Talaallii Koronaavaayiras: AstiraaZenekaa qoricha talaalliif ta'uu mala jedhe dursee omishuu jalqabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Dhabbatni qoricha oomishuun bekamu AstraaZeneekaa jedhamu, talaallii Covid-19 yaaliirra jiru osoo hin mirkanaa'iin dursee omishuu jalqabuuf akka jiru hoji-gaggeessaan dhaabbatichaa BBCtti himan.
Qoricha jedhame kana irratti yaaliin gaggeeffamaa jira garuu dhaabbatichi yoo mirkanaa'eef jecha hanga barbaadame qopheessuuf akka isa dandeessisutti dursee omishuu jalqabuu qaba jedhan Paaskaal Sooriyoot.
"Nuti talaallii kana yeroo ammaa omishuu jalqabneerra-. Yeroo bu'aan qorannoo mirkanaa'ee bahetti akka fayyadamuu dandeenyutti dursinee qopheessinee lafaa qabaachuu barbaachisa," jedhan.
Dhaabbatichi yoo mirkanaa'eef talaallii [doozii] biiliyoona 2 nan dhiyeessa jedheera.
Baatii darbe dhaabbati kun talaallii Yunvarsiitii Oksfoorditti qophaa'aa jiru biiliyoona tokko oomishuu akka danda'u beeksisee ture.
Kamisa kaleessaa waliigaltee lama mallatteesseera,inni tokko Biil Geetsiin kan deeggaramu yoo tahu oomishasaa dachaan akka dabaluu dandeessisaan.
Dhaabbatichi walakkaa oomisha qoricha kanaa biyyoota galii gad-aanaa fi gidduugaleessa qabaniif hiruufis waliigaleera.
Waliigalteen inni haaraa dhaabbata Indiyaa Seeram kan talaallii oomishuun beekamu waliin yoo tahu,inni kaan immoo deeggarsa doolaara miiliyoona 750 dhaabbata Biil Geets irraa argamu dha.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabotni tolaooltummaa lama talaalliin kun yoo oomishame miiliyoona 300 kan tahu rabsuuf waliigalaniiru.Kunis dhuma bara kanaatti jalqaba jedhamee yaadama.
Hogganaan olaanaa AstraaZeenekaan Paaskaal Sooriyoot Haggayyatti qorichi kun akka hojjetu baruun fedha jedheera. Dhaabbatni tola oolaa raabsuuf waliigalemmoo talaallichi hojjechuu dhiisuu danda'a jedheera.
Dhaabbati AstraaZeenekaa kun talaallicha barri 2020 otoo hin xumuramiin miiliyoona 400 dhiyeessuuf waliigaleera.
Sooriyoot,''dhaabbatichi yeroo weeraraa kanattii bu'aa malee talaallii kana raabsuuf biyyoota garaagaraa waliin hojjechaa jira.Weerarri kun rakkoo ilmaan namaa qormaata keessa kan galche dha,'' Jedheera.
AstraaZeenekaan talaallii reef qophaa'aa jiru kan miiliyoona 300 tahu Ameerikaaf miiliyoona 100 UKf rabsuuf waadaa seeneera kunis Fulbaana irratti ni qaqqaba jedhameetu yaadama.
Mootummooti addunyaa talaallii Covid19 deeggaruuf maallaqa biiliyoonaan lakkaawwamu waadaa kan seenan yoo tahu,dhaaboti qorichaa talaallicha qopheessuuf fiigaati jiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














