'Albaaniyaa' warra Tigraay: qe'ee yeroo hunda TPLF'n mormuun beekamtu

Qonnaan bulaa midhaan dha'ataa jiru

Madda suuraa, Andia

Tigiraay keessatti qe'een tokko mormii paartii naannicha bulchaa jiru TPLF irratti dhiyeessuun maqaan 'Albaaniyaa' jedhu kennameeraaf.

Albaaniyaan Awurooppaa Kibbaa Odola Baalkaaniin gama Lixaatti biyya argamtudha. Albaaniyaan warra Tigiraay kun garuu Albaaniyaa ishee sana waliin wanta walfakkeessuun tokko qabdi.

Tarii Albaaniyaan warra Tigiraay kun osoo ejjennoo hin jijjiirratiin qe'ee dhaabbataadhaan waggoota dheeraadhaaf TPLF dura dhaabbachuun mormaa turuun ishee, Biyyaa Albaaniyaa kan seenaa, Aadaa fi hawaasummaan biyyoota Awroopppaa biroorraa addaa baatee jiraachuun wal isaan fakkeessuu mala.

Albaaniyaanis haala teessuma ishee baayyee rakkisaa ta'een, akkasumas seenaa, aadaafi haala hawwaasummaa hedduu walxaxaa qabduun wantota naannoo ishee jiranirraa adda ba'uun qophaa ishee jiraachuun wal isaan fakkeessinna.

Kanaaf Maqaleerraa gara Bahaatti kiiloomeetira 12 fagaattee bulchiinsa aanaa Hindertaa durii jala kan turte 'Higirii Ariibaa' maaliif Albaaniyaa jedhamtee? Gaaffii ibsi jiraattota qe'ee kanaa gara dhumaatti deebisudha.

Warri Higirii Ariibaa keessa jiraatan maaliif akka TPLFn hadheeffatanii morman ni dubbatu.

"Meeqan dubbadhee danda'a . . . yeroo hidhaa turretti halkan keessaa saatii ja'arratti namoota guyyaa guyyaan jijjiiramaniin qoratamaa turre. Yakki guddaan nurratti raawwatameera.

TPLF paartii sobee nama sossobaa jiraatudha," jetti qonnaan bultuun Higirii Ariibaa Algaanesh Gebrehiwoot.

Aadde Algaanesh duraan deggertuu TPLF turtullee gaaffii hawaasni naannoo ishee gaafatuuf TPLF deebii kennuu dhiisnaan qonnaan bultoota Higirii Ariibaa "gaaffiilee keenyaafi mirgoota keenya ni deebisiifanna" warra jedhanitti waliin hiriirte.

Aadde Algaanesh haadha ijoollee sadii farsoo gurguruun jiraattudha.

Namoonni qe'ee sanaa rakkoo hedduu dabarsuu, walga'iirrattillee yaada isaanii akka hin ibsanne taasifamaa akka turan kan dubbattu Aadde Algaanesh, maaliif dubbattan jedhamuunis akka hidhamanii turanillee ni yaadatti.

Warri Albaaniyaa Tigiraay kuniif TPLF kan isaan waldhabuu jalqaban A L I bara 2003 bulchiinsi magaalaa Maqalee magaalaan xiqqoo baadiyaa Higirii Ariibaa [Albaaniyaa] kun akka bulchiinsa magaalaa Maqalee jala galtuuf murtee darbeen walqabateeti.

Yeroo sanattis jiraattonni q'ee sanaa osoo bu'ruuraaleen misoomaa hin guutamiin dura bulchiinsa magaalaa jala galla jechuun didan.

Aadde Algaaneshiifi namoonni biroon ja'a ammoo warra mormii kana dura bu'ummaan qindeessaa turanidha.

Jiraattonni Higirii Ariibaa dubbisne akka jedhanitti naannoon sun akka bulchiinsa magaalaa jala galuuf yeroo murtaa'utti: bishaan, ibsaa, daandiifi bu'uuraaleen misoomaa hin guutamneef ture.

Buufata fayyaa ogeessonni fayyaafi meeshaan barbaachisu hin guutamneefitti ijoollee keenya hin talaalchifnu; mana barumsaa barsiisaafi meeshaan barnootaa barbaachisan hin guutamneefitti ijoollee keenya hin erginu jechuun jiraattonni Higirii Ariibaa mormii karaa nagaa gaggeessaa turan.

Mormii taasisan sanarraan kan ka'e 'mormitoota Albaaniyaa' kan jedhu maqaan ittiin waamaman akka isaaniif moggaafames jiraattonni ibsaniiru.

Aadde Algaanesh erga mana hidhaatii ba'aniin yeroo sanatti paartii mormituu tokkitti jiru kan ta'e Areenaatti makaman.

Filannoo biyyaalessaa waggaa afur dura gaggeeffameen dhaabni kun dhibbaa dhibbatti akka mo'atee ture Boordiin Filannoo ibsuun isaa ni yaadatama.

Tigiraay keessatti Aadde Algaanesha waliin gaaffiin ummataa akka deebii argatuuf mormitoonni sagalee isaanii dhageessisaa turan jala-bultii filannoorratti shorokkeessummaan himatamanii hidhaman.

"Ana dabalatee lafa keenya nurraa hin fudhattan namoonni jenne ni hidhamne" kan jettu Aadde Algaaneshwaggoota sadiitiif ijoolleen ishee mana hidhaatti deddeebiyuun ishee gaafachuuf rakkachaa akka turan dubbatti.

Yaadannoo hamaa kaleessa dabarsiterraa deebiyanii ar'a yeroo yaaddus wanti gaariidha jettu hin jiru; lapheen ishee baayyee gaddaan caba.

"Naannoo keenya bishaan waan hin jirreef adeemsa saatii lamaa deemnee bishaan waraabbanna; ibsaan hin jiru, daandiin ambulaansiif mijataa ta'e hin jiru, magaalee keessa teenyaa namoota wanti hunduu nurraa fagaatedha. Naanoon A L I bara 2003 kufte akkuma kuftetti jirti.

Hanga ammaa bulchaan itti amannee fudhanne hin jiru; jiraatellee hin beeknu.

Qonnaan bultoonni Higirii Ariibaa ar;allee bulchitoota mootummaan naannoo ergu 'dabbaloota TPLF' jechuudhaan garaa guutuudhaan isaan hin simatan.

Namoonni Tigiraay baayyeen haala siyaasaa biyyaa irraan kan ka'een TPLF tiif kan garaa laafan fakkaatanillee warri Albaaniyaa garuu TPLFtiif dhiifama kan godhan hin fakkaatan.

Obbo Mokkonnon Abrhaa [oduu kana keessatti maqaan isaa jijjiirameera] qote bulaahd.

"Bara 2003 keessa mirgi keenya nuu kabajamuu qaba, bu'uraaleen misoomaa nuuf guutamuu qaba jechuu keenyarraa kan ka'e waggoota sadiif ykn waggoota afuriif bulchaan nuuf hin ramadamne ture," jedha.

Jiraataa naannoo Tigiraay

Madda suuraa, Barcroft Media

A L I bara 2008 ji'a Sadaasaa keessa [shorokkeessaadha] jedhamee hidhaan akka itti murtaa'e dubbata.

Ji'oota 14f diida teenyee himannaa nurratti baname hordofaa turree dhumarratti namoonni muraasni waggaa afur kanneen biroo ammoo waggaan sadii itti murtaa'ee hidhamuu isaanii ibsu.

Ijoollee keenya hin talaalchifnu, mana barumsaattis hin erginu jechuun ammoo mormii akkamiiti? Gaaffi jedhu Obbo Mokonnon akkas jechuun deebisu.

Gaaffiin kun garuu waan isaan dheekkamsiise fakkaata. Miidiyaalee TPLF tiif hojjetan dhimmicha akkaataan itti gabaasan wan dogogora tureef malee dubbichi akkas hin turre jechuun ibsu.

"Ijoollee keenya hin talaachifnuu osoo hin taane kan talaalchisuu dandeenyu bulchiinsa duraanii jalatti yoo ta'edha, dhimmi mana barumsaas, yoo maatiin keessan bulchiinsa magaalaa jala gaktaniittu jedhanii mallatteessan isin keessummeessina jechuudhaan rakkoo ofii isaaniitiin uumanirraan kan ta'edha."

Aadde Algaanesh gama isheetiin mootummaan naannichaa talaallii kan jedhu buufata akkamii hojjeteeti? Gaaffii jedhu kaasuun duraan dursa hin talaalchisnu, ijoollee mana barumsaatti hin erginu jedhaniiru jechuun komachuu dura mootummaan naannichaa dhaabbileen kunneen yoom sirriitti dhiyeesse jechuun deebisu.

TPLF gaaffii ani dhiyeesseef deebisuu waan hin dandeenyeef 'paartii koo jijjiireera' kan jettu dubartiin kun dhugaan waan dhibeef TPLF irraa fagaachuuf dirqamneerra jechuun ibsitti.

Mormiiwwan warri Albaaniyaa Tigiraay gaggeessaa turan karaa naga qabeessaan ta'ullee akka jedhanitti garuu dhiibbaan TPLF isaanirraan ga'aa ture itti ulfaatee ture. Yeroo sanatti midhaan qonnaan bultoonni naannichaa walitti qabatanillee gubatee bula ture.

Kun ammoo jiraattota naannoo sanaafi aanga'oota mootummaa gidduutti rakkoo uumee ture. Yaaddoon naannoo sanatti yeroo cimaa dhufe warri akka Aadde Algaanesh gaggeessitoota mormii ta'an yeroo hidhamanitti maatiin diigamee, barattoonni ammoo barnootarraa hafan.

"Yeroo ani hidhame intalli koo barumsa ishee sadarkaa tokkoffaa dhaabdee farsoo gurguraa obbolaan ishee eegaa turte. Hawaasni naannoos o'iruu qotanii, midhaan haamaaf turan. Hundu keenya garuu jijjiirama malee waan biraa hin turre jetti.

Hin milkaa'iin hafe malee bulchiinsa magaalaa jala galuu dubbiin jedhu TPLF fi qonnaan bultoota Higirii Aribaa gidduutti jaarsummaan jaarsoliifi lubootaanillee yaalamee ture.

Aanaa Atsiib Wanbartaa

Dhimmi warra Albaaniyaa, Aadde Algaaneshiifi TPLF kanaan hin dhaabbanne, gara boodaarra itti deebina.

Amma garuu Maqaleerraa Kiloomeetira 50 fagaattee kan argamtu aanaa Atsibii Wanbartaa isin geessina.

Jiraataan aanaa kanaa dubbifne qote bulaan maqaan isaa Hidiroom Hayilesillaasee jedhamu TPLF qabsoo ummata Tigiraay karaa irratti 'ganeera' jedha.

Ilma qabsa'aadha. Umurii dargaggummaa isaattis lola Itoophiyaafi Ertiraa keessatti milishaa ture. Barnootaan ammoo kutaa 10 qaqqabeera.

TPLF, ummanniifi ani tokkodha jedhee amana ture. Amma garuu miti.

Hidiroom TPLF qabsoo ummata Tigiraay karaa irratti ganeera kan jedhuuf amalli dhaaba kanaa osoo Dargiin hin kufiin duraafi erga Dargiin kufe jijjiirameera jedhee waan amanuuf.

ALI erga bara 2001 irraa kaasee amantaa TPLF irraa qabu dhabaa akka dhufe kan himu Hidiroom, ALI bara 2002 keessa Areenaatti makamee tarkaanfii TPLFtiin mormuu jalqabe. Mormii inni jalqabe garuu salphaa hin turre, gatii guddaa isa baasisuu jalqabe.

Mormituu ta'uun isaa yeroo baramutti bishaan jallisuu gara lafa qonnaa isaatti yaa'u namoota 'dabballoota TPLF' jedhuun jalaa cufate. Jireenya hawwaasummaa irraas akka adda ba'uuf loogiin cimaan irra ga'e; dhumarrattis ni hidhame.

Seenaa isaa kana qabatee gara waltajjii miidiyaa hawaasumaatti kan makame Hidiroom, dhiibbaa cimaa namoonni miidiyaalee hawaasummaa fayyadaman biroon taasisaniin bishaan jallisii lafa isaarraatti akka hin yaaneef cufamee ture waggootaan boodas ta'u banameef. Ar'as garuu gaaffileen deebii hin argatiin akka qabu dubbata.

"Hunda caalaa kan na gaddisiisu, haatikoo gara mana amala sirreessaatti waamamtee ilmikee nama Tigiraayiin gane ergamtuu Amaaraadha yeroo ittiin jedhan gadditee arguun kooti," jedha.

Namni haala kamiinillee akka hin gargaarre, awwaalarratti akka hin argamne, mana hidhaattis akka nagaa hin gaafatamneef taasifamee akka ture miira gaddaan ibsa Hidiroom.

Haati isaa diina bobaa jala qabattee jirta jechuun akka dhiphisaa turan kan yaadatu Hidiroom, sababiima kanaanis soddoota isaarrallee adda ba'uu isaa isaaf gadda cimaa akka ture dubbata.

Bakka gara garaa kan jiraatan ta'ullee TPLF mormuun rakkoon warra Albbaaniyaa akka Aadde Algaaneshirra ga'eefi Obbo Hidiromirra ga'e walfakkaata. Karaa hedduu miidhaan qaamaafi qoor-qalbiin irra ga'eera.

"Oduu gidduuttillee yoo nuti itti makamne cal jedhama; amma nuffinee itti dhiifnee ijoollee keenyallee hin dubbatiinaa; yoo rukkutamtanillee boquu keessan gadi qabadhaatii gara mana keessaniitti gala isaaniin jenneerra. Waan ummataa foyyeessuudhaaf yaaliin godhu hin jiru, itti dhiisee jireenyakoon jiraataa jira," jetti Aadde Algaanesh.

Wanti darbe qonnaan bultoota naannoo isaanii akka qalbii soda keessa galan gochuu ibsiti. 'Obboleessa abaluudhaam' jedhamaa jireenya hawwaasummaarraa adda baaneerra kan jedhan Obbo Mokonnon haqniifi jijjiiramni hanga argamutti qabsoon taasifamu gatii akka baasisu dubbata.

Ammallee paartiin naanno Tigiraay bulchu TPLF fi miseensonni isaa bulchitoota ummataati jechuudhaan warri Albaaniyaa kan garaa isaanii garaatti qabatanii callisuu waan filatan fakkaatu.

Gama biraan ammoo Finfinnee 4 Kiilootii dhiibamee Maqalee buufatee kan jiru TPLF hunduu qalbii ummata Tigiraay deebifachuudhaaf kufee ka'aa kan jiru fakkaata.

Albaaniyaan warra Tigiraay TPLF'f dhiifama gooteettii?

Itoophiyaan adeemsa jijjiiramaa keessa kan jirtu taatullee tasgabbii dhabuun asiis achiis ishee raasaa jira.

Akka Adda tokkootti kan turan paartileen miseensota ADWUI waliigaltee dhabuu isaaniirraa kan ka'een mootummaa federaalaafi naannoo Tigiraay gidduu mormiin jirus rakkoo biraadha.

TPLF yeroo ammaa kana mootummaa federaalaa akkasumas naannoo Amaaraa 'humnoota alaa' jechuudhaan akka yaaddoo naannoo Tigiraay ta'anitti kaasaa jira.

Haata'u malee, kun ammoo dadhabbii isaa kan darbe tooftaa ittiin dhokfatudha jechuun kan qeeqannis hedduudha.

"Ummanni kun obsa qabeessa waan ta'eef malee, rakkoo inni baate salphaa mit," jetti Aadde Algaanesh. TPLF maqaa dhiifamaatiin jiraatas jetti.

"Yeroon ammaa kun dukkana waan ta'eef bari'uu danda'a jechuun waan hunda garaatti qabannee teenya. Bakka biraatti manniifi qabeenyi gubateera jechuun ni dhageenya; kun nu birattis akka hin uumamneef tasgabbiidhaan qajeelchaa jirra.

Dhaaba kanaaf yaadnee osoo hin taane ofii keenyaaf yaadneeti…"

Namni ol adeemu waan akkasii argaa akka guddau hin barbaadu, isaanis wanta darbe odeessaa jiraachuu hin filatan. "Dhaloonni haaraan mata-duree mataa isaa uumee akka darbuuf barbaanna malee TPLF waliin waldhabee okkaraafi walitti bu'insi akka ka'u hin barbdanu," jedhu.

Tigiraay keessa haqa kan jedhu hin jiru kan jedhan Obbo Mokkonnon gama isaaniitiin, haalli amma keessa jirru bulchiinsi Tigiraay akkas nu godheera jechuudhaan "naannoo keenya balaaf kan itti saaxillu miti" jedha.

"Waan darbeef nama mufatu miti; Tigiraaf dhiigni hedduun dhangala'ee lafeen baayyeen caccabeera. Kun ammoo nama kamiiniyyu akka sarbamuufi dhiitamuuf hin hayyamnu. Haqni yoo dhibellee Tigiraayiin ni eegganna; herrega TPLF waliin qabnu booda waliif baafna."

"TPLF amma Tigiraayiif nan hojjedha yoo jedhe maaliif amma gara galee nu hin ilaallee? Maaliif rakkoo keenya hin furree?

Siidaa qabsaa'ota Tigiraay

Madda suuraa, NICHOLE SOBECKI

TPLF kaleessaa

Lafti Tigiraay TPLF'n kunuunsee guddiseera. Erga hundeeffamee waggoota 45 kan lakkoofsise TPLF, sirni adeemsaan ijaaramu dimokiraatawaafi haqa qabeessa ta'a kan jedhu abdii namoota hedduufi waandaa dhaabbatichaas ture.

Haata'u malee, TPLF gammoojjii keessa bahee "erga gara aangootti dhufee booda kaayyoo isaa dagateera" jechuun miseensonni dhaabichaallee osoo hin hafiin kan qeeqqan hedduudha.

Kan bitaafi mirgaatti asiifi achi raafamaa jiru siyaasni Itoophiyaas taanaan, ummanni Itoophiyaa waggoota darban keessa jibbinsa TPLF irratti horateen abaaree kufaatiifi du'uu isaa hawwuun TPLF'n gara Maqaleetti erga gaggeessee amma waggaa lama guuteera.

Ministirri muummee gara aangootti erga dhufaniin booda daawwannaa Amboofi Jijigaatti taasisaniin booda gara Maqalee deemuun ojiraattotaaf haasaa taasisan keessatti tokkoo tokkoo dubbii isaaniitiif jiraattonni kunneen harka reebaafii akka turan kan dagatamu miti.

Yeroo sanatti ummanni Tigiraay TPLFn miidhame gaggeessaa haaraa argachuu isaatiin ba;aan koo naaf salphata jechuun abdatee ture. Abdii ture garuu baayyee hin deemsifne. Boodarra tarkaanfii ministtirri muummichaa fudhatan ilaalchisee gammadoo hin turre.

Yeroo ammaa MM gara Tigiraay deemuun waan yaadamu hin fakkaatu; osoo haasaa taasisuu danda'aniillee haasaan isaanii deggersa akka hin arganne tilmaamuun ni danda'ama.

Harka walitti rukutuun hamilee kennuu duraan ture sana akka hin taane garuu ifatti ni beekama. Miidiyaaleen biyyattii keessa jiran wanta 'sarbamuu mirgoota namoomaafi malaammaltummaa saaxiluuf jedhame' dokumentariin 'warra afaan Tigiree dubbatu' kan jedhu waan dhageessisaniif ummata Tigiraay dallansiiseera. Haalaa akka qabatanis godheera.

Deebiyee Tigiraayiifi ummata Tigiraay boolla itti dhokatu kan godhate TPLF, yakkawwan biyyattiirratti raawwatameef qophaa koo hin gaafatamu jechuudhaan Tigiraayiin garuu waanan balleesseef nan deebisa jechaa jira.

Ummannilleen fudhatamni isaa laafee kan ture TPLf'f deebiyee kan garaa laafeef fakkaata.

"Kun hunduu, yaaddoon biyyattii keessa jiru uume malee TPLF itti tolee jennaan miti," kan jedhu maqaan isaa akka eeramne kan barbaadu xiinxalaan siyaasaa tookko, deggersa TPLF ar'a Tigiraayitti argate "waan itti fufudhaa?" kan jedhurratti mirkaneeffachuuf nama rakkisa jedha.

Tigiraay keessatti qabsoo naga qabeessa taasisuun rakkisaa akka ta'e kan himu Hidiroom, waggoota lamaan darban keessa keessatti mootummaa naannoo Tigiraay keessatti jijjiiramni xiqqoon jiraatus, ammas taanaan uti haala barbaadnuun deemnee yaada keenya garu ibsataa hin jirru.

"Ta'us garuu, yoo xiqqaate poolisiin dhufee nu hin hidhu, gabaa keessattis namni nu hin baqatu.

Pirezedaantiin Itti-aanaa bulchiinsa naannoo Tigiraay Doktor Debretsihon Gabremikaa'el dura ta'aa TPLF.

Dhaabbanni isaan gaggeessan kun gaaffii ummata deebisuudhaafis ta'e dirree siyaasaa foyyaa'aa ta'e uumuudhaaf akka hojjetan waltajjii gara garaarratti dubbatanii turan.

Haalli dhaabbatichaa kan duraan turerra foyyaa'aadha jedhamullee, TPLF bifa waara'aa ta'een yaadee furmaata kaa'aa jira jedhamee hin amanamu.

"Dhaabbatichi sassaabbatee dhufullee dhumni isaa garuu eessadha? Kan jedhu baruun rakkisaadha kan jedhu Hidiroom, haala siyaasaa biyyattii keessa jirutti qabachuudhaan faayidaa dhuunfaa isaatiif soda ummata irratti uumaa jira," jechuun soda qabuibsa.

Dhuguma biyyattii kana keessatti hundinuu TPLF balleessuu ni barbaadaa? Ykn Paartii biyya bulchaa ture itti gaafatamaa gochuu barbaadu? Kan jedhan ifa ta'uu qaba.

Humni nu balleessuuf dhufu yoo barbaade, kan mana keenya eeggatu numadha. Haata'u malee, diinni kee sitti dhufe, marfamteetta jechoota jedhan fayyadamanii jijjiiramni dhufu, tokkummaan uumamus waan hin jirreef TPLF adeemsa isaa sirreeffachuu qaba, jechuun yaada isaa xumura.

Dhumarrattis Hidiroom qabsoon nagaa haaloo qabachuu waan hin barbaachifneef TPLF itti hin qabamu jedheera.

TPLF dhimma kanarratti maal jedha laata? Jechuun bakka ka'umsa seenaa taate aanaa Indertaatti deebinee Itti-gaafatamaa Waajira TPLF Obbo Taaddem Alemiin arganne.

Obbo Taaddem Alem nama TPLF mormuus ta'e gaaffii dhiyeessu irratti miidhaan hin taasifamne jedha.

"Waa'ee seenaa darbee qonnaan bultoota kanan beeku hin qabu, naannoo kanaaf haaraa ta'ullee odeeffannoo akkas jedhamu hin qabu. Walumaa galatti garuu, kan seeraan ala ta'e seeratu gaafata malee mormaa waan ta'eef dhaabni hidhuufi garafu miti," jedheera.

Yeroo kana keessa seenaa akkasii kana kan namoonni kaasan akka sadarkaa biyyaatti duula maqaa balleessii taasifamaa jirurraa adda baasee hin ilaalu kan jedhu itti-gaafatamaan kun, "TPLF dhaaba yaadaan qabsaa'udha jechuun dubbate.

"Namni tokko sababii gaaffii kaaseef ykn mormituu sababii ta'eef hin hidhamu. Direen qabsoo karaa dimokiraatawaa ta'e banaadha"

Haata'u malee, TPLF haaromsa gadi fagoo yeroo darbe gaggeesseen, amala karaa farra dimokiraasii ta'e agarsiisaa turuu isaa amaneera.