Filmaata Naannoo Tigraay: Filannoon Naannoo Tigraay heera biyyattiirratti yaaddoo uumaa?

FDRE Constitution

Filannoon sadarkaa Naannoo Tigraayiitti gaggeeffamuuf jiru guyyaan isaa murtaa’eera. Komishiniin filannoo naannichaa Fulbaana 9, 2020 akka gaggeeffamu beeksiiseera.

Galmeen filattootaas Jimaata darbee kaasee gaggeeffamaa jira. Haalli adeemsa kanaatis motummaa federaalaafi Tigraayi jidduutti wal dhabdee uumeera.

Kanuumaan walqabatees Manni Maree Federeshinii filannichi sadarkaa naannootti akka hingaggeeffamne, nageenya biyyaatiif ni yaachisa jedhamee yoo yaadame ammoo mootummaan federaalaa jidduu galuun dhaabsisuu ni danda’a jechuun xalayaa akeekkachiisaa barreessuun isaa ni yaadatama.

Heerri mootummaa keewwata 62.9 aangoofi hojiin mana maree labsa. Isarrattis, ‘‘Yeroo naannoon tokko heera mootummaa cabsuun sirna heera motummaa balaarra kuffisutti mootummaan federaalaa akka jidduu galuuf ni ajaja’’ jedha.

Ofii sirni heera motummaa balaarra kufe jechuun maal jechuudha? Keewwanni heera mootummaa kunis hojiirra kan oolfamu akkamiini? Naannoon Tigraayi filannoo gaggeessuun dhuguma sirna balaarratti kufiisaa? Gaaffilee kanneeniif kan biraatiif ogeessota damee kanaa dubbisneera.

Obbo Barihuu Tawaldabirhaan Ittaanaa Pirezidaantii fi Abbaa seeraa Mana Murtii Olaanaa federaalaa duraanii, Dr Adam Kaasee Neezarlaandisitti gorsaa bulchiinsaafi dimokraasi fi Dr Sisaayi Mangistee Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Federaaliizimiifi Mirgoota Namoommaa yaadasaanii nuuf qodaniiru.

Sirni heera mootummaa balaarra kufeera jechuun maal jechuudha?

Akkuma gubbaatti jedhame manni maree federeshinii, motummaan federaalaa akka dhimma naannoo tokko jidduu galuuf kan gaafatu yoo; sirni heera motummaa balaarra kuffeera jedhee amanedha.

Kana kan jedhamu ammoo ‘yoo sirni al-idilee kan idileetiin ol ta’ee sirni heera motummaa balaarra jira’ kan jedhamu irratti waliigaluu akka danda’an dubbatan Obbo Bariihuun.

Dr Sisaayi ammoo haalli qamni seera kabachiisaa idilee seeraafi sirna kabachiisuu fi to’achuu itti hindandeenyee yoo umamee, walabumaan biyyatti balaarra kufee sirni heera motummaa balaarratti kufeera jedhamee yaadamu danda’a jedhu.

Haalli qabxiilee utubaawwan heera motummaa jedhaman kan dogoggorsu umamee, sirini heera motummaa balaarra kufeera jedhamuu danda’a kan jedhan Dr Adam gama isaanitiin, ‘‘heera motummaa cabsuun hundi akka sirni heera mootummaa balaarra kufetti ilaalma jechuu akka hin taane,’’ dubbatu.

Sirini heera mootummaa cabsameefi sirni heera mootummaa balaarra kufeerakan jedhu jidduu garaagarummaan jiraachu dubbatu Obbo Barihuun. Heera motummaa cabsuu jechuun adeemsaafi gochaawwan farra heera mootummaa kamiyyuu yoo ta’u, heerri mootummaa balaarra kufeera jechuun garuu yoo dhaabbileen heera mootummaa ofiisaanii kufaatiin mudatedha jedhu.

Akka fakkeenyaattis qaamni seera baasu, seera hojiirra oolchuufi qaamni seeraa sababii ta’een ergamasaaniin ala yoo ta’an, sirni heera motummaa balaarra kufeera jechuun yaaduu nama dandeessisa jechuun hubachiisu Obbo Bariihuun.

Filannoon Naannoo Tigraayi gaggeessu gama kanaan attamiin ilaalama?

Mana Maree Naannoo Tigraay

Obbo Bariihuun, naannichi filannoo gaggeessuun gonkumaa haalli sirna balaarra buusuu hinjiru jedhu. Hunda duras ‘‘Filannoo gaggeessuu dabalatee mirgoota dimokraasiif namoomaa kamiyyuu labsiidhaa, waliigaltee, waadaa ykn murteedhaan kan dhorku ykn kan hayyamaman miti. Filannoon mirga ummattootaa fi dirqama mootummootaati’’ yaada jedhu qabachuun ni barbaachisa jedhu.

Sirna dimokraatawaa keessatti aangoon mootummaa kan maddu filannoo irraa waan ta’eef, filannoon gaggeessa jechuun heera motummaa kabajuudha. Kanaafuu filannoo gaggeessuun balaa heera motummaa osoo hintaane, sirni heera motummaa akka kabajamuufi akka hundee gadi fageeffatu kan gargaaruudha jedhu Obbo Bariihuun.

‘‘Akka amantaa kiyyaatti filannoo gaggeessuun sirna heera motummaa kabajuufi kabachiisuu ta’uun alatti kan sirna mootummaa balaarratti kufiisu miti,’’ jedhan. Kanaafuu manni maree naannoollee filannoo gaggeessuun sirna heera motummaa balaarratti kufiisa jechuun dogongora jedhu.

Fakkeenyaafis Heerri motumma keewwanti 1 irratti mootummaa Itoophiyaa, mootummaa federaalaa fi dimokraatawaa akka qabaatu labseera jedhu.

Keewwata 8.3 irratti ammoo walabummaan ummataa kan ibsamu bakka bu’oota ummattoonni filatan irratti hirmaannaa dimokraatawaa karaa kallattiin taasisaniin akka ta’e kaa’ameera dubbatu.

‘‘Keewwata heera mootummaa 13 irrattis qaamoolee seera baasan, raawwachiisaniifi manneen murtii sadarkaa federaalaafi naannooleetti argaman labsiiwwan kabajuufi kabachisuuf itti gaafatamummaa akka qaban dubbata.

Naannoon Tigraayiis raawwataa kan jiru kanuma. Kanaafuu naannoon Tigraayi filannoo gaggeessuun isaa itti gaafatamummaa isaa bahaa jira malee jaalatee miti’’ jedhu Obbo Bariihuun.

Ogeeyyiin kaan hoo maal jedhu?

Dubartii korojoo keessa kaaedii filannoo buusaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Dr Sisaayi yaada Obbo Bariihuu kanaan walii hin galan. Filannoon naannoon Tigraayi gaggeessu sirna heera mootummaa balaarratti kuffisa jedhu.

Aangoon naannoolee kan maddu heera mootummaa keessaayyu kan jedhan Dr Sisaayi, keewwanni 50.8 aangoon mootummaa federaalaafi naannoolee heera motummaan murtaa'uusaafi qaamooleen lamaanu aangoo waliin ni kabaju jedhu kaasu.

Akkasumas keewwata 102 dabalatee seeroota filannoon wal-qabatan baasuu fi miseensota boordii filannoofi bulchiinsaa muuduu ilaalchisee aangoon kan kenname motummaa federaalaatiif jedhu.

Keewwata 52 irrattis aangoon naannoolee akka filannoo gaggeessaniif kenname akka hin jirre hubanna jedhuu Dr Sisaayi. ‘‘Kanaafuu sochiin aangoo mootummaa federaalaa dhiibuu kamuu sirna heera mootummaa balaarra kuffisa’’ kan jedhan Dr Sisaay, ‘‘walitti dhufeenya naannoolee jidduu jirus balaa keessa galcha.

Kana irra darbuunis tokkummaa ummattootaa laaffisuun tokkummaa naannichaa gaaffii keessa galcha. Kanaafuu tarkaanfiin filannoo naannoo Tigraayii ilaalchisee fudhatamaa jiru sirna heera motummaa kan balaarra kuffisuudha,’’ jedhani.

Dr Adamis yaada Dr Sisaayiin kan walii galan yoo ta’u, sirni dimokraasii biyyattii filannoon kan murtaa’eedha jedhu. Kanaafuu mootummaa federaalaa utubaa heera mootummaa kan ta’e dhimma filannoo gara bukkeetti kan dhiisu yoo ta’e, sirna federaalaa balaarra kuffisa jedhu.

Dhimmi guddaan filannoo gaggeessuufi dhiisuu osoo hin taane, ‘‘mootummaan federaalaafi naannoolee aangoo waliisaanii kabajaniiruu kan jedhuudha’’ jedhu Dr Adam.

‘‘Naannoon Tigraayi itti gaafatamummaa keenya ba’anna jedhaniitu filannoo geggeessina kan jechaa jiran. Kan ilaalamuu qabu, mootummoota naannoofi federaalaa gidduutti qoodiinsa aangoo nicabsaa kan jedhu dha. Aangoon kan federaalaati osoo jedhamuu naannichi itti fayyadamuu isaati balaa kan qabu’’ jedhu.

Heerri mootummaa balaarra bu’eera jedhee kan murteesse eenyudha?

Heerri mootummaa balaarra bu’eera jedhee kan murteessu mana maree federeeshinii ta’uu Dr Siisaayi nidubbatu.

Haala wal-fakkaatuun Dr Adamis bu’uura heera mootummaatiin heerri mootummaa balaarra bu’uusaa kan murteessus, mootummaan federaalaa gidduu akka seenu kan gaafatu, mana maree federeeshiniiti jedhu.

Manni maree federeeshinii sabootaafi sab-lammoota hammateera jedhamee waan amanamuuf itti gaafatamummaan kun akka itti kenname dubbatu Dr Adama.

Manni maree federeeshinii naannoon tokko heera mootummaa cabseera jedhee murteessee, ofumaaf mootummaan federaalaa akka gidduu seenu gaafachuun haqaa? Jedhamee gaaffii dhiyaateef:

"Heerri mootummaa amma jiru akka biyyaatti nuuf ta’amoo hin ta’u kan jedhu falmii biraa kaasa. Heera amma jiru nifudhanna erga jedhamee booda garuu, isa kana qofa keessaa baasanii hin fudhannu jechuun hin danda’amu’’ jedhu.

"Dhugaadha, kan hiikus ta’e kan ajaju qaama tokkodha. Iyyachuun hin danda’amu. Kuni rakkoo bu’uurarraa ka’udha. Kana jijjiiruun nurra jiraata. Hanga hin jijjiiramneefi sirnichatti hanga amannetti garuu, kabajuun ala filannoo biraa hin qabnu’’ jedhani.

Gidduu seena jechuun maal jechuudha?

Aangoofi gochaalee mana maree federeeshinii kan ibsu keewwata heera mootummichaa 62.9 irratti, naannoon tokko heera mootummaa cabsinaan manni marichaa mootummaan federaalaa gidduu akka seenu ajaja jedha. Ofii maal jechuudha?

"Mootummaan federaalaa dhimma naannoo irratti gidduu kan seenu rakkoo jiru irratti hundaa’ee gargar ta’a’’ kan jedhan Dr Siisaay, ‘‘yeroo mootummaan federaalaa gidduu akka seenu barbaadamu, maree taasisuurraa hanga tarkaanfii humnaa fudhachuutti ga’uu mala’’ jechuun ibsu.

Akka fakkeenyaattis pireezidantiin duraanii naannoo Somaalee Abdii Mohaammad wayita sarba mirga namaatiin shakkamanitti haala mootummaan federaalaa Jigjigaatti isaan to’ate kaasu.

Manni maree federeeshinii dhimmoota adda addaa irratti mootummaan federaalaa gidduu akka seenu kan ajajuu danda’u yoo ta’u, mootummaan federaalaas ajaja kana hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaa akka qabu yaadachiisu Dr Adam.

"Haata’u malee manni marichaa aangoo qaba jechuun aangoosaatti yeroo hunda fayyadamuu qaba jechuu miti’’ jedhu Dr Adam.

Akka isaaniitti, osoo dimookraasiin Itoophiyaatti guddateera ta’ee mootummoota naannoofi federaalaa gidduu walitti buiinsi akkasii silaa ni baay’ata ture. Garuu walitti bu’iinsichi gara humnaatti hin ce’u tures jedhani.

Pireezidantiin itti aanaa mana murtii federaalaa duraanii Obbo Bariihuu Tawaldabirhaan garuu, jalqabumayyuu manni maree federeeshinii mootummaan federaalaa dhimma filannoo irratti gidduu akka seenu nan ajaja jechuun sirrii hin turre, aangoos hin qabu jedhu.

Xalayaa manni marichaa mana maree Tigraayiif erge keessatti qabxiileen seera qabeessa hin goone jiru jedhu Obbo Bariihuun.

Inni jalqabaa, keewwata 66 bu’uureffachuun, af-yaa’iin aangoo sadii qofa qabu jedhu. Isaanis, wal-ga’iiwwan geggeessu, hojiilee bulchiinsaa hogganuu fi tarkaanfii disippiliinii miseensota mana maree irratti darbe hojiirra oolchuudha ta’uu himani.

Bu’uura kanaan af-yaa’iin xalayaa kana barreessuuf aangoo hin qabani jechuudha jedhu.

Labsiin 359/1995 mootummaan federaalaa haala dhimma naannoo irratti gidduu itti seenu dabalataan kaa’uu dubbatu Obbo Bariihuun.

Heerri mootummaas dhimmoota lamarratti mootummaan federaalaa gidduu seenuu akka danda’u kaa’ameera jechuun keewwata lama kaasu. Keewwata 51.14 fi 55.16. Keewwata 51.14 irratti, yeroo boora’uun nageenyaa humnaa ol mudatu, mootummaan naannichaa mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaafatee raayyaan ittisaa akka bobba’u taasisa jedha.

Keewwanni 55.16 ammoo, naannoo kamiyyuu keessatti mirgi namaa sarbamee naannichi to’achuu dadhabeera taanaan, mootummaan federaalaa ofumasaatiin kaka’ee mana maree federeeshiniifi bakka bu’uuto ummataaf wal-ga’ii waliigalaa gaafachuun bu’uura murtee achirraa darbuun naannichaaf akeekkachiisa kenna.

Haala kun hin raawwannetti af-yaa’iin xalayaa barreessuun isaanii heera kan hn kabajneefi aangoo seeraan ala fayyadamuu akka ta’ettan amana jedhani.

Kana dura wanti heera mootummaa balaarra buuse mudatee beekaa?

Kana dura naannoon heera mootummaa balaarra buuse mudatee jiraachuu akka hin yaadanne dubbachuun, mormiin MM Abiyyiin aangootti baase heera mootummaa cabseera jedhamee labsiin yeroo muddamaa ba’uu yaadachiisani Dr Siisaay.