'Dhoksaatti Tigraay waliin mariin gaggeeffamu fudhatama hin qabu' - Dabratsiyoon G/mikaa'el

Madda suuraa, Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Tigraay
Rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru jaarsummaadhaan furuu kan kaayyeffate jilli abbootii amantii fi jaarsolii biyyaa of keessaa qabu imalasaa jalqabaan Maqalee dhaqee warra achi jiran dubbiseera.
Jilli miseensota 40 caalan of keessaa qabu kun imalasaa jalqabaa naannoo Tigaayiin haa eegalu malee, kutaalee biyyattii bakka garaagaraa deemuun rakkoo biyyattiif kanneen ka'umsas furmaatas ta'uu danda'an hunda dubbisuuf kaayyeffatanii akka jiran ibsaniiru.
Jilli kun gara Maqaleetti imalee maal akka dubbate hirmaattota hojii jaarsummaa kanaa gaafanneerra: naannochi mariif qophii ta'uusaa hubanneerra jedhan.
Jila garas imalan keessaa tokko kan ta'an Paastar Daani'eel Gabrasillaasee,''dhibdee ilaalchota siyaasaatiin uumame karaa nagaan furuun akka barbaachisuufi gara walitti bu'iinsaatti deemuu akka hin qabne, kun murteessaa ta'uu dubbanneerra" jedhu.
"Hunduu mariidhaan furamuu akka qabu, qaamoleen siyaasaa biyya karaa nagaan bulchuuf tarsiimoo isaan dandeessise diriirsuu qabu. Kanneenirratti dubanneerra. Isaanis mari'achuuf akka fedha qaban nutti himaniiru'' jedhan.
Paastar Daani'eel dhimmoonni bal'inaan irratti mari'ataman jiraatanis hedduunsaanii dhimma jaarsummaan qabaman waan ta'aniif erga qaamni hunduu irratti dubbatee miidiyaaf ibsina jedhan.
Akka Paastar Daani'eel jedhanitti jilli abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa of keessaa qabu kun itti aansee qaamolee dhimmi ilaallatu federaalaa fi naannoo keessaa walitti fiduun dubbisuuf jira.
''Akkuma lammiilee Itoophiyaa biroof nageenya hawwinu, uummata Tigraayiifis nageenya qabannee dhufneerra. Uummanni waggoota kuma hedduuf waliin jiraataa ture har'a garaagarummaa yaadaa qabuuf adda bahuu akka hin qabne, adda addummaa jiru qabatanii akka waliin jiraatan dubbanneerra."
"Dhimmi ijoon ammoo sababa siyaasaaf jecha gara waraanaatti seenuun akka hin barbaachifneedha. Dhibdeen siyaasaa marii siyaasaan akka furamu barbaanna.'' jedhan Paastar Daani'eel.
Jiluma kana keessa kan turan Yuuniversitii Finfinneetti Hakiima kan ta'anii fi Jaarsolii biyyaa kan dursan Pirofeesar Masfin Ar'ayaa kaayyoo ijoon mariisaanii sababa ilaalcha siyaasaan tokkummaa biyyaa diigamuu hin qabu kan jedhuudha jedhan.
''Uummanni tokkummaa, nageenya barbaada. Kanaafuu rakkoo qaamoleen siyaasaa uumaniin nageenyi uummataa akka hin boorofneef marii kana eegalle. Sababa siyaasaan uummati jeeqamuu hin qabu.''
Gara naannoo Tigraay imaluu akka raajii addaatti ilaaluu hin qabnu kan jedhan Pirofeesar Masfiin,''asii deebinees mootummaa federaalaa dubbisuuf jirra, federaala qofa osoo hin taane, gara naannolee biroos ni imalla'' jedhan.
Qondaaltonni naannoo Tigraay maal jedhan?
Dhibdeen gama siyaasaan paartii naannoo Tigraay fi mootummaa giddu galeessaa gidduutti uumame gabbatee qaamoleen lameen akka biyya adda addaatti wal ilaaluurra ga'aniiru.
Jaarsummaan ammaa kun kan ni fooyyessaa? jila garasaanii imale waliin maal dubbatan? maaltu fala jennee Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Tigraay Dr Abrahaam Takastee gaafanne.
Dhimmi nageenya biyyaa kan isaan yaachisu ta'uu kan dubbatan Dr Abrahaam garuu naannoo Tigraay fi mootummaa federaalaa qofa osoo hin taane, uummati biyyattii hundi mari'ateetu nageenya waaraa buusuu danda'a jedhan.
''Biyyattii rakkoo guddaatu harkaa qaba. Diigamuurra geesseetti. Kan tokko nu godhu heerri mootummaa ammoo dhiyeenya kana dabeera. Kanaaf marii lammiilee biyyattii hundaa gaafata''
Gama biraan miidiyaa biyyattiif ibsa kan kennan Pirezidaantiin naannochaa Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el jila garasaanii imale waliin marii gaggeessuu dubbatanii garuu mariin yoo barbaachise saboonnii fi sabalammoonni hundi kan irratti hirmaatan waltajjiin biyyaalessaa uumamuu qabaata jedhan.
''Kanarraa kan hafe Tigraay yookiin ammoo TPLF addatti qoodanii dhoksaan mariin gaggeeffamu fudhatama hin qabu. Bu'aas hin buusu'' jedhan.
''Mariin jaarsummaa kun barfatee eegalamus garuu qaamni marii araaraaf deemu kamuu rakkoon mudate Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti qofa osoo hin taane, mootummaa biyya bulchaa jiruu fi uumattoota Itoophiyaa gidduutti ta'uu hubatee hojjechuu qaba'' jedhan Dr Dabratsiyoon.
Jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa biyyi gara waraanaatti akka hin deemneef dhimmamanii hojjechuunsaanii kan galateeffatan Dr Dabratsiyoon,''rakkoo jedhameef kan sodaatamuu qabu isa humnaan heera mootummaa diigee aangoorra turuuf filannoo hambiseedha malee naannoo akkaataa heera mootummaatiin filannoo gaggeessuuf murteesse ta'uu hin qabu'' jedhan.
Mariin akkanaa dhimma biyyaati waan ta'eef miidiyaaf banaa ta'ee gaggeeffamuu qaba kan jedhan Dr Dabratsiyoon kana booda dhimmi biyyaa uummata jalaa dhokfamee waanti mari'atamuuf hin jiru jedhan.
Jilli Abbootii Amantii fi jaarsolii biyyaa yaada aanga'oota naannoo Tigraay irraa dhagahan qabatanii gara mootummaa federaalaa akka deeman ibsaniiru.
Gama biraaiin Pirezidaantii Itti Aanaa Naannoo Oromiyaa fi miseensa koree hoji-raawwachiistuu paartii Badhaadhinaa kan ta'an Obbo Addisuu Araggaa dhimma jaarsoliin gara Tigraay imaluu ilaalchisuun yaada feesbuukii isaaniirratti barrreessaniin imala jilaa kanaa paartii badhaadhinaatti maxxansuun sirrii miti jedhan.
Hojiin jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa kun jajjabeeffamuu qaba kan jedhan Obbo Addisuun, ''Dhimma nageenyaa fi araaraa irratti qaamolee kophaa fi fedhiisaaniitiin socha'an qofa osoo hin taanee dhaabbata walabaa nageenyaa fi araara hundaa'een qofa akka socho'u gochuun dirqama. Isaan keessaa Komishiniin Araaraa fi Nageenyaa tokko'' jedhan.
Araara kanaan tokko kan dhiifama gaafatu, kaan kan dhiifama godhu, tokko kan jaarsummaa erguu fi kaan kan jaarsummaan nama keessummeessu godhamee fudhatamuu hin qabu kan jedhan Obbo Addisuun, ''walii galtee biyyaalessaa fi araara biyyaa fiduun siyaasaa biyya keenyaa ammayyeessuuf Badhaadhinni jabaa hojjachuu itti fufa. Hojiin dhaabbileen amantaa fedhiisaatiin rakkoo jiru furuuf hojjachaa jiran kun galatoonfamutu irra jiraata.'' jedhan.
Rakkoo keessa jirru keessaa bahuuf mariiwwan taasifamanis ta'ee dhaabbilee hojii kana keessatti hirmaatan garaa laafummaa, heera, seeraa fi danbiiwwan irratti kan xiyyeeffatan ta'uu qabus jedhan Obbo Addisuun.
















