Siyaasa Itoophiyaa: KFO fi ABO'n aangoon mootummaa dheerachuu morman, ABIN deeggare

Prof. Mararaa Gudiinaa fi Obbo Daawud Ibsaa
Ibsa waa'ee suuraa, Prof. Mararaa Gudiinaa fi Obbo Daawud Ibsaa

Manni Maree Federesshinii aangoo mootummaa hanga dhibeen Covid-19 darbutti dheeressuu paartileen siyaasaa morman.

Manni marichaa manneen maree federaalaafi naannolee hundi akka hojii isaanii itti fufan yaada furmaataa dhiyaateef sagalee caalmaan har'a raggaasiseera.

Sababa weerara koroonaavaayirasiin Itoophiyaan filannoo Biyyaalessaa gaggeessuuf turte dabarsitee ture.

Gama biraan ammoo yeroon hojii miseensota mana maree lameenii, Mana Maree Bakkka Bu'oota Uuummataafi Mana Maree Federeeshinii xumuramaa waan jiruuf furmaatni barbaadamaa tureera.

Koreen dhimma heeraa qulqulleessus qorannoo erga gaggeessee furmaata kan tahu Heera mootummaa keewwata 54/1, keewwata 58/3 fi keewwata 93 akka hiikamniif marii irratti gaggeessaa tureera.

Manni Maree Federeeshiniis akkataadhuma kanaan har'a wal gahii idilee gaggeessee aangoon mootummaa hanga weerarri dhibee koroonaavaayirasii to'atamutti akka dheeratu murteessuu isaa beeksise.

Dura Taa'aa MADRAK fi KFO kan tahan Piroofeser Mararaa Guddinaa murtoon kun rakkoo biyyattiin keessa jirtu kan furu miti jedhan.

Pirofeser Mararaan akka MADRAKitti rakkoo biyya kanaaf furmaata tahuu danda'a kan jenne barreeffama fuula torba qabu mootummaaf dhiyeessinee deebii tokkollee nuuf hin kennine jedhan.

''Amma karaan deemamaa jiru sirrii miti. Hiikkaa seeraafi heeraan taphatamaa jira. Rakkoon guddaan ammoo rakkoo siyaasaati. Isa yoo hin hiikne eessayyuu gahuu hin dandeenyu.''

Mootummaa keessaas paartii mormituu keessaas walitti dhufee qaamni siyaasa biyyaa, sochii boordii filannoo, raayyaa ittisa biyyaafi kaan to'achuu danda'u jiraachuutu irra jira kan jedhan Pirofeser Mararaan, dhaaba tokkoof qofa yeroo dabaluun furmaata miti jedhan.

Murtoo Manni Maree Federeeshinii erga dhibeen koroonaavaayirasii to'atamuun mirkanaa'ee filannoo gaggeessuuf ji'oota sagalii hanga waggaa tokkoo barbaachisa jedhe irrattis Pirofeser Mararaan ji'a jaha gahaadha jedhan.

Murtoon darbe hiikkoo heeraa osoo hin taane murtoo siyaasaati

Hayyuu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa koreen dhimma heeraa qulqulleesuuf hojjechaa ture bu'uura seeraa isaaniif eeyyamu hin qaban jedhan.

Sababni isaa qaamni heera jedhame irratti wal dhabes wal falmes hin jiru. Kanaaf, aangoo heeraa osoo hin qabaatiin dhimmicha Mana Maree Federeeshiniif dabarsuun bu'uura heeraa hin qabu ture jedhan.

Obbo Daawud kan fudhatame murtoo siyaasaati malee kan heeraa miti jedhan. Manni Maree Federeeshiniis sanuma mirkaneessuun umurii isaaniif paarlaamaati kan dheeressan jedhan.

Obbo Daawud sababa koroonaavaayirasiin filannoon rakkoo keessa galeera jedhan. Kanaaf, Fulbaana keessa aangoon mootummaa amma jiruu waan xumuramuuf rakkoo keessa galaniiru jedhan.

Kanaaf furmaata taha kan jenne kallattii garaagaraan dhiyeesinerra kan jedhan Obbo Daawud, sun fudhatama osoo hin argatiin amma qofuma isaanii dhimma isaanii irratti murteessuu isaanii hin fudhannu jedhan.

Kanaaf rakkoo amma jiru irratti rakkoo biraa dabaluun hin barbaachisu jedhanii rakkoo itti aanee dhufuuf qaamuma murtoo kana dabarsetu itti gaafatamummaa isaa fudhata jedhan.

Paartii Saalsawwii Wayyaanee Tigiraatiiti Itti Gaafatamaa kutaa seeraafi federeeshinii kan tahan Obbo Tasfaa Alam Barihee yaada heeraa falmii hin qabne Manni Maree Federeshiinii fudhatee raggasiisuun fudhatama hin qbau jedhan.

Murtoon Manni Maree Federeshi amma akka aangoon dheeratuuf dabarse kan federaalaa qofa osoo hin taane kan naannolees dabalata kan jedhan Obbo Tasfaa Alam kun aangoo isaa miti jechuun mormu.

Dhimma seeraafi heeraa kana akka ilaaluuf naannoleenis kan dhuunfaa isaanii qabu jedhanii aangoo mootummaa naannolee dheeressuuf Manni Maree Federeeshinii aangoo hin qabu jedhan.

Itti-Aanaan Paartii 'ABIN' [Sochii Biyyaalessaa Amaaraa] Obbo Yuusuuf Ibraahim mootummaan amma jiru dhukkuba koroonaavaayirasii erga to'atee booda gara filannootti galla ejjenno jedhu qabna jedhan.

Aangoo qooddachuufi mootummaa cee'umsaa waliin tahuun hundeessuu waan jedhu waan nu baasu miti jennee gama siyaasaan madaallii keenyerra jedhan Obbo Yuusuuf.

'Murtoo mana marichaa ni deeggarra' ABIN

Akka Paartii isaaniittis rakkoon biyya kanaa kan furamu gama siyaasaan kan jedhutti amanna jedhanii ta'us amma dhukkubicha to'achuu qabna. Kanammoo mootummaan hogganuu qaba jenne amanna jedhan.

Filannoof ammoo yerooma isaa eegnee kallattumaan itti galuu qofa osoo hin taane tokkummaafi ol aantummaa biyyaa eeguufi ol aantummaa seeraa kabachiisuun barbaachisaadha waan taheef yeroonis barbaachisa jedhu.

''Kanaaf mootummaan amma jiru hanga sanatti turuu qaba. Koreen dhimma heeraa qulqulleessu qorannoo gaggeessee Manni Maree Federeeshiniif dhiyeessee murtoo dabarseera. Kana irratti mormii hin qabnu,'' jedhan Obbo Yuusuuf.

Mootummaan federaalaa murtoo kana haa dabarsu malee Naannoo Tigiraay filannoo yeroo isaa eegee akka gaggeessuu ibsee ture.

Wal dhabdee hiikkaa heeraa jedhu kanaan Af-Yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Aadde Keeriyaa Ibraahim aangoo gadhiisuun isaanii ni yaadatama.