Siyaasa Itoophiyaa: Jaarroleen biyyaa jaarsummaaf gara Maqalee imalan maal karoorfatan?

Abbootii Amantaa

Gurmuun abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaarraa walitti dhufee ijaarame waldhibdee fi atakaaroo akkasumas wal-hubannaa dhabuu gama siyaasaan qaamolee garaagaraa gidduutti uumamaa jiruuf fala kaa'uuf hojii jaarsummaa itti fufuusaa ibseera.

Gareen kun guyyaa Kibxata gara Maqalee kan imaluu fi achirraas gara kutaalee biyyattii garaagaraa iddoowwan rakkoon itti uumamee jiruutti imaluun hojii jaarsummaasaa akka itti fufu Dubbi Himaan Yaa'ii Abbootii Amantaa Itoophiyaa Obbo Mas'uud Aadam BBCtti himaniiru.

Itoophiyaa keessatti dhaabbileen amantaa fi jaarsoliin biyyaa hojii jaarsummaatiin araara buusuu amma hin eegalle kan jedhan Obbo Mas'uud, ''kadhannaa waaqaa fi fudhatama hawaasa keessatti qabnuun imala keenya kana ni milkeessina jennee abdanna'' jedhan.

''Filannoo bara 1997 irratti rakkoo mudate hordofee namoota hidhaman hiiksisuu keessatti abbootiin amantaa Ministira Muummee yeroo sanaa Mallas Zeenaawii waliin mari'achuun hojii bu'a qabeessa hojjetaniiru. Kanaafuu hojii mariisisuu, walitti araarsuu fi walitti fiduurratti muuxannoo qabna.'' jedhan.

''Har'a gara Tigraay haa deemnuyyuu malee, isa booda garuu gara Lixa Oromiyaa, gara Naannoo Amaaraa, Naannoo Somaalee fi bakkeewwan biroos ni deemna. Hojiin keenya Federaalaa fi Tigraay qofarratti kan daangeffame miti. Imala har'aa Maqaleedhaan eegallus garuu asirratti hin dhaabbannu.''

Hojiin kun dhiibbaa qaama kamiinuu osoo hin taane kaka'umsa keenyaani jedhu Obbo Mas'uud.

''Dhiibbaa qaama biraan osoo hin taane dirqama waan qabnuuf kaane. Kan wal-dhabe araarsuu fi kan gargar fagaate walitti fiduun hojii abbootii amantaa fi jaarsaati. Akka biyyaatti dhimmi kun nu ilaallata, dirqama keessaa qabna jenneetu kaane'' jedhan.

Jaarsummaan ammaa maali?

Mootummaa giddu-galeessaa fi Mootummaa Naannoo Tigraay gidduutti walii galteen erga dhibee bubbuleera, kun ammoo waliin dubbachuu dhabuurraa madde waan ta'eef akka waliin dubbatan feena jedhan.

''Fedhii fi ajandaa siyaasaa isaanii keessa galuu hin barbaannu. Garuu nuti fedhiin keenya qaamoleen lameen akka waliin dubbataniidha."

"Marii keessaa waa argama jennee amanna. Rakkoon waliin dubbachuu dhabuurraa madda. Kanaafuu nuti walitti fidna, isaan waliin haa dubbatan.''

Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa keessatti erga mudachuu eegalee bubbuleera, kanaafuu amma hojii araaraa eegaluun hin barfannee isa jennee gaafanneef, ''hojii kana har'a miti kan eegalle" jedhan.

"A.L.I bara 2011 irraa eegallee itti jirra. Tigraay, Oromiyaa, Amaara, Kibba keessatti araara buusuuf socho'aa turre. Gidduutti Komishiniiin Araaraa fi Nageenyaa hundoofnaan xiqqoo booddeetti jennee turre. Hojiin araaraa fi nageenyaa kan komishinii kanaa waan ta'eef.''

Erga Komishiniin Araaraa fi Nageenyaa hundaa'ees rakkoon ittuma fufe waan ta'eef teenyee ilaaluun nutti ulfaateetu hojii keenyatti deebine jedhan Obbo Mas'uud.

''Abbootiin amantii kadhannaadhaan, jaarsoliin biyyaa haasofsiisuudhaan hojii keenya kanarratti ni milkoofna jennee abdanna. Yoo danda'ame wal-ta'uu, ta'uu baannaanis walii galuu dhabuufillee walii galuu danda'uu qabu. Dhimmoota irratti waldhaban irrattis walhubannoorra ga'uu qabu.''

''Kaayyoon nuti kaaneef sagantaa tokkoon kan xumuramu miti. Hojiin jaarsummaa adeemsa waan gaafatuuf, imala kana qofaan xumurra yaada jedhu hin qabnu'' jedhu Obbo Mas'uud.

Barreessaa Olaanaa Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa kan ta'an Luba Taagaay Taaddalaa gamasaaniin gareen gara Tigraay imalu kun abbootii amantii fi jaarsolii biyyaa kutaalee biyyattii bakka bu'an of keessaa kan qabuu fi siyaasarraa bilisa kan ta'eedha jedhan.

''Qaamoleen mootummaa federaalaa waliin dhibdee qaban bakka tokkotti mari'atanii akka walhubatan gochuudha kaayyoon keenya'' jedhu

''Abbootiin amantaa, ugaazonni, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin Gadaa walumaa galatti namoonni 40 taanu gara Tigraay deemaa jirra.''