Filannoo Tigraay fi gaaffii baajataa paartilee mormitootaa

Madda suuraa, Getty Images
Naannoon Tigraay filannoo naannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf karoorfate ALI Qaammee 4, 2012 kan gaggeessu ta'uu Komishiniin filannoo naannichaa beeksise.
Filannoo gaggeessuuf yeroon baatii tokkoo gadii kan hafe yoo ta'u, haaluma kanaanis guyyaan filattoonni itti galmaa'an ALI Hagayyaa 15-22 bara 2012tti ta'usaa dubbi himaan Komishinii Filannoo Naannichaa Obbo Tsahaaya Marrasaa BBC'tti himan.
Kanneen guyyoota jedhaman kananatti sababii adda aaddaatiin hingalmaa'iin hafan ammoo Hagayya 23-24, 2012 ni galmaa'u jechuun dubbatan dubbi himaan kun.
Kana malees paartiilee dorgomtootaas duulli na fildhaa isaan gaggeessan Hagayyaa 29 kan xumuramu yoo ta'u, guyyoota afuriin booda gaafa Qaamee 4 irratti filannoon kan gaggeeffamu ta'u ibsaniiru.
Komii paartilee dorgomtootaa
Haa ta'u malee paartilee mormitootaa filannoo sadarkaa naannootti gagageefamuu torbanooti muraasni hafan kanarratti qooda fudhatanis deeggarsi maallaqaa sochii filannichaatiif nu barbaachisuu nuuf hintaasifame jechuun komataa jiru.
Paartiilee siyaasaa filannicha irratti hirmaatanis gaaffiiwwan kana dura sirna filannoofi dhimoota biraa irratti kaasaniin alatti ammas dhimmi bajataa irratti akka walii hingaliin BBC'tti himaniiru.
Kana duras Ittigaafatamaan biiroo Haqaa Naannoo Tigraayi Obbo Amaanu'eel Asaffaa BBCtti akka himanitti, filannoo naannichi gaggeessuu Boordiin Filannoo Itoophiyaa akka hingaggeessin ibsuusaa hordoofuun, motummaan naannichaa baasii filannoo kanaa kan haguugu ta'uu ibsanii turan.
Haata'u malee filannichi gaggeefamuuf yeroon baatii tokkoo gadii hafee kana raawwachiisuuf, bajatni motummaan naannichaa ramade ifa kan hintaasifamneefi kanaanis wal qabatee paartileen mormitootaa socho'udhaaf hanqinni maallaqaa nu mudateera jechuun ibsan.
Paartii Saalsaayi Wayaaneetti Quunnamtii dhimmoota alaa fi Walitti qabaa koree filannoo paartichaa kan ta'an Obbo Haayiluu Kabadaan, motummaan naannichaa bajata paartiilee dorgomaniif ramadu hatattamaan akka gadhiisu gaafataniiru.
''Hanga ammaatti waa'ee bajataa kan jedhame hinjiru. Haa ta'u malee komishinichi tarreefi amma dhimmoota barbaachisanii akkasumas maaliif baasii akka taasiftan barreeffamaan dhiyeessaa nun jedhaniiru,'' jedhu.
Itti dabaluunis, ''Nuti gama keenyaa yaadni komishinichi dhiyeessee fudhatama akka hinqabne ibsuun, bajanni ragaasifamuun haala qajeelfamichaatti hiramuun kaayyoo jedhamee irra oolfamuusaa odiitii gochuu akka qabu itti himeneera,'' jechuun yaada komishinichaatiin osoo walii hingalii hafu dubbatu.
Dura taa'aan paartii Baayitonaa Obbo Kiidaana Amana gama isaanitiin, ''paartiileen siyaasaa hojii waggaatti hojjatamu qabu baatii tokkootti xumuraa jedhaman. Kana raawwachuuf ammoo bajata addaafi haguuggii midiyaa nu barbaachisa'' jechuun ibsu.
Komishinarri Komishiinii Filannoo Naannoo Tigraayi Obbo Muluwarqi Kiidaanamaariyaamis paartileen siyaasaa hamma maallaqa isaan barbaachisuu dhiyyeeffatan gaafachuusaanii himan.
Kanaan alatti bajanni hinjiruu ykn maallaqa hinqabnu hinjenneen kan jedhan komishinarichi, paartilee irraa kan eegamu hamma bajata barbaadaniifi tarree baasii isaa dhiyeessuu qoofaaha jedhu.
''Haa ta'u malee hanga ammaatti TPLF alatti kan bajata gaafatee hinjiru'' jechuun BBC'tti himaniiru Obbo Muluwarqi.
Paartilee mormitootaa sa'aatii midiyaa ramadameef irratti komii baayyee qabaachu baatan illeen garuu seera sirna filannoo fooyya'ee irratti fi yaada aanga'oota komishinii filannoo dhiyeessan fudhatama akka hinargannee irra deddeebiin ibsaa turaniiru.
Kanas ilaalchisee ''TPLF waltajjii marii paartilee siyaasaa irratti mo'atamulleen teessuumma mana maree keessatti qabuutti fayyadamuun seera barbaade baaseera jechuun komatu Obbo Haayiluu Kabaddaa paartii Saalsaayi Wayaanee irraa.
Kana malees haala fayyadama midiyaalee motummaa, raawwachiiftootaa fi taajabdoota filannoo irrattis akkasumas lakkaa'uu sagalee irratti rakkoon mudachu akka danda'u kan himan Obboo Haayiluun, aanga'oonni batasikaanatti osoo hinhanfe TPLF filadhaa jechuun ajajaa jiruu jechuun komatu.
Dura filannoo keessatti akka hin hirmaanneef dhorkamuu isaanii ibsee kan ture dura taa'aan Paartii Dimokiraatawa Asiimbaa Obbo Doorii Asgadoom gama isaanitiin, waltajjiiwwan gaggeeffaman irratti akka hin filatamneefi aanga'oonni tokko tokkoos gara aanaa Iroobii kan paartiin isaanii baayyinaan keessatti socho'uutti bilbila bilbiluun maqaasaanii akka balleessan dubbatan.
Paartiin TPLF ammoo himannaawwan paartiilee mormitootaa irraa dhiyaattan akka hin fudhanne karaawwan adda addaatiin kan ibse yoo ta'u, isaan argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.
Manni maree naannichaa seera filannoofi danbii naamusaa dhiheenya kana kan raggaasisee yoo ta'u, komishiniin filannoo naannichaas dorgomtoota paartileefi dhunfaa galmeessuu ibsee ture.
Naannoon Tigraayi naannoolee biyyattii kaaniirra addatti filannoo sadarkaa naannoo gaggeessuuf kan murteeesse erga sababii weerara koronaavaayirasitiin biyyattiin filannoo biyyaalessaa gaggeefamuuf ture yeroo biraatti dabarsiiteen booda.


















