'Heerri mootummaa yeroo diigamuu ilaaluu waanan hin barbaanneef aangookoo gadhiiseera'-Af-yaa’iin Mana-maree Federeeshinii

keeriyaa Ibraahim

Madda suuraa, HOUSE OF FEDERATION

Af-yaa’ii Mana-maree Federeeshinii Aadde Keeriyaa Ibraahim fedhii ofiin aangoo isaanii gadhiisuu ibsa TV Tigiraay irratti kennaniin beeksisaniiru.

Aaddee Keeriyaan aangoo kan gadhisan ‘qaamaa heeraa baasuu’ waliin hojjachuu waan hin feeneef ta’uu TV Tigraay gabaaseera.

Mootummaa feederaalaafi naannoo Tigraay gidduu akkasumas, paartii TPLF fi Paartii Badhaadhinaa gidduu waldhabeen cimaa jiru Afa-yaa’iin kun akka aangoo gadhiisanii sababa ta’eera jedhamutti jira.

Waggootii lama oliif Afa-yaa’ii Mana-maree Federeeshinii ta’uun kan tajaajilan Aadde Keeriyaan, ibsa bal’aa TV Tigraay irratti kennaniiru.

Ibsa kanaratti qaamnii biyya bulchaa jiru " heera biyyattii cabsuun abbaa irrummaatti geeddamaa jira," jechuun himataniiru.

Himanna kanaafis akka ragaatti kan kaa'an, mootummaan kun filannoo malee aangorra turuuf uraa heeraa biyyatti keessa jiru barbaaduun ' keeyyata tokko isa biraan walitti buusuun uuraa umuufi filannoo biraa barbaachuuf" yaalii taasiseera jedhaniiru.

Qaamni angoorra jiru kun, murtee uummataa malee angoorra turuuf murteessuu isaafi kanas seera qabeessa goochuuf uuraa barbaaduun kara seera qabeessa hin taaneen "karaa hin baramneen heerri akka deebi'ee hiikamuuf dhiibbaa gochaa jira," jechuun dubbataniiru.

Kunis dursee kan murtaa'e ta'u ibsuun kun 'dogoggora seena qabeessa isa guddaadha" jedhaniru.

Dabalataanis kana hojiirra oolchuuf namoota murteessu danda'an irratti "dorsiisaafi sodaachisuun" ga'aa jira jedhaniiru.

Kanaafis yeroo Af-yaa'ii Mana-maree Federeeshinii ta'anii muudamanitti "heeraa biyyattii eeguufi eegsisuuf waadaa waanan seeneef, mootummaan heera cabsee mootummaa abbaa irree yeroo uumuu hin hirmaadhu," jechuun feedhii isaaniin angoo akka gadhiisan dubbataniiru.

"Hiikaa heeraa biyyatti kan jedhuun sirna abbaa irrummaaf gocha seera cabsu irratti hirmaachuu dhiisuuf murteesseera," jedhaniiru.

Murtoo isaanii kanaratti ibsa kennaniin Aadde Keeriyaan goochi kun abbummaan aangoo uummata, sabaafi sablammootaa ta'uu isaa kan cabsudha jedhaniiru.

Waggootii lama oliif Afa-yaa’ii Mana-maree Federeeshinii ta’uun kan tajaajilan Aadde Keeriyaan, ibsa bal’aa kennaniin sababa aangoo itti gadhiisuuf murteessanis ibsaniiru.

Biyyattiin qabsoo haarsaa guddaan itti kaffalameen sirna abbaa hirree farra dimokraasiifi nageenyaa ture maqsuudhaan, sirni federaalawaa sabaafi sablamoonni biyyattii hiree keessatti argatan gadi dhaabeera kan jedhan Af-yaa'ittiin, adeemsi paartii biyya bulchaa jiruun taasifamaa jiru ammaa garuu farra kanaati jedhan.

Heerri mootummaa Federaalawa Itoophiyaa, gaaffiilee misoomaa, nagaafi dimokraasii ummattoonni aarsaa kaffalaniifi qabsaa'aniif deebii kan kenneedha jedhu.

Kana malees, Heerrichi sirna farra sabdaneessaafi abba hirree ture maqsuun, sabaafi sablamoonni biyyattii fedhaafi hayyama isaanitiin jalalaafii wal kabajaan waliin jiraachuuf kan bu'uura kaa'edha.

Ummattoonni biyyatti hireesaanii ofiin murteeffachuufi ofiin of bulchuuf karaa bakka bu'ootasaaniitiin mirga gonfachiisuun bu'uura kan kaa'eedha jedhaniiru akka Aadde Keeriyaan jedhanitti.

Haata'u malee jedhu Aaddee Keriyaan, yeroo ammaa kanatti maqaa haaromsaatiin sirna federaalaafi Heera mootummaa diiguun adeemsi mootummaa abbaa hirree deebiisanii ijaaru gaggeefamaa jira jedhaniiru.

Aaddee Keriyaatti, ''Gochi ifatti Heera mootummaa diiguudhaan sirna abbaa hirree ijaaruuf taasifamaa jiru kana ummattoonni biyyattii beeku qabanidha,'' jedhaniiru.

Manni-maree Federeeshinii qaama olaantummaan Heera mootumaafi sirna federaalaa eegu ta'ee osoo jiruu gocha ofiin of balleessuu kana keessa galuu hinqabaatu jedhaniiru ibsa isaanii kanaan.

Heera mootummaa mirgoota sabaafi sablamootaa mirkanneesse cabsuufi imaanaa ummata bakka na buusee ganuu waanan hinbarbaadneef fedhii kiyyaan aangookoo gadhiiseera jedhaniiru.

Af-yaa'ii Mana-maree Federeshinii ta'ee Heera mootummaa kabajuufi kabachiisuu kakuudhaan waanan fuudheef, kun diigamuun mootummaan abbaa hirree wayita ijaaramuuf jiru kanatti keessatti qooda fudhachu hinbarbaadu jedhaniiru.

Aadde Keeriyaa paartii TPLF keessatti miseensaa hojii raawwachiiftuudha.