Talaallii koronaavaayiras: Yaaliin talaallii koronaavaayirasii dhukkubsataa jalqabaatiif UK'tti kenname

Elisaa Graanaato kannnee yaalii talaaliichaaf hayyamoo ta'an keessaa tokko
Ibsa waa'ee suuraa, Elisaa Graanaato kannnee yaalii talaaliichaaf hayyamoo ta'an keessaa tokko

Yaaliin talaalii Covid-19 UK keessatti yeroo jalqabaatiif nama dhibee fayyaa kanaa qaburratti jalqabame. Yaalii talaallii kana kan gaggeessaa jiru ammoo Oksfoordidha..

Namoonni yaalii kanaaf hayyamamoo ta'uun adda baafaman 800 ol keessaa lamaan isaanii kaleessaf talaalicha fudhatan.

Wallakkaan isaanii talaallii Covid-10 kan fudhatan yoo ta'u, wallakkaan hafan ammoo talaallii manjalloo akka kennamuuf barameera.

Namoonni talaalicha fudhachuuf hayyamamoo ta'an kunneenis gosa talaalii kam akka kennameef waan beekan hinjiraatu. Hakiima isaan waraanu qofatu beeka.

Elisaa Graanaato namoota jalqaba yaalii talallichaatiif hayyamamoo ta'uun waraannattee BBC'tti akka himteetti, ''Ani saayntisiitiidha. Kanaafu bakkan danda'u hundatti yaalii qorannoo saayinsiin gargaaruun barbaada'' jetteerti.

Talaalliin kunis garee Yunivarsitii Okfoditiin baatii sadii keessatti kan hojjatame. Saaraa GilbartiInstitiyuutii Jannariitti Professarri qorannoo talaalii qorannoo yaaliin kana ogganaa jirti.

''Akka dhuunfaa kiyyaatti talaalii kanarratti amantaa olaanaan qaba'' jetti.

''Haa ta'u malee namootarratti yaaluun odeeffannoo qabaachu qabna. Osoo namoota hundaaf kennuu hineegaliin dura dhugaatti kan hojjatu ta'u adda baasuun qabna.''

Talaaliicha attamiin hojjataa?

Gareen qorattootaa kunneenis talaallii gosa Koronaavaayirasii kan biraatiif hojjatanii turan. Innis yaalii wallaansaatiin bu'aa gaarii argamsiisee kan ture yoo ta'u ammas deemsa walfakkaatu fayyadamaa jiru.

Gabaasan BBC Fargus bilqaaxii talaalichaa omishame qabatee

Akka hojjatu attamiin beekuu?

Talaaliin Covid-19 kun dhugaatti kan hojjatu ta'usaa garee kun kan baruu danda'u, garee namoota talaalicha fudhatanii keessaa namoonni ammamii koronaavaayirasiin akka qabaman wall madaalchisuun.

Haata'u malee weerarichii dafee UK keessatti kan gadi bu'e yoo ta'e rakkoodha sababii odeeffannoo gahaan hinargamneef jecha.

Daarektarri garee qorannoo talaallii Professar Andreew Pollaard akka jedhaniitti, ''Dambalii dhuma weerara haaraa kanaa hordofaa jirra. Isa kan hinargannee yoo ta'e, talaallichi dhigaatti baatiiwwan muraasa dhufan keessatti kan hojjatu ta'u himu hindandeenyu ta'a.

Garuu vaayirasichi waan hin deemiinuuf ammas mudannoon qabamuu haaraa baayyeen ni jiraata jennee eegna.''

Qorattoonni kunneen talaallii kana keessatti hojjetoota fayyaa adda-durummaan saaxilamuudhaaf carraan jiruuf dursa kennuu barbaadu.

Namoonni umuiin isaanii deeme ammoo sirni dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama isaanii dadhabaadha. Kanaaf, qorattoonni yeroo talaallii kana kennan lilmee/marfee lama kennuufiif barbaadu.

Gareen Oksifoord kun yaalii talaallii kana Afrikaa keessatti, keessumaa ammoo Keeniyaa, bakka carraan tatamsa'ina dhibee kanaa xiqqoorraa ka'ee dabalaa jiruttis gaggeessuu barbaadu.

Yoo lakkoofsi kan rakkoo ta'uu danda'udha ta'e, maaliif namoota fedha qaban koronaavaayirasiin beekaa akka qabaman hin taasifamuu?

Kun osoo talaallichi bu'a qabeessadha ta'e karaa saffisaafi amansiisaa ta'een bira gahuudha, garuu naamuusa hojiitiin kan gaaffii keessa galudha. Sababiin isaa ammoo Covid-19f qorichi fayyisu mirkanaa'eeru hin jiru.

Garuu kun gara fuula duraatti kan danda'amu ta'a. Pirof. Polaard akkas jedhan: "Yoo sadarkaa dhukkuba kanaaf qoricha fayyisuu danda'urra geenyeefi namoota fedhaan keessatti hirmaatanif wabiin akka jiraatu taasisuu dandeenye, sun karaa ittiin talaallii qoratan milkaa'aadha."

Naga qabeessaadhaa?

Namoonni fedhii isaan irratti yaalame ji'iita dhufan keessa itti dhiyeenyaan hordofamu. Erga talaallii sana fudhatanii booda guyyoota jalqabaa muraasa hirreen isaanii akka xiqqoo dhukkubu, bowwuu mataa akka qabaatan ykn gubaa qaamaaisaan mudacuu akka danda'u itti himameera.

Qorattoota talaallii

Madda suuraa, Sean Elias - Oxford Vaccine trial

Ibsa waa'ee suuraa, Qorattoota talaallii

Akka yaadaatti kan jiru talaalliin yeroo yaalamu kanatti dhukkuba koronaavaayirasii uumuu danda'a kan jedhudha. Haata'u malee, gareen Oksifoord qornnicha gaggeessaa jiran akka jedhanitti carraa yaaliin talaalichaa rakkoo uumuuf qabu xiqqaadha.

Saayintistoonni kun Fulbaana dhufutti talaallii miliyoona tokko qopheessuuf jiru.Yoo talaalliin kun bu'a qabeessummaan isaa mirkanaa'eef ammoo yeroo itti aanu keessatti baayyinaan omishuutti seenuuf jedhu.

Eenyutu dura argataa?

Pirof. Gilbert akka jedhanitti kun ammatti hin murtoofne: "Kun gahee keenya miti, nuti talaallii hojjetu argachuuf hojjechuun hanga barbaachisu qabaachuudha. Murteessuun ammoo kan warra kaaniidha."

Itti dabaluun akka jedhan Pirof. Polaard ammoo: " Nuti dooziii (hanga) barbaachisu qabaachuun warra baayyee isaan barbaachisu UK keessatti qofaa osoo hin taane biyyoota guddachaa jiran keessattillee dhiyeessuudha," jedhan.

Achuma UK keessatti gareen qorattoota Impeeriyaal Kollejji Oof Landa ammoo yaalii talaallii koronaavaayirasii nama irratti Waxabajji keessa eegaluuf abdii akka qabu beeksiseera.

Gareewwan Oksifoordiifi Impeeriyaal fandii mootummaa £40m ol fudhataniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa