Boordii Filannoo Itoophiyaa: 'Haga haalli mijataa uumamutti bordichi naannoo kamittuu filannoo hin gaggeessu'

Madda suuraa, National Electoral Board of Ethiopia
Manni maree naannoo Tigiraay naannichatti filannoo gaggeessuuf akka heeyyamamuuf gaaffiin Boordii filannoo Itoophiyaaf dhiyeesse fudhatama dhabe.
Boordichi gaaffii naannicharraa dhiyaateef wayita deebii kennutti ''Haga haalli weerara Covid-19 irra deebiin ilaalamee, haalli filannoo gaggeessuuf dandeessisu mijataan uumamutti bordichi naannoo kamittuu filannoo hin gaggeessu,'' jedheera.
Bordichi ibsa har'a Roobii baaseen, manni maree naannoo Tigiraay "Weerara Covid-19'f of eeggannoo taasisaa filannoo marsaa 6ffaa taasisuuf eega murteessee booda, haala heerri mootummaa ajajuun, filannoo taasisuuf humna namaa barbaachisuu fi qophii loojistiiksii akka taasifnuu fi murteessaa mana marichaaf akka beeksisu" jedhee gaaffii dhiheessee akka ture hima.
Bordichi, filannoo sadarkaa federaalaa fi naannootti taasifaman hunda taasisuuf aangoo guutuu kan qabu Boordii Filannoo Biyyaalessaa akka ta'es, keewwata heera mootummaa biyyattii 102 (1) eeruun lafa kaa'a.
Dabalataanis yeroo filannoo murteessuu, paartilee siyaasaa galmeessuu, buufataalee filannoo hundeessuu, filannichi haala bilisaa ta'ee fi haqa qabeessa ta'een gaggessuu, akkasumas bu'aa filannoo ummataaf ifa godhuu fi kkf dhaabbilee mootummaa kamuurraa haala adda ta'een aangoo seeraan naaf kennameedha jedha boordichi.
Aangoo kunis dhaabbilee kamuu waliin kan hin qooddamnee fi seera qabeessadhas jedha ibsa hardhaatiin.
Kanumaanis murteewwan armaan gadii dabarsuusaa ibseera:
- Filannoon biyyaalessaa marsaan 6ffaa sababa Covid-19 achi siiquunsaa eega murteeffame booda haalli Covid-19 irra deebiidhaan ilaalamee haalli filannoon taasifamuu danda'u hamma mirkanaa'utti, Boordii Filannoo Biyyaalessaa naannoo kamiittuu filannoo hin geeggessu.
- Boordiin filannoo aangoo paartiilee siyaasaa galmeessuu, to'achuu fi bulchuu, yeroo filannoo murteessuu, filannichi bilisaa fi haqa qabeessaan akka taasifamuuf dhaabbata aangoo guutuu qabuudha. Kanaanis manni maree naannoo Tigiraay filannoo marsaa 6ffaa akka taasifamuuf murtee dabarsuuf, akkasumas boordichi murtee kana fudhatee murtee filannichaa gaggessuu qaba jedhu adeemsa seeraa hin qabu jedheera.
Kanarraa kan ka'e boordichi sababoota gubbaarratti eeramaniin murtee manni maree naannoon Tigiraay filannoo ilaachisee akka boordichi beekuu fi filannicha akka geeggessuuf gaaffii dhiheesse, akka hin fudhanne ibseera.
Humna namaa gaafatame, loojistikii fi meeshalee filannoof barbaachisan gaafatame dhiheessuuf adeemsi seeraa jiraachuu dhabuus ibseera.
Manni maree Federeshiinii murtee Waxabajjii 2 bara 2012 dabarseen filannoon weerarri Covid-19 fayyaa ummataarratti yaaddoo ta'uu dhabuunsaa eega beekamee ji'oota sagalii hamma waggaa tokkoo keessatti akka taasifamuus murteessuunsaa ni yaadatama.


















