Naannoon Tigraay paartileen siyaasaa fillannoo irratti hirmaatan akka galmaa'aniif waamicha dhiyeesse

Dubartii sagalee kennaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Komishiniin filannoo naannoo Tigraay paartilee siyaasaa fi namoota dhuunfaa filannoo kanarratti hirmaachuu barbaadaniif waamicha dhiheeesseera.

Dhiheenyatti kan hundaa'ee komishiniin filannoo naannoo Tigraay filannichi dhuma ji'a Hagayya keessa ni taasisa jedhamee eegama.

Haaluma kanaan qaamoleen filannoo kanarratti hirmaachuu barbaada hundi dhihaatanii akka galmaa'aniif waamicha godheera.

Kanaanis paartileen siyaasaa fi namoonni dhuunfaa filannicharratti hirmaachuu barbaadan guyyaa boruu ( Adoolessa 28) irrraa kaasee hanga Kamisa (Adoolessa 30)'tti galmaa'uu akka danda'an Obbo Muluuworq Kidaan Maariyaam BBC'tti himaniiru.

Komishiinichi paartileenii fi namoonni filannicharratti hirmaachuu barbaadan akka galmaa'an ifa godhuun cinatti filannichi yoom akka tasifamuu fi dhimmoota birootti wanti ifa godhe hin jiru.

Filannichi yoom akka taasifamuu paartilee fi namoota filannoorratti hirmaachuuf galmaa'an waliin mari'atanii akka murteessan Obbo Muluuworq ibsaniiru.

Komishinichi paartileen siyaasaa akka galmaa'aniif waamicha dhiheessun cinatti ulaagaalee galmeef barbacahisan maal fa'a akka ta'an hin ibsne.

Filannoo naannoo Tigraay kanarratti paartileen hirmaachuu barbaadan akkuma jiranitti paartilee hirmaachuuf fedhii hin qabnes jiru.

Paartilee filannoo kanarratti ni hirmaanna jedhan keessaa: TPLF, Saalsaay Woyyaanee, Baayitoonaa fi Dhaaba Bilisummaa Tigraay jedhamaniidha.

Kanaan faallaa immoo paartileen Aranaa Tigraayii fi Paartiin Dimookiraatawaa Tigraay isaan filannicharratti hirmaachuuf fedhii hin qabnedha.

Filannoo kana geeggessuuf rakkoo maallaqaa fi meeshaalee barbaachisoo ta'an dhiheessuun cinatti filannicha taasisuuf yeroon jiru ji'a tokko kan hin caalle ta'uusaatiin qophiilee dursanii taasisuun rakkisaa waan ta'uuf filannicha yeroo gabaabaa kanatti taasisuun rakkisaa ta'uu mala jedhamaa ture.