Siyaasa Itoohpiyaa: Mootummaan federaalaa maqaa koronaavaayirasiin aangoo dheereffataa jira- Dr Dabratsiyoon

Madda suuraa, TPLF/FB
Mootummaan Naannoo Tigraay mariin waloo hunda hirmaachise hin gaggeeffamu yoo ta'u filannoo gaggeessuutti akka cichu Pirezidaantii Itti Aanaan naannochaa Dabratsiyoon Gabramikaa'el(PhD) ibsan.
Mootummaan filannoo dheeressuu kan eegale osoo weerarri koronaavaayirasii hin mudatin ta'uu kan dubbatan qondaalli TPLF kun maqaa dhibee kanaan aangoo dheereffachuun sirrii miti jedhan.
Rakkoo mudate keessaa ba'uuf filannoowwan mootummaan dhiyeesserratti paartileen siyaasaa yaada mormii yoo kaasan Minitirri Muummee Abiy garuu tibbana ibsa kennaniin murteesaaniirratti kan cichanii fi kanneen mootummaa ce'umsaa barbaadanitti dhaadatanii turan.
Ministirri muummee kun yaada kiyya malee kan yaada biraa qabu yakkamaa jechuunsaanii dogoggora jedhan Dr Dabratsiyoon.
'Ministirri Muummee kan jedhan osoo hin taane mariitu furmaata'
Filannoon haa gaggeeffamu yeroo jennu faallaa heera mootummaa taanee osoo hin taane, heera mootummaa fi mirga lammiileef dhaabbanneeti kan jedhan Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'el,''qaamni filannoon haa gaggeeffamu jedhe haa tumamu yaadi jedhu yaada dogoggoraati. Ministirri Muummee maaliif akka kana filatan naaf hin galu,'' jedhan.
''Nuti kan jechaa jirru akkaataa heerri mootummaa gaafatuun aangoo haa dabarsinuudha. Fulbaana booda kanaani kan hoogganamnu.''
Filannoo dabarsuus ta'e yeroosaatti gaggeessuuf namni tokko ofumaa ka'ee hin murteessu kan jedhan Dr Dabratsiyoon,''osoo qaama hunda hin hirmaachisin murteessuun gatii nu kaffalchiisa,'' jedhan.
Kanarraa kan hafe murtee uummataa qofaan aangoo haa qabatamu jennee waan gaafanneef qofa balleessitaniittu jechuun hin fakkaatu jedhan.
''Aangoorra turra jechaa hin jirru. mootummaa federaalaatu aangoorra turuuf haala mijeessaa jira. Kan adda addumaan keenya. Uummati yoo fedhe nu filatee, yoo fedhe nu haa kuffisu. Nuti hundaafuu qophiidah,'' jedhan.
''Ejjennoon Tigraay ifadha. Kornaavaayirasii qolachaa filannoo gaggeessuudha.''
Mootummaan Naannoo Tigraay qophii barbaachisu taasisee naannoosaatti filannoo akka gaggeessu Pirezidaantiin Itti-Aanaan naannochaa Dabratsiyoon Gaabramikaa'el dubbatan.
Dura taa'aan paartii TPLF Dabratsiyoon kana kan dubbatan kaleessa magaalaa Maqaleetti dhimma koronaavaayirasiifi filannoo biyyaalessaa irratti wayita ibsa kennan ture.
Pirezidaantii Itti-Aanaan kun,''mootummaan federaalaa sababii weerara Covid-19n filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye ibsus, nuti garuu sadarkaa naannoo keenyaatti weerara vaayirasichaa qolachaa of eeggannoodhaan filannocha ni raawwanna,'' jedhan.
''Naannoo keenyatti filannoon gaggeeffamu seera qabeessa, paartilee siyaasaa naannochaafi hawaasa hunda kan hirmaachise, akkasumas boordii filannoo hirmachisuudhaan karaa seera qabeessa ta'een akka raawwatamu ni goona,'' jedhan.
Mootummaan naannoo Tigraay filannoo yeroosaatti gaggeessuuf yoo murteessu koronavaayirasiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuurraa osoo hin taane murtee uummataa fi heera mootummaaf bitamuu kan mul'isuudhas jedhan.
Fulbaana dhufu booda mootummaan amma aangoorra jiru sadarkaa kamittuu seera qabeessa hin ta'u kan jedhan Dr Dabratsiyoon filannoon hin gaggeeffamu taanaan haala hamaatu mudata jedhan.
Filannoo gaggeessuu kan murteessaniif mirga filuu fi filatamuu lammiilee akka hin sarbamneef ta'uu kan dubbatan qondaalli TPLF kun ,''haalli amma jiru dhimma filannoo dheeressuu fi dhiisuu osoo hin taane murtee uummataa kabajuu dhabuu, heera mootummaa kabajuu dhabuudha,'' jedhan.
''Mircaan hin gaggeeffamu kan jedhamaa jiruuf sababa koronaavaayirasiif miti. Dursee osoo fedhiin jiraatee Caamsaa kana keessa gaggeessuun ni danda'ama ture.'' jechuun durummaan durumaanuu filannoo gaggeessuuf fedhiin akka hin turre dubbatan.
Rakkoo mudateef furmaata ta'a jechuun filannoowwan mootummaan paarlaamaaf dhiyeessee, mirknaa'e irrattis,''filannoodhaan walqabatee heera mootummaa keessa wanti hiikamu hin jiru. Waggaa shan jechuun waggaa shan,'' jechuun gaaffii heerri mootummaa akka hiikamuuf gaafatame fudhatama dhabsiisan.
''Yeroo turtii aangoo dheeressuuf jecha sababoota garaagaraa dhiyeessuurra, uummataa fi paartilee siyaasaa akkasumas qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin mari'achuun furmaata barbaaduutu barbaachisa'' jedhan.
Heera mootummaarratti mootummaan gara aangootti kan dhufu karaa filannoo uummataa fi akkaataa heera mootummaatiin ta'uu eera kan jedhan Dr Dabratsiyoon Fulbaana dhufu booda mootummaan amma aangoorra jiru seera qabeessa waan hin taaneef isa dura filannoon gaggeeffamuun murteessaadha jedhan.














