Murteen filannicha dhaabsisuuf darbu labsii waraanaati-naannoo Tigiraay

Madda suuraa, TIGRAY COMM. OFFI.
Filannnoo Naannoo Tigiraayitti gaggeeffamuuf jiru dhaabsisuuf Mana Maree Federeeshiniitiin murteen darbu akka labsii waraanaatti akka ilaaluKoreen Hoji-raawwachiiftuu Mootummaan Naannoo Tigiraay ibsa baaseen beeksiseera.
Ibsi kun kan bahe Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa guyyoota dura Sambata boruu kora ariifachiisaa waamuu isaatiin walqabateeti.
Manni Maree Federesshinii waamicha miseensota isaatiif dabarseen bara Paarlaamaa 5ffaa waggaa 5ffaa kora ariifachiisaa A L I Hagayya 30/2012 akka gaggeeffatu beeksisuun alatti dhimmi maaliirratti akka mariin taasifamu ibsuu baatus, Koreen Hoji-raawwachiiftuu Tigiraay filannoo naannichatti gaggeeffamu ilaalchisee murtee kennamu kamiyyu akka hin fudhanne dursee beeksiseera.
Ibsi Koree hoji-raawwachiiftuu naannichaa korri ariifachiisaa Manni Maree Federeeshinii waame, "Kan hin baramneefi ajandaan isaa maal akka ta'e kan hin beekamne" jechuun eerulleen murteewwan filannoo naannoo Tigiraayitti gaggeeffamu kan ilaallatu akka darbuu danda'u yaada kenneen akeekeera.
Ibsi Koree Hoji-raawwachiiftuu kun akka jedhutti: "Filannicha dhaabsisuudhaaf ykn gufachiisuudhaaf murteewwan Manni Maree Federeeshinii fudhatu kamiyyu akka waraana labsuutti ilaalama," jechuutti dabaluun "rakkoo sababa kanaan uumamuuf kan itti gaafatamu Mana Maree Federeeshiniifi Ministira Muummichaa ta'uu isaanii beekamuu qaba," jedheera.
Kanaaf, murteen filannicha dhaabsisuuf darbu fudhatama akka hin qabne ibsuun, "Ummatichi qaama isa bulchu sagaleen akka filatu jajjabeeffamuu qaba malee adeemsa kana dhaabsisuuf yaaliin taasifamu farra dimokiraasii," ta'uu isaa himeera.
Ibsi naannoo Tigiraay kun naannichatti filannoon marsaa ja'affaa yeroo isaa eeggatee akka gaggeeffamu baatiiwwan dura murteen darbuu isaa yaadachiisuun, kana mirlkeessuudhaaf ammoo naannichatti qaamoleen dhimmi ilaallatu waan isaanirraa eegamu ba'achaa jiru jedheera.
Kanaaf, "Seeraafi sirna jiru hordofuun murtee ummataa irratti hundaa'uudhaan mootummaan naannichaa kan itti aanu kan hundeeffamu ta'a," jedheera.
Kanaan dura, Naannoon Tigiraay naannolee biyyattii keessa jiran biroon alatti qofaa isaatti gaggeeffachuuf murteessuu isaa hordofee Manni Maree Federeeshinii murteen kun seeraan ala ta'uu ibsuun naannichi sochii filannoo gaggeessuu akka dhaabu akeekkachiisee ture.
Naannichi kana mormuudhaan Mana Maree Federeeshiniif deeebii kennuudhaan filannoo gaggeessuuf amma yeroo torban tokko hin guutnetu hafe.
Ummaticha hirmaachisuudhaan bifa hundaaf ifa ta'een filannicha gaggeessuudhaaf dhumarra ga'uu isaa ibsuun, yaaliin yeroo kana keessa gidduu-galuudhaaf taasifamu "jiraachuu biyyattii kan balaarra buusu ta'uun isaa beekamuu qaba" jechuun akeekkachiiseera.
Bu'uuruma kanaan filannoon biyyaalessaafi naannolee akkaataa adeemsa heera mootummaan kan gaggeeffamu waan ta'eef, dhiibbaa fi keessa seentummaa qaama kamiinuu kan hin gufanne ta'uu ibsan
Uummannis kana beekee akka of qopheessu, akkasumas sabaa fi sablammoonnii fi humnoonni federaalistii ta'an akka cinaa dhaabbatu gaafatan.
Filannoon akka biyyaatti dhuma ji'a Hagayyaarratti filatamuuf ture sababa weerara koronaavaayirasiif jecha yeroo biraatti akka darbu manneen maree bakka bu'oota uummataa fi federeeshinii murteessanis naannoon Tigraay filannoo gaggeessuuf murteessee Qaammee 04,2012 guyyaa filannoo godhee sagantaa qabateera.
Adoolessa darbe manni maree federeeshinii naannoon Tigiraay sochii adeemsa filannoo akka dhaabuuf xalayaa akeekkachiisaa barreessee ture.
Manni maree kun xalayaa kanarratti akka ibsetti, naannoon Tigraay akeekkachiisa itti kenname tuffatee dhiisee ''gocha heera mootummaa balaaf saaxilu'' kan itti fufu yoo ta'e, manni marechaa aangoo heera mootummaa fi seerota biroodhaan kennameefitti dhimma ba'uun tarkaanfii akka fudhatu akeekkachiisee ture.
Bu'uuruma kanaan Afa-yaa'iin Mana Maree Naannoo Tigraayis, xalayaan barreeffame bu'uura heeraa kan hin qabnee fi qajeeltoowwan heera mootummaa kan sarbu, aangoo birmadummaa sabaa fi sablammoota biyyattiif kenname kan faallesssu ta'uusaa ibsanii turan.
Xalayaa kana mootummaa fi uummanni naannochaa akka hin fudhannes deebii kennaniin ibsaniiru.
Naannochi filannoo gaggeessuuf yeroon muraasi kan isa hafe yoo ta'u, wayita manni maree federeeshinii walga'ii ajandaansaa ifa hin taane gaggeessuuf waamicha dhiyeessetti mootummaan naannoo Tigraay ibsa kana baase.
Kun osoo kanaan jiruu miseensonni Mana Maree Federeeshinii naannoo Tigiraay osoo ajandaan kora ariifachiisaa waamame kanaa dursee nuuf hin kennamiin irratti hirmaachuu hin dandeenyu jedhaniiru.
Miseensonni kunneen xalayaa Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaatiif barreessaniin danbii ittiin bulmaataa Mana Maree Federeeshinii foyyaa'e A L I lakk. 1/1999tiin korawwan ariifachiisaas ta'e kan idilee yeroo waamamutti ajandaan dursee miseensota qaqqabuu qaba jedhaniiru.
Akkasumas bu'uura Heera Mootummaa Itoophiyaa keeyyata 12 irratti akka tumameen hojmaanni iftoominaafi itti-gaafatamuummaa qabu jiraachuun dirqama jechuun, xalayaan waamichaa akka isaan qaqqabeen ajandaan kora yaadamee maal akka ta'e baruudhaaf yaaliin bilbilaan hubachuuf taasifnes hin milkoofne jedhaniru.
















