Magaalaa Maqaleetti hiriirri mormii miidhaa saalaa dubartoota irra gahu mormuuf yaadame dhorkame

Madda suuraa, KIDANEMARIAM BERHANE
Naannoo Tigraay Godina Kaaba Lixaatti torban darbe qondaaltonni gamaaggama erga taasisan booda dubartoonni sadii miseensa poolisii tokkoon haleellaan nurratti raawwateera jechuun dubbatanii turani.
Miseensi poolisii magaalaa Aaddi Daa'iro kan ta'e tokko dubartii tokko gudeeduun himanni kan irratti dhihaate yoo ta'u dubartoonni kaanis nama kanaan haleellaan akka irratti raawwate ibsanii turan.
Dhimmi shakkamaa kanaa hanga qulqullaa'utti wabii qarshii 6,000'n akka gadhiifamu ta'un isaa mormii kaasee ture.
Boodarras shakkamaan to'annoo jala hin oolle jechuun A.L.I Fulbaana 28 bara 2012 ummanni magaalichaa hiriira bahee mormii isaa ibsatee ture.
Yeroos dhimma ta'e irratti BBC'f deebii kan kenne Komishiniin Poolisii Tigraay shakkamaan to'annoo jala ooluu isaa ibsuun ''himannaa kan bante dubartii tokkodha, Dhimmi itti himatamanis kan mirga wabii dhorku miti,'' jedheera.
Kanaanis shakkamaan wabiin gadhiifame dhimmichi qorannoorra akka jiru beeksisee ture.
Kana hordofees Dilbata dhufu haleellaa dubartoota irratti raawwatu mormuun hiriirri nagaa magaalaa Maqalee keessatti isa taasifamuuf jedhu bulchiinsi magaalatti dhorkuun isaa dhagahameera.
Hiriira kana koree qindeessu keessaa tokko kan ta'an Dr Heelan Tewoodiroos ''Nuyi dhimmi kuni ni ilaallata namoonni jennu mallattoon keenya kan irra jiruufi hiriira taasifamuf itti-gaafatamummaa fudhanna jechuun xalayaa barreessinee gara bulchiinsa magaalaa Maqalee deemne,'' jechuun dubbatu.
Akka Dr Heelan jedhanitti yeroo dhaqanii qondaaltota dubbisan qaama mootummaa yoo ta'e malee sadarkaa namoota dhuunfaan hiriirri nagaa taasisuu akka hin dandeenye itti himuun akka dhorkame itti himan.
''Miidhaan saalaa dubartoota irratti gahu yeroodhaa yerootti dabalaa jira. Wanta Aaddi Daa'irootti raawwate kaasun ni danda'ama,'' jedhu Dr Heelan
''Shakkamaan wabii birii 6,000'n gadhiifame. Sanuu miseensa poolisii kan ta'e. Seenaa namoota baay'ee beekna. Shakkamtoonni qarshii xiqqaan gadhiifamu. Kanaafis mootummaan xiyyeeffannoo gahaa itti kennaa hin jiru,'' jechuun himatu.
Sababa kanaanis, dhimmichi nu ilaallata jechuun namoonni ogummaa garaa garaa irra walitti dhufan waan raawwate mormuuf kan kaka'an.
Dhimma kana irratti kan gaafanne Itti - gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Maqalee ''hiriira nagaa taasisuuf qaama gaaffii dhiheesse hunda kessummeessuun hin danda'amu. Kaayyoon isaa baramuu qaba,'' jedhaniiru.
Obbo Girmaay hiriira nagaa taasisuuf kanneen gaaffii dhiheessan xalayaa irratti chaappaa dhaabbata bu'uura seeraa qabu akka fidan itti himne malee hin dhorkine jedhu.
Xalayaan koreen hiriira gochuuf dhiheessellee chaappaa hin qabu jechuun BBC'tti himaniiru.
Dabaluunis, dhaabbilee sivilii yookiin xalayaa deeggarsa mootummaa qabu dhiheessuu qabu jedhaniiru.















