Waa'ee atakaaroo naannoo Tigraayii fi gaaffilee biroorratti deebii MM Abiy

MM Abiy Amihad

Guyyaa har'aa Yaa'ii addaa 5ffaa Manni maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa gaggeesserratti gaaffilee miseensonni mana marichaa dhimmoota adda addaa irratti kaasaniif MM Abiy Ahmad deebii kennaniiru.

Gaaffileen bu’uuraa kanneen weerara koronaavaayirasiin walqabatan, akkasumas dhimmi filannoo, hidha haaromsaa, atakaaroo mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay, gabaasa Amnastii Intarnaashinaal dhiyeenya kana baaserratti ejjennoo mootummaa fi qophii qonnaaf taasifamaa jirurratti kan xiyyeeffatan turan.

MM Abiy Ahmad maal deebisan?

Wayita weerara koronaavaayirasii kanatti kufaatii diinagdee fi beela hamaa mudachuu malu jalaa ba’uuf mootummaan hojii misooma jal’isiirratti xiyyeeffatee haa jiraatuyyuu malee haroowwan bu’uura ta’an kanneen akka Xaanaa fi Baatuu haramaa imboociitiin badaa jiru.

Karoora misooma itti fufiinsaa keessatti haroowwan gurguddoo akkanaaf xiyyeeffannaan kennameeru maali?

MM Abiy Ahmad gaaffii kanaaf deebii kennaniin waggaa tokko dura gara haroo Xaanaa deemanii daawwachuun haala jiru ilaaluusaanii kan yaadachiisan MM Abiy Ahmad rakkoo haramaa imboocii qolachuuf tokkoffaa harkaa fi maashiniidhaan qulqulleessuudhaan furmaata yeroo fiduudha jedhan.

Inni ijoon garuu eegumsa naannoo cimsuun furmaata waaraa fiduudha jedhan.

Haroon Xaanaa akka imboociidhaan liqimfamuuf sababa guddaa kan ta’e gaarri Guunaa kan madda harochaa ta’e dhiqamuudha kan jedhan MM Abiy, naannoon sun yoo kunuufame rakkoo balaa uumamaa biroollee hambisuu danda’a jedhan.

Kanaan dura maashiniin ittiin qulqulleessaa turre bu’aa waan hin buusneef maashina fooyya’aa kan birrii miiliyoona 200 baasu bituuf adeemsarra jirras jedhan.

Dhiibbaa weerara koronaavaayirasiitiin filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan yeroonsaa achi dheerachuurraa kan ka’e atakaaroon motummaa fi paartilee siyaasaa giduutti dhalateera.

Paartileen siyaasaa morkattoota ta’an mootummaan amma haangoorra jiru Fulbaana dhufu booda yeroon turtii aangoosaa ni hobba’a jechuun mootummaan ce’umsaa akka hundaa’u barbaadu. Gama biraan ammoo mootummaan naannoo Tigraay filannoo yeroosaatti gaggeessuun ejjennoosaa ta’uu ibsaa jira. Dhimmoota kanneen seera qabsiisuuf kallattiin akka mootummaatti jiru maali?

Erga weerarri koronaavaayirasii filannoo gaggeessuuf sodaachisee as Dura Teessuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa waliin marii akkaan jabaa gaggeessineeti murtee kanarra kan ga’ame kan jedhan MM Abiy, ''nuti battala tokkoofillee filannoon akka darbu feenee hin beeknu'' jechuun gaaffii kana deebisan.

‘’Paartiin badhaadhinaa paartii filannoo sodaatu akka hin taane hunduu ni beeka’’

Ministirri Muummee Abiy filannoo yeroosaatti gaggeessuun akka hin danda’amne erga mirkanaa’ee booda yeroo turtii motummaa dheeressuuf filannoowwan dhiyeessuu isaanii yaadachiisan.

Mootummaan paartilee siyaasaaf dirree siyaasaa bal’isee osoo jiruu paartileen siyaasaa morkattootaa tokko tokko karaa kiyya qofatu sirriidha jechuun uummata burjaajessaa, uummanni mootummaa akka jibbu gochaa, gama biraan ammoo humnoota alaa waliin ta’uun dantaa biyyattii dabarsanii diinaaf kennaa jiru.

Fakkeenyaf Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaaf bishaan akka hin guutamne Masirii waliin ta’uun gufuu itti ta’aa jiru. Gama kaaniin tibbana dhaabbati Amnistii Intarnaashinaal mootummaan Itoophiyaa mirga lammiilee nagaa sarbeera jechuun gabaasa baasee ture. Kanneen irratti ejjennon mootummaa maali?

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dhimma kanarratti wayita yaada kennan akka ''barmaataa ta’ee uummanni Itoophiyaa mootummaa isa hiraarsu malee kan walabummaa kennuuf hin barre'' jedhan.

Bulchiinsi isaanii walabummaa yaadaa fi mirga ofii bilisaan ibsachuu akka lammiilee Itoophiyaaf gumaaches ibsan.

Mootummaan garuu doorsisaa fi aggaammiin qaama kamiinuu kan kufuu fi kanaafis kan bakka kennu miti jedhan.

Gabaasa Amnastii Intarnaashinaaliin walqabatee waan surratu yoo jiraate ilaalaa garuu waan gabaasi ba’eef qofa wanti nu yaaddessu hin jiru jedhan.

Qaamni gabaasa sana seenesse rakkoo mataasaa qabaachuu danda’as jedhan.

Dhimma Tigraay irratti yaada kan kennan MM Abiy uummata Tigraay uummata Itoophiyaa biroorraa adda baasnee hin ilaallu jedhan.

Waanti dogoggoruu hin qabne Paartii TPLF fi uummata tokko godhanii ilaaluudha jedhan.

Yeroo baay’ee paartiin badhaadhinaa fi TPLF yoo walitti mufatan akka waan uummata Tigraay waliin ta’eetti fudhachuun sirrii miti.

‘’Naannoo Tigraay guutummaatti farrajuun dogoggora’’

‘’Naannoo tigraay keessa kanneen guddina lammiilee Itoophiyaa fedhan, Itoophiyaa kan jaal’atan kumaan kan lakkaa’aman jiru’’

TPLF’s yoo ta’e paartii guddaa miseensota hedduu qabu waan ta’eef hooggansa olaanaarraa hanga miseensaatti hunduu badii qaba jennee hin amannu.

Misoomaa fi bilisummaa Itoophiyaaf kanneen qaama hir’atan hedduutu jiru.

Harkaa nyaannee dhugneerra. Kabajatu isaaniif ta’a. Hooggansi naannochaa mataansaa misoomaa fi nageenya Itoophiyaa kan fedhaniidha.

Kana jechuun kanneen badii qaban, maqaa namaa balleessanii fi nama arrabsan hin jiran jechuu miti kan jedhan MM Abiy garuummoo walitti qabaatti maqaa Naannoo Tigraay xureessuun sirrii miti jedhan.

Uummanni Tigraay miiliyoonaan kan lakkaa’amuuf yaada nama tokko lamaan kan bakka buufamuu qabu miti jedhan MM Abiy.

MM Abiy Ahmad isa miseensi paarlaamaa tokko Naannoon Tigraay jijjiirama biyyattii keessatti eegalame booda miidhameera jedhuuf, yaadumati akkanaa ka’uutti baayyeen gadda jedhan.

‘’Wayitan gara aanngootti dhufu bajati naannoo Tigraay naannoo birrii biiliyoona torbaa turre. Amma baajati kun biiliyoona 10 caaleera. Baajati naannoo Tigraay harka 42n guddate. Jijjiirami kun naannoo Tigraayis fayyadeera. Bajati sun eessa dhaqe kan jedhu mana maree naannochaafan dhiisa.’’

Erguma weerara koronaavaayirasii as meeshaaleen of eeggannoo fi maallaqi birrii biiliyoona 46tti tilmaamamu naannoo Tigraayis kennameera jedhan.

Kun ta’ee osoo jiruu tibba weerara koronaavaayirasii naannoon Tigraay dagatameera jedhanii odeessuun qaaniidha jedhan.

''Naannoo Tigraay naannolee biroo caalaa deggerre''

Kan biraa xaa’oo waliin walqabatee atakaaroo uumamaa jiruudha kan jedhan MM Abiy ‘’Asirratti mootummaan naannoo Tigraay fi Uummattoota Kibbaa rakkoo qabu, gatii xaa’oo ofirraa kaffaluu didaniiru’’ jedhan.

Bara kana sababa idaa naannoo Tigraayiif jecha silaa kan xaa’oo dhufuu hafu mootummaan federaalaa birrii miiliyoona 445 liqeeffatee xaa’oo galcheera jedhan.

Tumsi akkasii naannolee biroof osoo Kibbaa fi Tigraay qofaaf godhamee osoo jiruu komii kaasuun nama taajjabsiisa jedhan.

Gama biraatiin pirojektiin bishaanii Maqalee kan birrii biiliyoona sagalii oliin hojjechuuf mootummaa Chaayinaa waliin waliif mallatteessine mootummaan maallaqa yoo kaffalame hin eegallu waan jedhaniif birrii biiliyoona 1.3 kaffallee eegalsiifne.

Pirojektii bishaan maqalee magaalota biroo 5 kan dheebuu baasuu danda’uudha.

Dubbichi akkuma hidha haaromsaarratti olola oofan naannoo Tigraay waliinis akka walitti buunu hojjetamaa jira jedhan MM Abiy.