Qabsooftuu duraanii yeroo ammaa Maqaleetti akaayii gurguraa jiraattu, ''Kanaafin qabsaa'e?''

Qabsooftuu ABUT baratanii digirii qabaniifi yeroo amma daandiiwwan magaalaa Maqalee irratti akaayii gurguruun jiraatan
Ibsa waa'ee suuraa, Qabsooftuu ABUT baratanii digirii qabaniifi yeroo amma daandiiwwan magaalaa Maqalee irratti akaayii gurguruun jiraatan

"Hojiikoorraa na ar'an, na hidhan: Amma akaawwii gurguraan jira; kanaaf garuu hin qabsoofne, Qabsooftuu ABUT Birhaa Atsibhaa

Qabsoo ummanni Tigiraay taasiseen dubartoota nagaafi dimokiraasii ummataa mirkaneessuuf waraanatti makaman keessaa tokkodha Aadde Birhaa Atsibahaan. Qabsootiin booda yaalii of ga'oomsuudhaaf taasisaniin barnoota hanga digiriitti baratanis, yeroo ammaa kana daandii Maqaleerra akaawii ocholoonii gurguruun jiraatu.

Waldaa dubartootaa qabsaa'ota Tigiraay hundeessuudhaan warreen qabsoo keessatti hirmaatanii umuriin deeme gargaaruuf yaalanis aanga'oonni Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) maqaa balleessuu, hidhaafi hojii irraa akka ar'itaman taasisuu dubbatu.

Kun akkamitti ta'e? BBC Afaan Tigreen dhimma kana iyyaafateera.

"Akka tasaa agartuunkoo ni jaame, ijikoo lamaanuu dhiiga boo'u ture"

Qabsooftuun kun osoo kutaa torba barattuu ture barnootashee addaan kuttee kan qabsoof ABUT'tti makamte.

Yeroo qabsoo leenjii fudhatteen, kutaa 011 jedhamu Ciillaa, Shiraaroofi bakkeewwan birootti daa'imman maatii isaanii sababa waraanaan dhaban barsiisaa turte; haadha taates kunuunsaa turteetti.

Birhaan yeroo qabsoo keessa turtetti waraana Adda Shiraarootti 'waraana torbeffaa' jedham irratti du'a qarqara geessee akka hafte dubbatti.

"Gammoojjii Harkokuwaay jedhamu keessattin akka tasaa agartuukoo dhabe, garaankoo na bokoke, ijikoos dhiiga boo'an. Hiriyyoonnikoo gidiraa keessa ta'aniis duulli sun hanga dhumutti baatii sadiitiif sireetti na baatanii deemaa turan. Yeroo sanatti osoon hallayyaa bu'ee jedhee hawween ture. Jaalalaafi kunuunsa jaallewwaniirraa kan ka'een wal'aanamee fayyeera. Mudannoo sana nan yaadadha; gidiraa narra ga'es danda'eera," jetti.

Kaayyoo uummataaf jaalleewwan ishee waliin umurii dargagummaa ishee qabsoodhaaf aarsaa kan goote dubartiin kun hanga Dargiin kufutti qabsoon hadhaa'aa akka ture ni yaadatti.

Qabsoo sanaa booda garuu kaayyoon qabsoo sanaa maal ture? Kan nama jechisiisuufi namatti hin tolle akka uumame ni dubbatti.

Mootummaa Ce'umsaan booda 'Diimobilaayiz' kan taate Birhaan, Birrii ji'atti isheef kennamu 270n barnoota kaayyoo uummataaf jettee addaan kuttee turte itti fuftee hanga kutaa 12 baratte.

"Birrii xiqqoo naaf kaffalamuun akka haadhaafi abbaatti ijoolleekoo lamaan guddisaa, rakkoo jireenyaa na mudate danda'uudhaan baradheen bara 1991 kutaa 12 xumure," kan jettu Birhaan marsaa lama akka gidiraa argitu kan ishee taasise hubchuudhaan jireenya ishee jijjiiruuf filannoon barumsa qofaa ta'uu hubattee bara 2000 A L I'tti Afaaniin Dippiloomaa, bara 2005 A. L. I 'tti ammoo Manaajimantiidhaan Digirii jalqabaa argatteetti.

Bara 2006 A. L. I barnoota eebbifamteen Biiroo Galii Tigiraay ji'atti Birrii 4085 isheef kaffalamee hojii yeroo jalqabdetti jireenyi ishee akka jijjiiramu taasiseera.

Qabsooftuu Birihaa Atsibahaa

Madda suuraa, BIRHA ATSIBEHA

Ibsa waa'ee suuraa, Qabsooftuun kuni barnoota kutaa 7ffaa addaan kutuun bara 1973 qabsoo waraanaatti seente

Jireenya dhuunfaashee foyyeeffattee garuu callisuu hin barbaanne ture. "Qabsooftuun beeloftu jiraachuu hin qabdu" ka'umsa jedhuun, hiriyyootashee fedhii qaban waliin ta'uudhaan dubartoota qabsoorra turan jireenya mo'achuudhaaf jecha farsoo naquu, hojii humnaa hojjechuutti bobba'aniifi rakkoo keessatti kufan gargaaruudhaaf 'Waldaa Qabsaa'ota Dubartoota Dulloomoo ABUT' kan jedhu hundeessite.

Waldaan kunis miseensota dubartoota qabsaa'ota ABUT 300 ta'an qabatee Biiroo Haqaa naannichaarraa hayyama argatee hundeeffame. Hundeeffamni waldichaa namoota hedduu biratti fudhatama argatee hundumtuu akka ga'ee isaanii gumaachan ta'ee jajjabaatee ture.

Waldichi yeroo hundeeffamu waajira ABUT irraa Obbo Iyyaasuurraa xalayaan deggersaa kennameeraaf. Waltajjii galii walitti qabuu isa jalqabaarraa guyyaa tokko qofaa keessatti Birriin miliyoona 1.5 akka isaaniif kennamu waadaan galameef.

"Ummanni Maqalee gammadaa waan tureef jabaadhaa jechaa ture, Birriin hedduunis sasaabameera. Mootummaan naannichaallee Birrii kuma 500 nuuf kennuuf waadaa galee ture. Waltajjiin sun qabsaa'onni baadiyyaarraa, afiroo isaaniifi uffata qabsoo isaanii uffatanii waan dhufaniif adda ture," jechuun waltajjii baatii sadii itti dhamaate ni yaadatti.

"Imala gara Finfinnee dubbii fide"

Waltajjii Maqaleetti gaggeeffamee galiifi gargaarsa abdii qabu sassaabuun booda, gaggeessitoonni waldichaa waltajjii lamaffaa qopheessuuf gara Fifinneetti qajeelan. Kan Finfinnee garuu akka yadame hin taane. Waltajjiin Teeleetoonii gaggeeffamuudhaaf ture waajira ABUT damee Finfinneetiin dhowwame," jetti qabsooftuun kun.

"Waltajjii sana qopheessuuf waan dhuwwamneef maaliif akka dhowwamne nama biraa waliin gara waajira ABUT deemnee gaafanne. Deebii quubsaa hin arganne, waltajjii yaadnes hin qopheessine," jechuun gara Maqaleetti akka deebiyan dubbatti.

"Kun kan isin hojjetan miti cufneerra"

Akka gara Maqaleetti deebiyaniin gara Waajjira ABUT deemanii maaliif dhorkamne jechuun Wajiricha keessa kan hojjetaa turan Obbo Iyyasuu Tasfaay, (yeroo ammaa kana ammoo Godina Giddu-galeessaa kan bulchan) gaafannaan, 'Pirojektichi kan isin hojjettan miti, cufneerra' akka ittiin jedhan dubbatti.

''Kan Obbo Iyyaasuun garuu akka isaan jajjabaataniif xalayaa deggersaa kennineef malee isaan hin dhorkine kan jedhu sobadha," jetti.

Eeyyama Waldaa Qabsaa'ota Dubartoota Dulloomoo ABUT Biiroo Haqaa Tigraay irraa eeyyama kennamef

Madda suuraa, BIRHA ATSIBEHA

''Pirojekticha addaan kutaa nuun jedhanis, pirojektii ijoolleen keenya bilisaan nuuf qixeessan hin dhiifnu jennee, 'kan paartiiin hojjechuu malee hojjenne waan ta'eef jabaadhaa nuun jechuutu male yeroo jennutti hoji-gaggeesitootaafi anga'oota paartii gidduutti walmormiin uumame jetti Birhaaan.

"Waldhabdee uumame kanaan Birhaan miseensa paartii Areenaadha jechuun duula maqaa balleessuun miseensota waldichaa gidduutti walqooduun uumame. Yeroo miseensa Areenaadha naan jedhan nan na'e, wanta ani hin taaneen waan maqaakoo guraachesaaniin nan boo'e," jetti Birhaan.

Kaayyoon duraa waldichaa qabsaa'ota dubartoota gargaarudha isa jedhu waan hin fudhanneef, "Maaliif qabsaa'ota dubartoota ABUT jettan; maqaa jijjiiraa," akka ittin jedhan yaadatti Birhaan. Isaan garuu "Qabsaa'ota ABUT mitii nuti? Yoos nuti qabsaa'ota Dargiidhaaree?" jechuun akka gaafatan yaadatti.

Boodarra ammoo maallaqa waldichaa balleessitaniittu jechuudhaan miseensota waldichaa ari'achuudhaan waldicha keessaa akka ishee baasanis ni dubbatti.

Birrii kuma 500 kaazinaa ABUT'tti galii ta'e

Galii waltajjii Maqaleetti qophaa'erraa argame Birrii miliyoona 1.5 keessa kumni 500 kan waajira pirezedaantii naannichaarraa waadaa galamedha. Haata'u malee, namoonni waajira ABUT jiran nuun dhowwachuudhaan osoo nuun hin beeksisiin akka kaazinaa isaanitti galii ta'u taasisan jetti.

Kanaafis, mootummaa naannoorraa akka gara waajira ABUT'tti galii ta'uuf xalayaa barraa'es akka ragaatti dhiyeessiti.

Qabsooftuun kun dhimma kana akka hubatteen, nama xalayaa sana barreesse bira deemtee kan dubbiste yommuu ta'u "hoggantoota kootiin ajajameen akka ishee jedhe," ni yaadatti.

"Ragaaleen kunneen akka harka koo keessa jiru baranii na hidhanii na aarsan, hojiikoorraas na ar'ian," jechuun gidiraa isheeraan ga'aa ture dubbatti.

"Hojiikoorraa na ar'ian, na hidhan"

"Erga abbaan manaakoo du'ee booda ijoollee waanan qabuuf hidhannoon qaba ture mootummaaf kanan deebise ta'ullee: 'hidhannoo qabdu galii taasisi' jedhanii na hidhan."

Birrii kuma 200 hattee biyya alaatti baduudhaaf jechuun sobaan na himatan, manni murtii garuu wabii birrii kuma 10 qabsiisee akkan ba'u na taasise. Manni murtii wanticha qulqulleeffatee bilisa naan jedheyyu, dhimmicha gara farra malaammaltummaa geessuudhaan malaammaltummaadhaan na himatan.

Farri malaammaltummaas bilisa naan jedhe, kan jettu Birhaan ta'e jedhanii anaan miidhuudhaaf dabaa hojjetanidha jechuun BBC'tti himti.

Yeroo ammaa kanatti hoji-gaggeessituun waldichaa Aaadde Zawuduu Gabiruu garuu murteen komishinichaa sirrii akka hin taane ibsu.

"Waldaan keenya murtee sana hin fudhatu. Komishinichi himannaa nuti dhiyeessine ilaaleera jennee hin amannu. Waldichadhamoo Aadde Birhaadha kan caalu? Komishinichaaf komii dhiyeessinee turre," jedhan.

Yeroo ammaa kana gaggeessitoota haaraadhaan kan hogganamaa jiru waldichi, galii waltajjii jalqabaa irraa walitti qabameen alatti waltajjii kan biraa hin qopheessine. Waldichi maaliif akka itti qabbanaa'e Aadde Zawuduu gaafannee turre.

"Yeroo ammaatti naannichaafi dhaabicha wantonni yaachisan waan uumamaniif suuta jennee ilaalla," jechuun deebisan.

Dhimma kana waliin walqabatee kan maqaan isaanii ka'uuf hogganaa Godina Giddu-galeessaa kan ta'an Obbo Iyaasuu Tasfaay ammoo: "Waldichi bilisa waan ta'eef komiiwwan ka'an irratti wantan beeku hin qabu. Hundumtuu sobadha. Nuti hanga dandeettii keenyaatti gorsaafi gargaaraa turreerra. Waajira ABUt ta'e ana dhimmi waldichaa keessa gallee kana godhaa, kana ammoo hin godhiinaa hin jennu," jedhan.

Waa'ee jireenya dhuunfaa Birhaaniifi waa'ee waldichi maqaa jijjiirachuu akka hin beeknes dubbataniiru.

Hojii gaggeessituu waldichaa Aadde Zawuduu Gabruu(bitaa)fi Qabsooftuun Leterfi'eel Tasfaay (mirga)
Ibsa waa'ee suuraa, Hojii gaggeessituu waldichaa Aadde Zawuduu Gabruufi Qabsooftuun Leterfi'eel Tasfaay

Karaa waajjira pirezidaantii naannoo Tigiraay waldichaaf akka kennamuuf Birrii miliyoona walakkaa waldichaaf akka kennamuuf waadaa galame dhoksaadhaan waajira ABUT'ttiif kennamuus gaafannee turre.

"Akkataa seeraan maallaqni mootummaa irraa paartiif hin galu; yoo galeefis dogoggoradha. Namoota ABUT ta'an faayinaansii hojjetan gaafachuun ni danda'ama. Walumaa galatti wanti jedhamaa jiru maqa balleessiidha. (BBC Tigirinyaa xalayaa Waajira mootummaa naannoo Tigiraayirraa akka maallaqni sun waajira ABUt tiif galu ajaje dubbiseera.)

Waldicha giddutti walqooduu uumameen kan keessaa baate Qabsooftuun Leterfi'eel Tasfaay gama isheetiin: "Waldichi hundeeffamuun mootummaafi paartichaafis kan gargaarudha ture. Haata'u malee, gidduu seenuudhaan waldicha waan dadhabsiisaniif miseensummaa keessaa of baaseera," jetti.

Kan Qabsooftuu Birhaa Atsibhaarra ga'es, "Hojii badaa aanga'oota ABUT keessa jiran," kan agarsiisudha jetti.

Haadha Digirii akaawwii gurgurtuu

Barnootaanillee kan of aangessiteettu Birhaan Atsibihaa karaan hunduu yeroo itti cufatutti daandii Maqaleerra akaawwii gurguruun jireenya gadadoo jiraataa jirti. "Maallaqa dhabukooraa kan ka'een intallikoo barnoota kollejjii waggaa lamaffaa keessa dhaabuuf dirqamteetti," jechuudhaan jireenya ishee hangam hammataa akka ta'e ibsiti.

Daandii Maqaleerratti yeroo akaawii gurgurtu, dur garuu uffata qulqullaa'aa uffattee borsaashee qabattee yeroo deemtu ni mullatti ture waan ta'eef keessoon ishee akka gaddu dubbatti.

"Waldaan waan gaarii yaaduun ijaareef hanga ammaatti wantan hin beekneen miidhamtuu ta'eera. Maqaakoo gurraachesan, hojiikoorraa akkan a'riamu, darbees akkan hidhamu ta'eera. Yeroo ammaa akaawii gurgureen jireenyakoo wal'aansoo qabaa jira. Kanaafidhaa kanan qabsaa'ee?" jechuun gaafatti.

BBC'n itti-gafatamaa waajira ABUT argachuudhaaf yaaliin irra deddeebiyee taasise hin milkoofne.