Koronaavayiras: Sababaafi furmaata qaala'iinsa jireenyaa tibbanaa

Madda suuraa, VW Pics
"Qaala'iinsi gatii mul'achaa jiru lakkoofsa namoota hiyyuummaa keessa jiran daran guddisuu danda'a," jedhu ogeessi diinagdee barsiisaa Guutaa Laggasaa.
Gaaga'amni fayyaafi diinagdee sababa weerara dhibee Covid-19n mudate yeroo gara yerootti hammaataa jira.
Itoophiyaa keessattis qaala'iinsi gatii weerarichaan booda mul'achaa jiru uummata lakkoofsa heddu kan miidhuu danda'u ta'uu ogeeyyiin diinagdee himu.
Ji'oota muraasa keessatti iddoodhaa iddootti garaagarummaa qabaatus omishaaleen qonnaafi industrii daballii agarsiisan lakkoofsaan xiqqaa miti.
Godina Shawaa Kaabaatti jiraattuun magaala Shararoo Aadde Qonjit Damissee ji'oota lamaa as xaafin kuntaala tokko daballii qarshii 800 ol agarsiisuu isaa himan.
"Uummatni qaala'iinsa gatii hin mallef saaxilamaa jira," kan jedhan aadde Qonjit barbareen kiiloodhaan daballii qarshii 80 agarsiisuu isaa, qullubbii diimaa, zayita fi omishaalee biroo irrattis daballiin gatii mul'achuusaa dubbatu.
"Rakkoon karaa hedduuni kan jiru" jechuun BBCti kan himan Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Gabaa Aanaa Kofalee Obbo Musxafaa Fatoo aanaa isaanii keessatti omishaaleen midhaanii kan akka xaafii, boqqoolloo fi garbuu weerara dhibee Covid-19 booda gatiinsaanii dabaluusaa dubbatu.
Qaala'iinsi gatii tibbanaa omishaalee qonnaan cinatti meeshaalee ijaarsaas tuqeera. Keessattuu gatiin simintoo sadarkaa olaanaan dabaluusaatu himama.
Marii Ministeerri Daldalaa fi Indaastrii dhiyeenya kana dhiimmamtoota walin taasise irratti simintoon kuntaalli tokko gabaa dhoksaan hanga qarshii 650ti gurguramaa akka jiru himame.
Daballiin kun gatii simintoon kuntaalli tokko ji'oota muraasa duraa naannoo qarshii 300 hanga 400 walin yeroo madaallamu daran olaanaa ta'uutu himama.
Jiraataan magaala Awwadaay Obbo Bushraa Mahaammad "namootni simintoo dhiyeessan 'simintoon hin jiru. Dhabnee jirra' nun jedhan" jechuun dhiyeessin omishichaa gabaarra akka hin jirre BBCti himan.
Qaala'uun simintoo kun keessattuu ijaarsawwan gurguddaa lammiilee hedduf carraa hojii uumman irratti dhiibbaa ulfaataa akka qabu Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan mummee Ikonomiksii Guutaa Laggasaa BBCti himaniiru.
Qaala'iinsa gatii kana duuba maaltu jira?
Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan mummee Ikonomiksii kan ta'an barsiisaa Guutaa Laggasaa "haala amma jiruun daballiin gatii omishaalee waanuma eeggamudha" jedhan.
Kanaaf sababa yeroo dhiyeessanis "sodaa gabaa dhabuu dandeenya jedhurraa indaastriiwwan tokko tokko omisha isaanii hir'isaniiru. Gatiin geejibaas hanga tokko dabaleera. Kuni lamaan walitti gatiin omishaa akka dabalu taasisu."
Qaala'iinsa gatii omishaaleef sababni inni biraan immoo gaafii 'fulduratti maaltu ta'a?' jedhu akka ta'e barsiisaa Guutaa himu.
"Namootni dhibeen kun fulduratti babal'achuu danda'a jedhanii yaadan gara meeshaa dhoksuutti seenu "jedhan.
Haata'u malee, daldaltootni omishaalee weerara Covid-19 dura fidanille gatii dabaluun gurguraa akka jiran kan himan aadde Qonjit, daballii gatii kanaaf tarii dhabamuu tajaajila geejibaan alatti sababni quubsaa biraan akka hin jirre himu.
"Dhibee Koroonaa sababa godhatan. Walif yaaduu dhabuudha jechuun danda'a. Yeroo akkanaatti namootni tokko tokko waa'ee walin jireenyaa, yeroo dhibee kana waldabarsuu fi wal deeggaruu yaaduu dhiisanii ofiif fayyadamuuf gatii dabalan" jedhu.
"Sababa dhibee Covid-19n daldaltoota bira humnaa ol gatii dabaluun ni jira" kan jedhan itti gaafatamaan Waajjira Misooma Gabaa Aanaa Kofalee Obbo Musxafaa Fatoo dhiyeessin gahaa ta'e osoo jiruu daballiin gatii daldaltootaan qofa raawwatamu akka jiru BBCti himaniiru.

Madda suuraa, MICHAEL TEWELDE
Hammaachuu hiyyummaa…
Qaala'iinsa gatii omishaaleetin miidhamtootni jalqabaa namoota harka qalleeyyii akka ta'an ogeessi diinagdee barsiisaa Guutaa Laggasaa himu.
"Namootni mindaa amma qabanin hiyyummaa keessa jiran jiru. Namootni kun qaala'iinsa gatiin rakkina guddaa keessa kufanii lakkoofsi namoota hiyyummaa keessa seenan guddaa ta'uu danda'a" jechuunis yaaddoo qaban himu.
"Keessattuu dafqaan bultootni hojiin isaanii baay'ee dhaabbateera. Namni nama ofitti siiqsuu hin barbaadu, hojiis hojjechiisuu hin barbaadu" jedhu jiraattun magaala Shararoo aadde Qonjit Damissee.
Kanaaf qaala'iinsa gatii kana to'achuun daran barbaachisaa ta'uu kan himan barsiisaa Guutaa Laggasaa omisha irratti xiyyeeffachuun dhiyeessii gara fulduraa amansiisaa gochuun akka barbaachisus dubbatu.
Warshaalen hojii dhaaban hojii akka eegalan taasisuu fi kunneen gabaa biyya alaa dhaban omisha isaanii biyya keessatti akka gurguran heeyyama yeroo kennuunis tarkaanfilee akka furmaataatti fudhatamuu danda'an keessaa muraasa ta'uu isaanii eeru.
Tarkaanfii mootummaafi falawwan biroo…
Koreen tasgabbii gabaa sadarkaa federaalaatti hundaa'uu isaa, magaalotni fi aanaalenis rakkoolee rakkoo qaala'iinsa gatii furuuf hojjechaa akka jiran himama.
Ragaan yeroo dhiyoo Ministeera Daldalaa fi Indaastrii akka agarsiisutti Bitootessa 04 bara 2012 irraa eegalee mootummaan qaamolee daldalaa gochaa seeraan alaa raawwataniiru jedhaman 60,000 ol irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhatameera.
Tarkaanfiin mootummaadhaan fudhatamaa jiru kun jajjabeessaa akka ta'e kan himan Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan mummee barnootaa Ikonomiksii Guutaa Laggasaa mootummaan tilmaama diinagdee gara fulduraa hojjechuun tarsiimoo rakkoon yoo mudate ittin furamu qopheessuu qaba jedhan.
Dabalataan dhaabbilee seera cabsan irratti to'annoo fi hordoffii gochuu fi omishni daldaltootaan yoo dhiyaachuu hin dandeenye filannoo biraa dhiyeessuu akka qabus dubbatan.
Tarkaanfileen mootummaadhaan fudhatamaa jiran gahaa akka hin taane namootni BBCti himanis ni jiru.
Akka fakkeenyaattis "tarkaanfiin dhaabbilee daldalaa guyyoota muraasaaf qofa saamsun fudhatamu quubsaa miti" jedhu.
"Tokko fayyadamaa ta'ee tokkommoo miidhamaa ta'uu hin qabu waan ta'ef daldalaanis fayyadamaanis osoo hin miidhamin akka walirraa bitanif hubannoon osoo uummamee gaaridha" jechuunis himaniiru.
*Dhimma kana irratti yaada Ministeera Daldalaa fi Indaastrii gaafachuuf daayrektara dhimmoota komunikeeshiniin beellamamnee turrus yaada nuf kennuu hin dandeenye.














