Dr Taaddasaa Leencoo: Filannoon Tigraay "balaa guddaa federeshinii Itoophiyaarratti aggaamame"

Dr Taaddasaa Leencoo (PhD)

Madda suuraa, Dr Tadese Lencho

Naannoon Tigiraay addatti filannoo gaggeessuuf Fulbaana 09, 2020tti beellamachuun atakaroo siyaasa jabduu naannoo Tigiraay fi mootummaa federaala gidduutti uume.

Filannoon beekamtii ykn bu'uura heeraa qabachuu fi dhabuunis ogeeyyi seeraa gidduttis garaagarummaa yaadaa uumera.

Ogeessi seeraa Obbo Barihuu Tawaldabirhaan mootummaan federaalaa koronaavaayirasii akka sababaatti gargaaramuun heerri mootummaa hiikamuu danda'u bakka hin jirretti akka hiikamu taasisuun filannoo dheeressuun ijaarsa sirna dimokiraasii diigaa, filannoon filatamu qaba jedhanii falmu.

Ogeessii seeraa yuunivarsiitii Finfinnee Dr Taaddasaa Leencoo garuu filannoon naannoo Tigraay kun 'balaa guddaa federeeshinii Itoophiyaarratti aggaamame' jedhu.

Addatti filaannoo gaggeessuun heera biyyatti akka humnaan diigutti lakkaa'an.

Naannooleen miseensa federeshinii Itoophiyaa keessa amma jiranitti hundisaanii heera biyyattii kabajuuf kabachiisuu qabu jedhu Dr Taaddasaan.

"Abbuumti fedhe ka’ee, lakki ani waanin fedhen godha kan jedhamu miti. Federeeshiniin dura kabaja heeraarra jalqaba, kanaaf akka yaada kootti naannoon Tigiraay heera mootummaa ifatti cabseera."

Filannoo ofisaatii gaggeessuu hin danda’u, kuni aangoo naannoos miti jedhu.

Manni maree federeeshinii Itoophiyaa filannoon naannichi gaggeessu "akka hin gaggeeffamnetti lakkaa'ama, beekamtii hin qabu, hojiirras hin oolu" jechuun murtee dabarseera.

Mootummaan Naannoo Tigraay akkasumas ogeeyyiin seeraa filannichi godhamuun sirriidha, bu'uura seeraas qaba jedhan 'mirga horee ofii ofiin murteeffachuu' kaasuun falmu.

Dr Taaddasaa Leencoo garuu naannoon hundumtuu murtee heera mootummaa bu'uura godhatee mootummaa federaalaan darbu kabajuu qabu yoo isaaniif hin liqimfamnellee jedhu.

Lakkii naaf hin liqimfamu seera sana nan cabsa jechuun olaantummaa heeraa diiguudha jedhu.

"Naannoo Tigiraay seera jala galchuun dirqama"

Balaan kun kan Tigraayi fi federaalaa qofa otoo hin ta’iin, balaa naannoolee adda addaarratti aggaamame jedheen yaada jedhu Dr Taaddasaan.

"Maaliif yoo jette, Tigiraay heera cabsitee yoo akkanumatti bira darbine dubbiin cimaa adeema, maalifu hundumtuu seera cabsuu jalqaba jechuudha."

"Federaalaas ta’e naannoon heera yoo cabse boru kan isa caalutu dhufa. Kanaaf adabuun dirqama. Mootummaan federaalaa polotikaan humna qabaa, hin qabuu ani hin beeku."

"Garuu heerri kun wabii sabaaf sab-lammii biyya sana keessa jiraataniiti. Heerri kun dawoo isaaniiti, gareen tokkoo gurmaa’ee labsii kana hin kabajuu yoo jedhe sirrii ta’uu hin danda’u."

Wal dhabbiin kun dhimma heeraa yoo ta’e, naannolee hundatu miidhama kan jedha Dr Taaddasaan, kanaaf "hundumtu irratti hirmaatee, naannoo Tigiraay seera jala galchuun dirqama" jedhu.

Dhimma filannoo dheeressuu...

Ogeessi seeraa gameessi Dr Taaddasaa Leencoo wayita gumiin calallii seeraa dhimma filannoo dheeressuu hayyoota mariisisaa ture namoota yaada kennaa turan keessaa tokko.

Mootummaan federaalaa filannoo dheeressuuf bu'uura heeraa hin qabu jechuun falmii Mootummaa Tigraay dabalatee namoota siyaasaa fi ogeeyyii seeraan kaa'u itti walii hin galan.

"Heerri mootummaa ifatti kaa’eera, kana kana murteessuu mana maree federeeshiniiti" jedhu.

Heera mootummaa keeyyata 62(1) eeruun waa’ee heeraa kamiyyuun ilaaluuf aangoon mana maree federeeshiniitiif kennamu himu.

Dhimma filannoo "mootummaan federaalaa mana marichaatti dhiyeesse kan murteeffame malee, MM Abiy miti kan murteesse" jedhu.

Kana darbee naannoon Tigiraay waan feene goona jechuun abbaa irrummaati jedhan.