Filannoo Itoophiyaa: 'Mootummaan Federaalaas diduuf, Tigiraayis qofaatti gaggeessuuf mirga heeraa hinqaban'

Naannoo Tigraay keessatti filannoon marroo jahaffaa akka gaggeefamu dhaabbileen siyaasaa naannicha keessatti socho'an sadii Manni Maree Waliiniifi Boordiin Filannoo akka ijaaramu Mootummaa Naannoo Tigraayiif guyyaa kaleessaa iyyata dhiyeessaniiru.
Dhaabbileen Kun Saalsaawwii Wayyaanee Tigraay, Dhaaba Sochii Biyyaaleessaa Tigraay fi Paartii Bilisummaa Tigraayi.
Paartileen kun ibsa waloon Filannoo Hagayya gara dhumaatti gaggeefamuuf seerriifi dambiiwwan bahan kan hoogganu Manni Maree waloo akka ijaaramu gaafatan.
Kun ta'uun filannichi bilisaa fi Haqa qabeessa akka ta'u gargaaraa jedhaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaaffii naannichi filannoo gaggeessuuf boordichaaf dhiyeesse guyyaa lama dura fudhatama dhabsiseera.
Manni Maree Federeeshiniis hiikkaa heeraa dhimma filannoo dheeressuurratti kaaheen filannoon biyyaalessaa hanga Covid-19 yaaddoo ta'uun isaa hafutti akka hin gaggeefamne murteessuun ni yaadatama.
''Mootummaan Federaalaas diduuf, Tigiraayis qofaatti gaggeessuuf mirga heeraa hinqaban''
Naannoon Tigiraay filannoo gaggeessuuf murteessuu ilaalchisee xiinxalaan siyaasaa miseensa KFO Jawaar Mahaammad turtii BBC waliin taasise irratti filannoon kun osoo mariidhaan murtaa'ee gaarii taha ture jedha.
Heerii mootummaa filannoon akka darbuuf waan hin eeyyamneef akka biyyatti irratti mariin gaggeeffamee filannoon yoomii fi akkamiin gaggeeffamuu qaba kan jedhu murtaa'uu qaba ture.
Mootummaan amma jirus akkamiin biyya gaggeessuu qaba kan jedhu irrattis mariin gaggeeffamee osoo tahee gaarii taha ture jedha Jawaar Mahaammad.
Miseensi tokkummaa dhaabota Waliin ta'uun Tokkummaa f Dimookraasiif(Awbroonat leandinnetiinnaa Dimookraasii) Obbo Lidatuu Ayaaleew gama isaan murteen Boordii Filannoo Itoophiyaa kanuma eegamuudha jedhee, Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Tigraay gidduutti wanni ta'aa jiru biyyaaf yaaddessaadhaa jedha.
''Mootummaan Federaalaatu Naannichi filannoo akka in gaggeesine gaafachuu qaba turee'' jedha.
Mootummaan Federaalaas ta'e naannoleen biroon filannoo hin gaggeessinetti Naannoo Tigraay Filannoo yoo gaggeessuuhaala akkamiitu mudata jedhe kan gaafatu namni siyaasaa gameessi kun, kan uumamu waan hariiroo biyya lamaa ta'aa jechuunis deebisa.
Filannoo gaggeesuufi hiisuurratti atakaaroon mul'achaa jiru dhaaba biyya bulchuufi TPLF gidduu muufii guddaan jiru hangam akka gahuuf agarsiiftuudhas jedha.
Obbo Lidatuun dhaabbileen lameen haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun miira itti gaafatamuummaan guutameen gara wal danda'uu, waliin hojjechuuf, hariiroo nagaa qabeessatti dhufuuf fedha hin qabanii jedha.
Haalichi akka kanatti itti fufnaan rakkoon isaanii biyyaaf yaaddodhas jedha.
''Mootummaan federaalaa mariif eeyyamamaa hin turre. Heerichi akka isaaniif tahutti jallisanii Gumii Heera qulqullesituutti qajeelchanii haala heera bifa haaraan barreessuu fakkaatuun aangoo ofii isaanii dheereffatan. Kun ammoo naannolee akka Tigiraay paartii adda taheen bulaa jiran irratti dhiibbaa uuma'' jedha Obbo Jawaar.
Mootummaan federaalaa ofii isaa seera jajallisaa, naannolee maaliif cabsitan jechuu hin danda'u kan jedhu Jawaar, filannoo irratti mootummaan federaalaas tahe naannoleen aangoo murteessuu qabu jedha.
''Haa tahu malee naannoleen filannoo gaggeessufi yoom tahuu akka qabu murteessuu yoo danda'aniyyuu raawwachiisuuf garuu boordii filannootti qajeelchuu qabu'' jedha.
''Naannoon aangoo murteessuu qaba. Mootummaan federaalaas ammoo aangoo fi dirqama raawwachiisuu qaba.''
Haa tahu malee Boordiin Filannoofi Mootummaan Federaalaa waan didaniif akkaataa mirga sabaafi sablammootaa heera irra taa'ee jiruun manni mare naannichaa furmaata biraa barbaaduun boordii filannoo mataasaanii hundeessuun gaggeessuu danda'u jedha Jawaar.
Haa tahu malee jedhe Jawaar ''Mootummaan Federaalaas diduuf bu'uura heeraa hin qabu. Mootummaan Tigiraayis qofaatti bahee filannicha nan gaggeessa jechuun guutummaan heeran kan deeggarame jechuun hin danda'amu'' jedha.
Rakkoon mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigiraay gidduu jiru wal dhabdee siyaasaati malee dhimma filannoofi heeraa mitis jedhe.
'Wal dhiibuun mootummaa federaalaa fi Tigiraay babal'ataa deemuu danda'a'
Murtoo amma jiruun mootummaan Naannoo Tigiraay filannoo gaggeessinaan Mootummaan Federaalaa baajata irraa xiqqeessuu dabalatee dhiibbaa biraa irraan gahuu mala jedha Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahaammad.
Haala kanaan itti fufnaan 'wal dhiibuun Mootummaa Federaalaa fi Tigiraay babal'ataa deemuu danda'a.'
Mootummaan federaalaa kanaan duras aangoo isaa guutuu naannoo Tigiraay keessatti gaggeessuu hin dandeenye jedhamuun qeeqama.
Namoota yakkaan shakkee himate kan akka Geetaachoo Asaffaa fa'a qabuullee hin dandeenye jedhamaa ture waan taheef ammas wal dhabdeetti galuu malu jedha Jawaar.
''Mootummaan federaalaa baajata hiri'isuu, daangaa gama Sudaaniin jiru jalaa cufuuttis deemuu danda'a. Haa ta'u malee naannichis humna waan qabuuf rakkoo hamaa uumuu danda'a jedhanii shakkuun barbaachisa'' jedhe.
''Uummatni Tigiraay amma marfamneerra, dhiibbaa guddaa jala seenneerra, walabummaan akka sabaatti qabnu sarbameera, gama oliin Eertiraa, itti aanee naannoo Amaaraa, asii immoo federaala jira. Humnootni sadeen kunneen wal tahanii dhiibbaa nurraan gahaa jiru ilaalchi jedhu uummaticha keessa babal'ataa jira waan taheef sabni Tigiraay akka tokkootti waliin socho'aa kan jiran.''
Uummata miira akkasii keessa jiru kana irratti dhiibbaa siyaasaa taasisuuf deemuun ammoo gara ''wal waraansaa tasaatti fiduu danda'a'' jedhanii shakkuun gaarii taha jedha Jawaar Mahaammad.
Jawaar Mahaammad saboota naannoo tahuuf gaaffii kaasaa jiraniifi kaan irratti kun rakkoo cehumsa kana hogganuu dadhabuu irraa dhufe jedha.
''Warri gara aangootti dhufan biyya gara dimokiraasii sab-daneessatti ceesisuu irra biyya gara ol-aantummaa nama tokkootti deebisaa jiru jedha.
Sudaan Masirii fi Itoophiyaan ammayyuu dhimma hidha Abbayyaa irratti waliigaltee xumuraa irra hin geenye. Itoophiyaan hidhicha marsaa jalqabaan guutuuf murteesitus Masiriin yaadicha hin fudhanne.
Jawaar Mahaammadis haalli amma biyya keessatii deemaa jiruufi biyyoota ollaa tokko tokko waliin jiru ''biyya gara yaaddoo guddatti geessuu danda'a'' jedhan.














