Walitti qabaa Koree dhaabbii dhimmoota Seeraa mana maree bakka bu'oota ummataa kan turan Obbo Asimalaashi Walda Silaasees achuma Adawaatti dorgomu.
Aaddee Keriyaa Ibraahiim kan fedhii isaaniin baatiiwwan muraasaan dura Af-yaa'ummaa mana maree federeshinii irraa gadi dhiisan, Obboleessi Obbo Geetaachoo Asaffaa, Daani'eel Asaffaa TPLF bakka bu'uun naannawa filannoo Maqaleetti dorgomu.
Pireezidaantiin Yunivarsiitii Adigiraat kan ta'an Dr Zaadiig Nagaash ammoo Adigiraatitti kaadhimummaan dhiyaataniiru.
Akkasumas minisitira komunikeshiinii fi mootummaa jiddugalaa keessatti aangoowwan adda addaatiin tajaajilanii kan turan Obbo Geetaachoo Raddaa Alaamaaxaatti kan dorgoman yoo ta'u, pireezidantiin Yunivarsiitii Maqalee Prof. Kinidiyaa Gabrahiywoot Indartaa naannoo Maqaleetti dhiyaataniiru.
Kanneen eeramaniin alattis TPLF iddoowwan filannoo adda addaa irratti kaadhimamtoota isaa dhiyeesseera.
Manni maree naannichaas sirna bakka bu'umsa sagalee caalmaa kana dura ittiin hojjataa ture geeddaruun, sirna bakka bu'iinsa 'makaa kallattii' jedhamuun akka geedaramu murteesseera.
Kunis paartileen haaluma sagalee argataniitiin mana maree keessatti bakka bu'iinsa akka argatan kan taasisuudha.
Kana malees, teessuman mana maree keessaa harki 80 dhaabba siyaasaa sagalee caalmaa argateen kan qabamu yoo ta'u, harki 20 hafe ammoo dhaabbilee dorgomtootaaf bakka bu'iinsaan kan qoodamu ta'a jedhameera.














