Naannoo Tigraayitti dargaggoonni 'hiriira seeraan alaa gaggeessuuf turan' jedhaman himatamuuf

Dargaggoota naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti seeraan ala hiriira mormii waamuuf turan jedhaman sagal irratti guyyaa torba booda himati banamuuf.
Ega dargaggoonni kunneen to'annoo seeraa jala oolanii eegalee, poolisiin qorannoo taasisaa ture xumuruusaa kaleessa, Kamisa (Hagayya 13, 2020) mana murtiitti beeksisuun, abbaan alangaa akka himata banuuf ragaa ergeeraaf.
Manni Murtii magaalaa maqaalee kan dhimmi dargaggoota kunneenii itti ilaalamu, akka dargaggoonni salganuu mana hidhaa turan ajajeera.
Mootummaan Naannoo Tigraay akka kufuuf ergaa kakaasu qabattanii argamtaniittu jedhamuun kan hidhaman dargaggoonni kunneen, kaleessa yeroo sadaffaaf mana murtiitti dhiyaataniiru.
Dargaggoonni kunneen guyyaa 46 dura, jalqaba ji'a Adoolessaa, magaalaa Maqalee addababayii duratti ba'uun, ergaa fonqolcha mootummaa of keessaa qabu qabatanii, eyyama malee hiriira waamanii to'ataman jedha poolisiin.
Yogguu sana sa'aatii 48 keessatti mana murtiitti dhiyaatanii turanillee, poolisiin qorannoo hin xumurre jechuun yeroo dabalataa osoma gaafatuu kunoo guyyoota 46 mana hidhaatti dabarsan.
Daraggoonni kunneen wayita mana murtiitti dhiyaachaa turan, dhaddacharratti namni kamuu seenee taajjabuuf hin iyyamamne ture.
BBCn namoota dhimmi isaanii ilaallatu dubbisee akka hubatetti, poolisiin qorannoo hunda xumuree ragaa harkaa qabu abbaa alangaatti dabarseera.
Guyyoota torba booda himati akka irratti banamus barameera.
Dargaggoonni kunneen garee 'Fanqil' jedhamuun hidhata kamuu akka hin qabnee fi garechis kana dhugaa bahuu BBCn adda baaseera.
















