Koronaavaayiras: Dhukkubsattoota Covid-19'n hubamaniif yaaliin abdii kennu jalqabe

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni UK wal'aansa yaalii dhukkubsattoota Covid19'n akka malee hubaman gargaaruu danda'u jalqaban.
Dhukkubsattootni dhukkubichaan akka malee hubaman seelii dhukkuba ittisu kan 'T-cell' jedhamu baayyee xiqqoo qabu.
T-seelonni infeekshinii qaama keessaa qulqulleessu.
Yaaliin wal'aansaa kun dawaa intarliyuukiin-7 jedhamu lakkoofsa T-seelii dabaluudhaan dhukkubsataan akka dandamatu gargaara.
Saayintistoonni Institiyuutii Firaansiis Kiriik, Kingis Kooleej Landan fi Hospitaala Seent Toomaas fa'irraa walitti dhufan qorannicha irratti bobba'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni kunneen samuuda dhiiga namoota 60 fudhachuun seelota dhukkuba faccisan/lolan ilaalan, kanaanis lakkoofsi T-seelotaa gara malee gad-bu'ee argan.
Piroofeesar Andiriyaan Haaydaay Institiyuutii Kiriik irraa, seelota dhukkuba faccisanirratti maaltu tahaa akka jiru arguun nu dinqisiisee jedhan.
''Seelonni kunneen dhukkubarraa nu eeguudhaaf ni yaalu, vaayirasichi garuu humna isaan dhorkata sababiin isaammoo lakkoofsi isaanii waan baayyee hir'isuufi.
Copha dhiigaa maayikiroolitirii tokko keessatti ga'eessi fayyabuleessi T-seelota 2000-4000 ni qabaata. Dabalataan seelota T-limfoosaayits jedhaman illee jiru.
Dhukkubsattoonni Covid19 saamudni dhiiga isaanii fudhatame garuu seelota kana 200-1200 qofa qabu.
'Kan jajjbeessudha'
Akka qorattoonni kunneen jedhanitti argannoon kun samuuda quba harkaa irraa fudhatamuun hamma T-seelotaa baruun eenyu irra caalaa akka hubamu akeekuun ni danda'ama.
Seelii dhukkuba faccisu kana iddootti deebisuufis yaaliin ni argama taha jedhu.
Maanuu Shaankaara-Haariin Hospitaala Toomaasitti dhukkubsattoota akka malee hubaman wal'aanu.
''Namoonni harki 70 Covid-19'n qabamanii yaaliif dhufan seelonni limfoosaayitii isaanii 400-800 gaheetu dhufe, yeroo fayyaan isaanii deebi'u seelonni kunneen dabaluu jalqabu,'' Jedhan.
Qorichi 'Intarliyuukiin 7' dhukkubsattoota gara malee hubaman muraasa irratti yaalamee lakkoofsa seelota kanaa haala gaarii taheen dabaleera.
Yaalii kanaan dhukkubsattoota seelota liimfoosaayitii gad-aanaa qaban fi kutaa wal'aansa addaa keessa guyyaa sadiif turaniif kennama.
Shaankaar Haariin:''yeroo lakkoofsa seelota kanaa daballu infekshiniin vaayirasii kanaa ni qulqullaa'a jennee amanna,'' jedhan.
''Hanga yoonaa dhukkubsattoota akka malee miidhamaniif wal'aansa deeggarsaa malee dhukkubicha yaaluuf waanti kallattiin goonu hin jiru, kanaaf yaaliin kun dhufuun kan akka malee naa jajmeessujab dha,'' jedhan.
Piroof, Haaydaay immoo qorannoon kun akkatti dhukkubichi sirna ittisa dhukkuba qaama keenyaa waliin walitti dhufu yaada kenna, kunimmoo saayintistoota addunyaaf odeeffaannoo gatii qabu dha jedhan.
''Vaayirasii balaa muddamaan dachee kana raase kun baayyee adda dha,akka kaanii miti,''jedhu
Lakkoofsi T-seelota haala kanaan maaliif akka hir'atu waanti ifa tahe hin jiru. Dhiyeenyatti bira geenya jennee abdanna jedhan.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

















