Itoophiyaa: 'Koronaavaayirasiin daldaa alergii keenya nuuf guddiseera'''- MM Abiy

MM abiy Ahmad (PhD)

Madda suuraa, FANA

Manni Maree Bakka Bu'oota Uuumataa Itoophiyaa guyyaa har'aa walga'ii addaa shanaffaa galma waajjira Ministeera Muummeetti gaggeesseera.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad yaa'ii kanarratti argamuun gaaffii miseensota paarlaamaarraa ka'aniif deebii kennaniiru.

Ministirri Muummee Abiy haala walii galaa weerara koronaavaayirasiin walqabatee akka addunyaafi biyyaatti jiruufi hojii mootummaansaanii vaayiarsicha qolachuuf hojjechaa jirus dhiyeessaniiru.

Koronaavaayirasiin waan salphaatti ilaalamu miti...

Teeknooloojiifi diinagdeen jaarraa 21ffaa kan dadhabe koronaavaayirasiin Itoophiyaaphiyaa keessatti lakkoofsi namoota qabamanii muraasa ta’ullee garuu yaaddoo guddaa qabna jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad.

Lakoofsi namoota qabamanii muraasa jechuudhaan dagachuun ammoo baay’ee nu yaaddesseera jedhu MM Abiy.

Lakkoofsi xiqqaatus naannolee biyyattii fi bulchiinsota magaalaa jiran hunda keessatti mul’ateera kan jedhan MM Abiy dhibechi hawaasa keessa waan seeneef of dagachuun hin barbaachisu jedhan.

Weerarri koronaavaayirasii dhiibbaa fayyaa qaqqabsiisuun cinaatti diinagdee addunyaa akkaan laamshesseera kan jedhan MM Abiy, kun ammo biyya keenyarratti dhiibbaa guddaa qabaata jedhan.

Fedhii fi dhiyeessiin akkaan walbira darbaa jiraachuunsaa goolama diinagdee waan fiduuf nuufis qormaata guddaadha jedhan.

''Koronaavaayiarsiin damee fayyaa keenya dammaqseera''

Itoophiyaan biyyoota diinagdeensaanii sababa weerara koronaavaayirasiin akkaan miidhamanii fi biyya vaayirasichi yeroo dheeraaf keessa turu keessaa tokkodha kan jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad kanaaf akkamiin ofirraa qolanna kan jedhuu fi diinagdee wabii qabu akkamiin ijaarranna dhimma jedhurratti xiyyeeffanne jedhan.

Yeroo jalqaba koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti mul’ate nama qabameef kaan adda baasuuf gara biyya biraatti ergaa turre kan jedhan MM Abiy, amma garuu naannolee biyyattii hunda keessatti giddu gala yaalii 31 hundeessuun guyyaatti hanga nama 8,000 qorachuu dandeenyeerra jedhan.

Kunimmoo dhibeewwan biroofillee akka qophoofnuuf dandeettii keenya kan itti mul’isneedha.

Dabalataan dhuma torbee kanaarratti laabraatooriiwwan torba, dhuma ji’aatti ammoo laabraatoorii 15 ni banna jedhan, iddoowwan namoota 14,000 tursiisan qophaa’aa jiraachuus dubbatan.

Tarkaanfiiwwan yeroo weerara koronaavaayirasii fudhanne kunneen dandeettii haaraa kan itti mul’isne waan ta’eef akka carraa guddinaa tokkooti fudhatamuu danda’a jedhan.

Namoota vaayirasichaan qabaman 17,500 yaaluu kan dandeessu giduu galaawwan yaalii 54 qopheessuu kan dubbatan MM Abiy, kanneen mallattoon vaayirasichaa irratti mul’achuunshakkamanii adda baafaman 30,000, fi kanneen seenaa imalaa qaban 45,000’f iddoon turtii qophaa’eera jedhan.

Dhimma naannoleetiin walqabatee yaada kennaniin naanolee hunda keessatti laabraatooriin ijaarameera, maallaqi birrii miiliyoona 400 caalu bulchiinsota magaalaa lamaanii fi naannolee hundaaf kennameera, meeshaaleen wal’aansaa fi of-eeggannoo birrii miiliyoona walakkaa olitti tilmaamu hundaaf raabsameera jedhan.

Waliigalatti weerara koronaavaayirasiitiin walqabatee kutaalee biyyattii hundaaf deggersi birrii biiliyoona tokkotti tilmaamamu taasifameera kan jedhan MM Abiy hunda caalaa ammoo odeeffannoo dhugaafi wayitaawaa ta’e dhiyeessuun hawaasa keenya tajaajilaa turre jedhan.

''Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin walqabatee lakkoofsi dhokate tokkollee hin jiru'' jedhan.

''Koronaavaayirasiin daldaa alergii keenya nuuf guddiseera''

Gama diinagdeetiinis yeroon weerarri koronaavaayirasii itti addunya mudatee fi yeroon baajata keenyaa adda adda waan ta’eef akka biyyoota biro osoo hin taane dhiibaa salphaa nurraan ga’e jedhan.

‘’Erga baajati keenya eegale ji’oota saddeet booda koronaavaayirasiin kan mudate. Kanaafuu ji’oota sadan darban qofa miidhaan nurra ga’e. Sunis baay’ee salphaadha. Kanaafuu nuuf carraadha malee miidhaa miti.’’

Hunda caalaa diinagdee biyyattii kan gargaaraa jiru daldala meeshaalee gara alaa ergamuuti kan jedhan MM Abiy bara kana dameen kun harka 13n guddateera jedhan.

Guddina damee kanaa kan saffisiisan keessaa tokko ammoo koronaavaayirasiidha kan jedhan MM Abiy, ''Koronaan guddina daldala alergii keenyaaf ga’ee guddaa gumaacheera. Fakeenyaaf buna gara alaatti erginee doolaara miiliyoona 667 galii arganneerra. Kanaanis dameen misooma bunaa guddina harka 16 agarsiiseera.'' jedhan.

Biyyoota biroo keessatti dameen diinagdee garmalee miidhame damee misooma abaabooti kan jedhan Dr Abiy, ''Nuti garuu ji’oota kurnan darban keessatti oomisha abaaboo ala erginee doolaara miilioona 440 kan arganne yoo ta’u kunis guddina harka 84 agarsiiseera.''jedhan

Gama biraatiin Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin daran waan hin facaaneef oomisha foonii qulqulluu ta’e nurraa fudhachuuf fedhiin jiru dabaleera jedhan. Kunis carraa tokko jedhu MM Abiy.

''Yeroo kaan worqiin keenya kontirobaandiidhaan saamamaa ture. Erga koronaavaayirasiin biyya keenya galee garuu kanarratti fooyya’iinsi argameera. Torbanoota sadan darban keessa qofa worqii kiilogiraamii 800 warra karaa seeraan alaa daldalan irraa boojineerra.Ji’oota kurnan darban keessatti worqii maallaqa doolaara miiliyoona 27tti tilmaamamutu Baankii Biyyaalessaa gale.Kunis guddina harka 19 agarsiiseera. Haala kanaan yoo ilaallu dameen alergii keenya harka 13n guddachuusaan alattiyyuu isa bara 2007 irraa eegalee laamsha’aa turerraa amma fooyya’eera. Gama kanaan koronaavaayirasiin carraa guddaa nuuf uumeera jechuu dandeenya.''

Gama meeshaalee gama keessaatti galanii fi diinagdee biyya keessaatiin garuu miidhaa keessa galleerra jedhan.

Keessattuu dameen tuurizimii keenya garmalee laamsha'eera jedhan.

Kanaafuu koronaavaayirasiin carraa qofa nuuf uume osoo hin taane miidhaas uumeera, garuu irra caalaa carraa nuuf fidee dhufe jedhan.

Dameewwan koronaa irratti carraa nuuf uume jabeessaa damee inni daran miidherratti xiyyeeffannee ojjennaa deemnas jedhan.

Akka fakkeenyaatti damee tuurizimii dandamachiisuuf paarkiiwwan reef lafaa dhufaa jiranii fi addunyaa malaachisan Paarkii tokkummaa fi Inxooxoo kaasan.