Itoophiyaatti lakkoofsi oggeessoota fayyaa Covid-19 qabaman dabaluun yaaddoo uumeera

Oggeessoota fayyaa

Madda suuraa, AFP

Itoophiyaatti wayita amma lakkoofsi namooya Covid-19n qabamaa jiran garmalee dabalaa jiru kanatti lakoofsi hojjattoota fayyaa vaayirasichi irratti argame 97 gaheera.

Kana malees heedduun tuxuqaa namoota vaayirasicha waliin qabaachuun shakkamanii adda baafamanis hedduu akka ta'e himama.

Oggeessoonni fayyaa kunneen irra caalaansaanis kan vaayirasichaaf saaxilaman torban lamaan darban keessa ta'u Ministirri Fayyaa Dr Liyaan dubbataniiru.

Koronaavayirasin baatii Muddee keessa Chaayinaatti akka mullate himamee kunis Itoophiyaa keessatti waljalaan dabalaa dhufee uyyoota shanan darban garuu itti caaluu kan dubbatan Dr Liyaan, lakkoofsi hojjattoota fayyaas dabaluu himaniiru.

Oggeessoota fayyaafi kennitoota deeggarsaa 97 keessaa kan parsantaa 55 ta'an dubartoota ta'uus dubbataniiru Ministirittiin.

Oggeessoota fayyaa qabaman kanneen keessaa 91 kan ta'an bufataalee fayyaa magaalaa Finfinneetti argaman adda addaa keessatti kan argaman ta'un ibsame.

Oggeessoota kanneen keessaa kanneen parsantaa 86 ta'an mallattoonni dhukkubichaa kan irratti hinmullannee yoo ta'u, qorannoo taasiifameen vaayirasichi irratti argame. Isaan hafan ammoo mallattoo dhukkubichaa jiddugala ta'e irratti mullateera.

Baatii darbee keessa lakkoofsi namoota sababii Covid-19 ykn dhimma fayyaa gara biraatiif gara dhaabbilee fayyaa dhaqan dabauun walqabatee, saaxilamuun oggeessoota fayyaa dabaluusaas Dr Liyaan himaniiru.

Oggeessoonni fayyaa dhukkubsattoota waliin tuxuqaa qabu jedhaman 2,3490 kan gahee yoo ta'u, kanneen keessaa 1,721 kan vaayirasichaaf saaxilaman baatii Bitooteessa keessa ture jedhameera.

Oggeessoonni fayyaa vaayirasichaaf saaxilaman kunneenis ofii saanii adda baasuun ykn jiddugalawwan keessatti addatti baafamuun hordoffiin taasifamaaf jiraachuun himameera.

Oggeessoota dhaabbilee fayyaa keessa hojjatan qorachuun cimee kan itti fufuu ta'u kan dubbatan Dr Liyaan, haaluma kanaan walqabatees qajeelfamoonni adda addaa bahaa jiraachus himan.

Haaluma walfakkaatunis vaayirasichi hawaasa keessa akka hinababallannee to'achuuf hojiiwwan hojjatamaa jiraachu himanii, bakkeewwan tokko tokkooti ammoo vaayirasichi hawaasa keessa waan baballateefu malliiwwan geedaramu himu.

Tibban ammaa kanattis biyyattiin weeraricha hirrisuuf, lakkoofsa sababii vaayirasichaatiin du'an hirrisuufi dhiibbaa dinagdee biyyaa irratti qabaatu ittisuun dhommoota xiyyeeffanaan irratti hojjatamuudha jedhaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Koroonaavaayiras: Covid-19n qabamuufi dhiisuu keenya akkamiin adda baasuu dandeenya?

Guyyaa kaleessattis lakkoofi namoota vaayirasichaan biyyatti keessatti qabamanii 2020 gaheera. Tatamsa'inni vaayirasichaa haala kanaan itti fufinaanis haali namoonni vaayirasichaan qabaman mana keessatti itti wallaanaman akka jiraatu himameera.

Keessattu namoonni mallattooni dhukkubichaa irratti hinmullanneefi mallattoon jiddugalaa irratti argame, wallaansi mana keessaa akka eegalamuu eeranii, haa ta'u amlee bakka kana gochuun hindanda'amneetti eddoon qopheessuun barbaachisaa waan ta'uuf jiddugalliwwan adda itti bahuun tursiifamaniifi wallaansa itti argatan qophaa'aa jiru jedhan.