Koronaavaayiras: Keeniyaatti yaaliin talaallii Covid-19 Yuunvarsittii Oksifoord waliin ta'uun jalqabamuuf

Yaalii talaallii

Madda suuraa, MLADEN ANTONOV

Ibsa waa'ee suuraa, Yaalii talaallii

Dhaabbanni qorannoo beekamaa Keeniyaa talaallii haaraa Covid-19 Yunivarsiitii Oksifoordiin qophaa'ee magaalaa Kiliifiitti yaalii akka jalqabu beeksise.

Dhaabbantni Keemrii Weelkaam jedhamu kun qorannoo kanaaf hojjattoota fayyaa 400 akka barbaadu himeera.

Addunyaa irratti qorattoonni talaallii Covid-19 argachuuf dorgomaati jiru. Kanneen keessaa immoo gareen Yunivarsiitii Oksifoord keessatti argaman ni dursu.

Yaalii talaallii kanaa-ChAdOx1nCoV19 jiraattoota UK eeyyamamoo tahan kan kumaatamaan lakkaawwaman irratti ilaalamaa jira.

Amma immoo Institiiyuutiin Qorannoo Fayyaa Keeniyaa yaalii kana Keeniyaatti lammilee biyyattii irratti taasisuuf jira.

Namooti qorannoo kanarratti hirmaatan umrii 18 oliifi ogeessota fayyaa magaala qarqara galaanaatti argamtu Mombaasaa fi Kiliifii bakka yaaliin kun itti jalqabu tahuu qabu.

Dhimma yaalii talaallii Afrikaa keessatti gaggeessuu irratti wal-falmiin jiraatus, qorattoonni kunneen garuu yaaliin tokkoyyuu otoo hin adeemsifamiin dura talaallichi gulantaa murteessaa keessa darba jedhan.

Yoo talaallichi hojjeteef Keeniyaan kanarratti hirmaachuunshee ardii Afrikaaf barbaachisaa dha jedhaniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa